Psalms 26
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Daadimata Nama Komii hin qannee
Faaruu Daawitii.
1Ani komii tokko malee,
sitti addadhee raafama malee waan le'eef,
Ee Mootii Waan Maraa, naaf muri.
2Ee Mootii Waan Maraa,
na qorqori, hagalle na ilaali;
gadhaa kiyyaa fi qalbii tiyya qorqori.
3Jaalalli keeti ka bara baraa
ila tiyya dura jira;
anille dhugaa teetiin hin ideema.
4Ani sobaaleyyii woliin hin tee'u;
worra kijiboolee jaala hin godhadhu.
5Ani yaa'ii worra hantuu hujuu hin jibba;
hamaaleyyii wolille'een hin tee'u.
6Yakkaa akka hin qanne mudhisiisaaf,
harka dhiqadha;
Ee Mootii Waan Maraa,
addee ciinca'aa teeti cinaa mara.
7Faaruu galataa guddisee faarfataa,
hujii maade'ee teeti hin odeessa.
8Ee Mootii Waan Maraa, mana keeti addee ati leetu,
addee ulfinni keeti jiru, ani hin jaaladha.
9Lubbuu tiyya cubbaaleyyii woliin,
jiruu tiyya worra dhiiga namaa dhangalaasu woliin
hin balleessin.
10Harka worra akkasii keessa karoora hama'atti jira;
harka isaanii middicha keessa safu'utti guuteera.
11Ani ammoo komii malee le'a;
na wodi; na mararfadhu.
12Miilli kiyya lafa wol qixxee irra dhaabbateera;
gumii guddoo keessatti
ani Mootii Waan Maraa leellisa.

Did you know?
Integrity and Worship in God's Dwelling
- The psalm connects personal integrity with public worship. The speaker speaks of washing hands in innocence before approaching the altar, proclaiming love for the house of the LORD and the dwelling place of divine glory.Sources: the Bible text itself
- The psalmist invites God to examine his heart and mind, explicitly setting his own path apart from deceitful individuals, hypocrites, and violent people whose hands hold bribes and wicked plots.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org