Nations Bible

Psalms 24

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Mooticha Guddaa

Faaruu Daawitii.

1Lafaa fi wonni lafa irra jiru marti

ka Mootii Waan Maraa ti;

biyyi lafaatii fi worri isii keessa le'u marti ka isaa ti.

2Inni lafa hundee abbaaya'aa irra keye,

bisaan irra isii jabeessee dhaabe.

3Gara kooba Mootii Waan Maraa ka ol bayu eennu?

Dunkaanii isaa woyyittii keessa ka dhaabbatu eennu?

4Nama harka qulqullu'uutii fi gadhaa qullu'uu,

ka waaqota dharaa hin waaqonfanne,

ka sobaan hin kakanne qofa.

5Inni Mootii Waan Maraa biraa eebba,

Waaqa fayyisaa biraa balchummaa hin dhaggata.

6Dhalooti isa barbaadu isaan kana;

ee Waaqa Yaaqoobii,

worri fuula keeti barbaadu isaanuma kana.

7Mootiin ulfinnaa akka seenu,

Ee Karra, gara maraan banama'a!

Isin balbala durii durii, badhadha'aa banama'a!

8Mootiin ulfinnaa kun eennu inni?

Inni Mootii Waan Maraa jaba'aa fi janna;

inni Mootii Waan Maraa ka lolaan jaba'aa ti.

9Mootiin ulfinnaa akka seenu,

Ee karra, gara maraan banama'a!

Isin balbala durii durii, badhadha'aa banama'a!

10Mootiin ulfinnaa kun eennu inni?

Inni Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade,

mootii ulfinnaa ti.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

The King of Glory and the Holy Hill

  • Psalm 24 reflects an entrance liturgy formatted as a dialogue, where heralds call upon ancient gates to open and gatekeepers ask who the King of Glory is before welcoming the Lord of Hosts.Sources: the Bible text itself
  • The psalm outlines moral prerequisites for ascending the hill of the Lord and seeking the God of Jacob, emphasizing clean hands, an uncorrupted heart, and freedom from deceit and idolatry.Sources: the Bible text itself · Jacob (Israel)

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.