Nations Bible

Proverbs 7

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

1Ilma kiyya, jecha kiyya eegadhu;

ajaja kiyya gadhaa keeti keessatti qabadhu.

2Akka leetuuf,

ajaja kiyya eeggadhu;

barsiisa kiyyalle

akka gumaa ila teetii eeggadhu.

3Akka qube'ee quba keetitti keyadhu;

gadhaa keeti keessatti barreeffadhu.

4Qarumma'aan, «Ati obboleettii tiyya» jedhi;

hubantiille'een, «Ati fira kiyya» jedhii waami.

5Isaan dubartii gaarayyeeffattuu,

ta jechoota gammachiisuun

nama qaxafattu irraa si eegan.

Soba Dubartii Gaarayyeeffattu'uu

6Gaafa tokko ani karaa foddaa

mana kiyyaatiin ala ilaalee,

7worra yaadaan hin bilchaatin keessaa,

dargaggoota oddu'uu,

dargaggeessa qalbii hin qanne tokko dhagge.

8Inni karaa cinaa mana dubartii takkaa geessu gula,

gara mana isi'ii ideemiisatti jiraayyu.

9Yennaan sun aduun seentee,

galgala dimimmisa

halkan dukkana keessa.

10Achiin duuba dubartittiin gad isatti baate;

isiin akka sagaagaltu'uu uffattee

nama dokonkorsiisaaf mala qaddiiyyu.

11Isiin ta ila gad hin qabanne,

mati-jabeetti'i;

isiin ijjumaa mana hin teettu.

12Takka karaa irra,

takka woldeennaa kara'aa irra

cinaa karaa maraa irra

dhaabbattee eeggatti.

13Isiin isa qaddee,

sunqattee, fokkoo malee, isaan,

14«Ani kennansa tokkumma'aa qaba;

adha waan waadaa gale muummesseera.

15Maarre ani si fudhatiisaaf gad baye;

ani si dhaggiisaaf dharra'eeruun,

kunoo si dhagge.

16Ani woyaa quncee talba'aa

ta biyya Gibxi'iititti seefantee hujante,

taqee tiyya irra afeera.

17Taqee tiyyatti fiqiree, qumbii,

dakkaraa fi qurunfudii irraa hujante itti biifeera.

18Koy, haga latti bariitutti

jaalala keenna dheebuu baanaa ti;

jaalalaan ifii gammachiinnaa ti.

19Dhirsi kiyya mana hin jiru;

inni fagoo deemeera.

20Inni beesee guddoo

fudhatee deemeera;

haga ji'i goobanutti

deebi'ee hin galu» jette.

21Isiin jechoota gammachiisuun

karaa irraa isa gorsite;

dubbii damma dibiisaan

isa dokonkorsite.

22Yoosuma inni akka sangaa gara qalamu deemuu,

akka gadansa

gara fonxoro'oo deemuu,

isii gula deeme.

23Haga daayi tiruu isaa woraanutti,

akka sinbirreen kaatee tiyyoo seentu,

innille wonni kun

lubbuu isaatitti akka dhuttu hin beenne.

24Ammalle ilmaan tiyya,

na caqasa'a;

waan ani jedhulle

itti xiyyeeffadha'a.

25Gadhaan keessan gara karaa isi'ii hin deebi'in;

daandii isi'ii gula ideentanee

karaa irraa hin gorina'a.

26Isiin namoota hedduu madeessitee jissiteerti;

namoota bindillaalle ijjeetteerti;

27Manni isi'ii karaa addee worri du'e jiru,

ka gara awwaalaa gad geessu.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

The Trap of Seduction

  • The narrator observes the scene through the lattice of a house window, watching the street below as twilight fades into the dark of night. This literary perspective presents the story as an eyewitness account warning against wandering into places of temptation.Sources: the Bible text itself
  • The seductress mentions that she has paid her vows and offered peace offerings, meaning she had meat from sacrifices prepared for a feast. She further appeals to luxury by mentioning colored linen imported from Egypt and perfumes of myrrh, aloes, and cinnamon.Sources: the Bible text itself
  • To counter the allure of the stranger, the teacher urges the youth to embrace wisdom as a sister and understanding as a close relative. Cultivating an intimate, familial relationship with wisdom is framed as the vital defense against deceptive speech.Sources: the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Egypt · 30.129, 31.308 · verse 16

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.