Nations Bible

Proverbs 8

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Waamicha Qarumma'aa

1Qarummaan hin waantuu ree?

Hubantiin qoonqoo ol hin qabattuu ree?

2Isiin kooba karaa biraa gubbaa,

addee qaxxaamura kara'aa dhaabbatti.

3Karra gara qacha'aa seenanu biraa,

addee seensuma qacha'aatii,

qoonqoo ifii ol qabattee iyyaa,

4«Ee namoota, ani isin waama;

qoonqoo tiyya ol qabadhee

ilmaan namaa mara waama.

5Isin worri hin bilchaatin qarummaa qabaadha'a;

isin worri gowwaan hubantii qabaadha'a.

6Ani waan bu'aa qabu dubbataaraa caqasa'a;

waan sirrii te'e dubbatiisaaf

afaan kiyya saaqadha.

7Afaan kiyya dhugaa dubbata;

arrabi kiyya waan hantuu jibba.

8Jechooti afaan kiyyaa marti haqa;

isaan keessaa daddabaan

yookiin micciiramaan hin jiru.

9Worra hubantii qabuuf,

marti isaaniituu ifa;

worra beekkumsa qabuuf dokonkora hin qabu.

10Meetii caalaa gorsa kiyya,

worqii qulqulluu caalaalle beekkumsa filadha'a.

11«Qarummaan dooqa diimaa waan caaltuuf,

wonni ati halchitu marti isii woliin

wol hin qixxoottu.

12«Ani qarummaan,

malaammessummaa woliin jiraadha;

beekkumsii fi qalbeeffatiis kiyya.

13Mootii Waan Maraa sodaatiis

waan hantuu jibbiisa;

ani kooraa fi bondhooriisa,

karaa hama'aa fi dubbii micciirantuu jibba.

14Gorsii fi muraan haqaa tiyya;

ani hubanti'ii fi hunnalle hin qaba.

15Moototi anaan mootii te'an;

bulchitootille anaan seera haqaa baasan.

16Bulchitooti,

qondaaltoti biyya bulchanu martinuu

anaan biyya bulchan.

17Ani worra na jaalatu hin jaaladha;

worri na barbaadatu na hin dhagga.

18Durumma'aa fi ulfinni,

qabeenni hin dabarree fi milkiin na bira jiran.

19Midhaan kiyya

worqii qulqulluu caala;

kennansi kiyya meetii qullittii caala.

20Ani karaa balchumma'aa irra,

daandii haqaa irra ideema.

21Worra na jaalatuuf

qabeenna hin kenna;

gootaraa isaaniille hin guuta.

22«Mootiin Waan Maraa,

hujii ifii ta durii durii san maraan dura,

ana qarummaa dade.

23Jalqaba bara durii durii,

biyyi lafaa adoo hin dadamin ani muudame.

24Yennaa abbaayaan gugurdoon hin jirre,

yennaa maddi bisaaniituu hin jirre ani dhaladhe.

25Gaarotaa fi kooboti adoo hin dadamin dura

ani dhaladhe.

26Waaqi lafa yookiin diida adoo hin dadin dura,

yookiin biyyee biyya lafaa takkaalle adoo hin dadin

ani dhaladhe.

27Yennaa inni abbaaya'aan gubbaa ol-gubbaa diriirse,

ani achi jiraayyu.

28Yennaa inni gubbaa irratti duumensa dade,

yennaa inni madda abbaaya'aa dade,

29bisaan ajaja isaa irra akka hin dabarre,

yennaa inni meessaa abbaayota gugurdo'oo tolche,

yennaa inni meessaa hundee lafaa tolche,

ani achi jiraayyu.

30Ani yennaa san akka ogeessa guddichaa te'ee,

isa woliin achi jiraayyu.

Ani yennaa mara isa duratti gammadaa,

guyyuma guyya'aan

isa gammachiisaa tureeyyu.

31Ani biyya lafaa ta isaa duudi'iin firinxiixaa,

nama maraan gammadaa tureeyyu.

32«Ammalle ilmaan tiyya, na caqasa'a;

worri karaa kiyya eegatu ka gammade.

33Gorsa kiyya caqasa'aatii,

qaroo te'a'a;

gorsa kiyya cadhittanee hin ilaalina'a.

34Nami na caqasu,

ka guyyuma guyya'aan

balbala tiyya duratti dammaqee,

karaa balbala tiyyaa duratti na eegatu

ka gammade.

35Nami na dhaggatu jiruu dhaggata;

Mootii Waan Maraa biralle'etti

fudhatama qabaata.

36Nami na dhabu ifi miidha;

nami na jibbu marti du'a jaalata» jetti.

Did you know?

The Call and Antiquity of Wisdom

  • In this chapter, wisdom is personified as a woman who does not speak in secret, but boldly calls out in public spaces, including crossroads, overlooking heights, and the entrances of city gates.Sources: the Bible text itself
  • Wisdom describes herself as brought forth before the creation of the earth, mountains, and seas, present beside God as a skilled craftsman while the foundations of the world were established.Sources: the Bible text itself
  • The text states that wisdom is more precious than gold, silver, or rubies, and acts as the guiding virtue by which kings reign and rulers enact just laws.Sources: the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.