Nations Bible

Proverbs 6

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Gowwummaa Irraa Ifi Eeggatiisa

1Ilma kiyya, namaaf wobii yoo teete,

marroo nama dhibi'iitiif

harka wol dhowatiisaan

waadaa yoo galte,

2woma dubbatteen tiyyoo yoo seente,

jechuma afaan keetii bayeen yoo qabante,

3ilma kiyya, harka nama sanii waan seenteef,

ifi baasiisaaf,

gara nama sanii dhaqiitii,

gad ifi qabi;

akka inni wobummaa san si irraa buusuuf

isa gaafadhu.

4Adoo tana hin godhin hin rafin;

hirriibi ila teeti irra hin marin.

5Akka gadansi worra adansu jalaa,

sinbirreen tiyyoo jalaa miliqanu,

atille ifi baasi.

6Ati namicha booseya,

me dhaqiitii mixaa dhukkulle ilaali;

mala isaa ilaaliitii qaroo te'i.

7Isaan sooressa,

toowataa yookiin bulchaa hin qabanu;

8te'uu malee sagalee ifii ta bonaa,

waan isaaniif barbaachisu

yennaa midhaan galu keessa wolitti qabatan.

9Ati namichi boosenni

haga yoomii achi ratta?

Ati yoom hirriibaa kaata?

10Ati diqqoo adoo rattuu,

diqqoo adoo mudduu,

foorfatiisaafille

diqqoo adoo harka wol irra naqattuu,

11hiyyummaan akka saantu'uu,

akka nama meya woraanaa hidhatee,

sitti hin dhufa.

12Nami gadhe'ee fi nami hamaan,

ka dubbii micciiraa asii fi achi deemu,

13ka ilaan qiphifatu,

ka miilaan beessisa kennu,

ka qubaan akeeku,

14ka gadhaa ifii keessatti

mala hamaa dhowu,

yennaa mara lola kaasa.

15Tanaaf balaan dedhuma isatti hin bu'a;

yoosuma cabiisa hin fayyine caba.

16Wonni jaa ta Mootiin Waan Maraa jibbu,

torbeessoon ta inni dhiqatu jiran;

17isaan kun ila tuffi'ii,

arraba dharaa,

harka dhiiga worra yakkaa hin qannee dhangalaasu,

18gadhaa waan hantuu yaadu,

miila gara waan hantu'uu fiigu,

19nama dharaan nama irratti dhugaa bayu,

ka obboleeyyan oddu'utti lola kakkaasu.

Gaarayyeeffatiisa Irraa Ifi Eeggatiisa

20Ilma kiyya, ajaja abbaa keetii eegadhu;

barsiisa haadha teetiille hin lakkisin.

21Yennaa mara gadhaa keeti keessa keyadhu;

morma keetille'etti hidhadhu.

22Isaan yennaa ati ideentu

si sooressan;

yennaa rattu si eegan;

yennaa ati dammaxxu

si'itti dubbatan.

23Ajaji kun issa'a;

barsiisi kunille ifa;

qajeelfamaan sirreeffamiis

karaa jiru'uu ti.

24Dubartii hantuu irraa,

arraba lallaafaa dubartii

gaarayyeeffatitti'ii irraa si eega.

25Gadhaa keeti keessatti

dansummaa isi'ii hin halchin;

ilti isi'ii si hin booji'in.

26Gatiin dubartii sagaagaltitti'ii

haga xaltaa daabbo'oo ti;

dubartiin gaarayyeeffattuun ammoo

gatii jiruu teetii si kaffalchiitti.

27Nami ibidda boba'atti qabatee,

woyaan isaa adoo hin gubatin

hafuu dandeettu hin jiraa?

28Yookiin nami kashila irra ijjatee,

miilli isaa adoo hin gubatin

hafuu dande'u hin jiraa?

29Nami niitii namaa woliin rafulle akkasuma te'a;

nami niitii namaa tuqee

adoo hin adabamin hafu hin jiru.

30Hattichi yennaa beelote,

beela ifii bayiisa qofaaf yoo hate,

nami isa hin tuffatu.

31Yoo qabame ammoo,

qabeenna inni qabu mara gaafattulle,

dachaa torba godhee kaffalaa motii ree?

32Nami gaarayyeeffatu ammoo qalbii hin qabu;

nami gaarayyeeffatu marti ifi balleessa.

33Inni mada'aa fi salphinna hin dhaggata;

qaaniin ijjumaa isa irraa hin baddu.

34Hinaaffaan abbaa manaa waan aarsituuf,

inni yennaa haluu bayu

marartii hin qabu.

35Inni kaffaltii tokkolle hin fudhatu;

haga fedhe bacatulle,

kennansi aarii isaa hin qabbaneessu.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Warnings Against Traps, Laziness, and Discord

  • The phrase striking hands refers to a gesture used to make a legal or financial pledge. The passage warns that taking on surety for another person can ensnare someone, advising immediate action without sleep to free oneself like a hunted gazelle or bird.Sources: the Bible text itself
  • The text points to the ant as a model of wisdom and self-directed labor because it stores food during the summer and harvest without needing a commander, overseer, or ruler.Sources: the Bible text itself
  • The passage uses a graded numerical formula, listing six things the Lord hates and seven that are detestable, systematically condemning arrogance, deceit, violence, malice, false testimony, and the stirring of discord.Sources: the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.