Nations Bible

Joshua 18

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Qoodama Lafa Hattee

1Israa'elooti injifatanee lafa qabataneen duuba, wolde'i gumii Israa'elii duudiin Shiilo'otti wolitti qabamee, dunkaana itti Waaqa wolde'anu dhaabane. 2Kolbaa Israa'elii keessaa gosi torba haga ammaalle qooda lafa ifii ka hin dhaggatin jiraniiyyu. 3Maarre Iyaasuun kolbaa Israa'eliitiin, «Lafa Goottaan Waaqi abbootii teessanii isiniif kenne seentanee qabatiisaaf haga yoomii eeddan? 4Gosa duudii keessaa nama sad sad naa fila'a. Isaan dhaqanee biyya keessa deddeebi'anee, lafa gosi isaanii qoodamu'uu malte ilaalanee akka gara kiyya deebi'anu hin erga. 5Isaan lafa san addee torbatti qoodan. Worri Yihuda'aa lafa ifii ta kibbaa keessa, worri Yoseefiille lafa ifii ta kaabaa keessa le'an. 6Latti torba sun maan akka fakkaattu barreessa'aatii naa fida'a. Ani Goottaa Waaqa keenna duratti hixaa isiniif buusa. 7Te'uu malee worri Lewwi'ii qoodi isaanii hayyoota te'anee Waaqa tajaajiliisa waan te'eef, isin keessaa isaan qooda lafaa hin dhaggatanu. Gosi Gaadii, Ruubenii fi gamisi gosa Minaase'ee, lafa ifii ta Muuseen tajaajilaan Waaqaa isaaniif kenne ta laga Yordaanos irraa gara aduun baatuu duruu fudhataneeran» jedhe.

8Namooti lafa qorqoriisaaf adoo hin deeminiin dura, Iyaasuun, «Gara lafa duudi'ii dhaqa'aa ilaala'aatii, maan akka fakkaattu barreessa'aatii gara kiyya deebi'a'a. Anille Waaqa duratti as Shiilo'otti hixaa isiniif buusee hin qooda» jedhe. 9Maarre namooti lafa duudii dhaqanee, qachoota galmeessanee lafa addee torbatti attam akka qoodane barreeffamaan keyane. Achiin duuba quttuma Shiilo'ootitti gara Iyaasu'uu deebi'ane. 10Iyaasuun Waaqa duratti hixaa isaaniif buuse. Worra Israa'elii ka hafanelle'eef akka gosa gosa isaaniititti lafa qoode.

Lafa Gosa Beniyaaminiitiif Kennante

11Hixaan duraa akka maatii maatii isaaniititti gosa Beniyaaminiif bu'e; latti isaanii wodhakkaa gosa Yihuda'aatii fi Yoseefii ti. 12Gara kaabaatiin meessaan isaanii laga Yordaanosiitii ka'ee, gara goodda kaaba Yeriko'oo ol bayee, karaa aduun seentu biyya koobitti'iin haga goomolee Bet-Aweenii ti. 13Achii ka'ee gara goodda kibba Luzii ka «Bet'el» jedhamu dhaqee, gaara kibba Bet-horoonii jalaa irra bayee, gara Ataarot-adaariititti gad bu'a. 14Achiin duuba karaa dhibi'iin gaaruma kana gara aduun seentuun gara kibbaa deebi'ee, gara qachaa gosa Yihuda'aa Kiriiyat-Ba'aaliik ka Kiriiyat-Ya'ariim jedhamuu deema. Meessaan gara aduun seentuu kana. 15Meessaan gara kibbaa irga Kiriiyat-Ya'ariimii irraa jalqabee karaa aduun seentu gara madda Nefto'aatitti deema. 16Meessaan sun gara gaara jalaa ka fuullee dhooqa Ben-henoomii irga dhooqa dhuma kaaba Refaa'otaatitti gad bu'a. Achii ka'ee gara qachaa dhooqa Hiinomii gad bu'ee, gara kibba goodda qachaa Yibusootaa dhaqee, gara En-Rogeelii deema. 17Achiin duuba kaabatti deebi'ee karaa En-Shemeshiitiin, Geliilotii fuullee Abdumiimii irra bayee, gara dhakaa Bohanii ilma Ruubeniititti gad bu'a. 18Gara kaabaatiin goodda dhuma fuullee dhooqa laga Yordaanosiititti gad bu'ee, 19gara kaabaatiin dhuma Bet-Hoglaa irra bayee, addee lagi Yordaanosii itti dhumatu kaaba hullufa Abbaayaa Sooddaatitti dhaabbata. Meessaan kibbaa kana. 20Meessaan gara aduun baatuu laga Yordaanosii ti. Meessaan maatiin gosa Beniyaaminii akka lafa ifiititti fudhatte kana.

21Qachooti maatiin gosa Beniyaamii fudhatte Yerikoo, Bet-Hoglaa, Emek-Keziiz, 22Bet-Arabaa, Zemaaraayim, Bet'el 23Awiim, Faaraa, Ofraa, 24Kefaar-Amoonii, Ofnii fi Geba'a: qachoota gugurdaa kudha lamaa fi qachoota adaala isaanii ti. 25Akkasuma Giibe'on, Raamaa, Be'erot 26Miisphaa, Kefiiraa, Mozaa, 27Reqem, Irphii'el, Taraalaa, 28Zelaa, Eeleef, qachaa worra Yibusootaa, Giibe'aa fi Kiriiyat-Ya'ariim: qachooti gugurdaan kudha afurii fi qachooti adaala sanii ka maatii gosa Beniyaamii akka lafa ifiititti fudhatte kana.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Assembly at Shiloh and Benjamin's Allotment

  • The assembly of Israel established the Tent of Meeting at Shiloh, a city in Ephraim north of Bethel. This made Shiloh the central place of worship and the staging ground for distributing the remaining land to the tribes.Sources: the Bible text itself · Shiloh
  • To divide the territory among the seven remaining tribes, Joshua sent three men from each tribe to walk the land and record a detailed description of seven portions. Joshua then cast lots in the presence of the LORD at Shiloh to assign each allotment.Sources: the Bible text itself
  • The first lot among the seven tribes fell to Benjamin, situated between the territories of Judah to the south and the house of Joseph to the north. This compact allotment included prominent cities such as Jericho, Bethel, and Jebus (Jerusalem).Sources: the Bible text itself · Benjamin (patriarch)

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Shiloh · Today: Khirbet Seilun · 32.056, 35.290 · verses 1, 8, 9, 10
  • Jordan · Today: Jordan River · 31.761, 35.558 · verses 7, 12, 19, 20
  • Jericho · Today: Tell es Sultan · 31.872, 35.445 · verses 12, 21
  • Lower Beth-horon · Today: Beit Ur al Tahta · 31.895, 35.084 · verse 13
  • Luz · Today: Beitin · 31.923, 35.241 · verse 13
  • Beth-horon · Today: Beit Ur al Tahta · 31.895, 35.084 · verse 14
  • Kiriath-jearim · Today: Deir el Azar · 31.809, 35.104 · verses 14, 15, 28
  • Valley of Hinnom · Today: Hinnom Valley · 31.769, 35.228 · verse 16
  • Valley of Rephaim · 31.763, 35.219 · verse 16
  • Adummim · 31.817, 35.362 · verse 17
  • Arabah · 30.417, 35.151 · verse 18
  • Salt Sea · Today: Dead Sea · 31.500, 35.500 · verse 19
  • Gibeon · Today: El Jib · 31.847, 35.183 · verse 25
  • Mizpeh · Today: Tell en Nasbeh · 31.885, 35.216 · verse 26
  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 28

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.