Nations Bible

Joshua 17

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Lafa Gosa Minaase'ee Gamisaaf Kennante

1Gosi Minaasee ilma Yoseefiif angafichaa, sanyiin Maakiirii ilma angaficha Minaasee abbaa Giil'aadotaa, lolaan jajjaboo waan te'aneef, latti Giil'aadiitii fi Baashaanii isaaniif kennante. 2Latti gara aduun seentuu maatii Minaase'ee worra hafeef, Abii'ezer, Helek, Asrii'el, Sheekem, Heferii fi Shemeda'aa kennante. Isaan kun sooreyyii maatii ilmaan sanyii Minaasee ilma Yoseefii ti. 3Zelofehaad ilma Heferii ti; Hefer ilma Giil'aadii ti; Giil'aad ilma Maakiirii ti; Maakiir ilma Minaase'ee ti. Zelofehaad durra malee, ilmaan hin qabu. Maqaan isaaniille Maahilaa, No'aa, Hoglaa, Miilka'aa fi Tiirza'a. 4Isaan gara hayyicha Ele'azaarii, Iyaasuu ilma Nuniitii fi sooreyyi'ii dhaqanee, «Muuseen akka obboleeyyan teenna ta firaatitti, lafa akka nuuf kennu Waaqi isa ajajeera» jedhane. Tanaaf akka Waaqi ajajetti isaan obboleeyyan firaa woliin lafa fudhatane. 5Sababi Minaaseen lafa Baashaaniitii fi Giil'aadii ta laga Yordaanos irraa gara aduun baatu jirtutti dabalatee qooda kudhan fudhateef, 6dubartooti sanyii isaa akkuma sanyii ilmaan dhiiraa lafa waan fudhatteef, latti Giil'aadii sanyii Minaase'eetiif kennante.

7Latti Minaase'ee Asheerii kaatee, haga Mikmaataatii ta Sheekem irraa gara aduun baatuu ti. Achiin duuba meessaan gara kibbaa deemee kolbaa En-Taafu'aa keessa leetu dabalata. 8Latti adaala Taafu'aa ta Minaase'ee teetee, qachaan Taafu'aa ka meessaa irra jiru ammoo ka sanyii Efreemii te'e. 9Achiin duuba meessaan haga laga Qaana'aa gad bu'a. Qachooti laga san irraa gara kibbaatitti dhaggamanu, biyya Minaase'ee keessa te'ulle ka Efreemii ti. Meessaan Minaase'ee gara kaaba lagaa dhaqee Abbaayaa Gudditti'itti dhaabbata. 10Meessaan isaanii gara aduun seentuun abbaayaa Mediteraaniya'aa te'ee, latti gara kibbaa ta Efreemii, ta gara kaabaa ta Minaase'ee ti. Meessaan gara kaabaa lafa Asheeriititti dhaabbata; gara aduun baatuun lafa Yisaakoriititti dhaabbata. 11Biyyi Yisaakorii fi Asheer keessaa Bet-Shaanii fi ollooti isi'ii, Yible'aamii fi ollooti isi'ii, kolbaan qachaa Dooriitii fi ollooti isi'ii, kolbaan qachaa Endooriitii fi ollooti isi'ii, kolbaan qachaa Ta'anaatii fi ollooti isi'ii, kolbaan qachaa Megidootii fi ollooti isi'ii duudiin ka Minaase'ee te'ane. 12Teetuu malee kolbaan Minaase'ee qachoota san qabatuu hin dandeenne; tanaaf worri Kana'aanotaa achuma keessa le'ane. 13Israa'elooti jajjaboo te'anulle, Kana'aanoti akka hunnaan isaaniif hujanu godhane malee, ijjumaa lafa sanii isaan hin ariine.

Sanyiin Yoseefii Lafa Dabalataa Gaafatte

14Sanyiin Yoseefii, Iyaasu'uun, «Waaqi waan nu eebbiseef, nuuti heddu'u; ati maaf qooda tokko callaa nuuf kennite?» jedhane.

15Iyaasuun deebisee, «Isin hedduu eega teetane, biyyi koobittiin Efreemii yoo isinitti dhiphatte, gara lafa Pheriizotaatii fi Refaa'otaa dhaqa'aatii gongomaa anadha'a» jedheen.

16Isaan deebisanee, «Latti koobittiin sun nu hin geettu; Kana'aanoti lafa dirree irra le'anuu fi worri Bet-Shaanii fi ollooti adaala sanii ka dhooqa Yizre'elii keessa le'anu ammoo garreettaa sibiilaa ka fardo'oon harkifamu qaban» jedhane.

17Iyaasuun gosa Efreemiitii fi gosa Minaase'ee ka gara aduun seentu jiranuun, «Isin dhugumaan heddu'u; guddoo jajjaboole'e. Qoodi tokko callaan isin hin gewu. 18Tanaaf biyyi koobittiin teessan hin teeti. Koobi sun gongomaa teetulle anadha'aatii, qacce'ee jalqabaatii haga qaccee dhumaatitti lafa teessan godhadha'a. Worri Kana'aanotaa garreettaa sibiilaa ka fardo'oon harkifamu qabaatee, jajjaboo te'ulle isin isaan hin ariitan» jedhe.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

The Allotment for Manasseh and the House of Joseph

  • The tribe of Manasseh was split geographically on both sides of the Jordan River. Because the clan of Machir was renowned for warfare, they had already received the eastern territories of Gilead and Bashan, while the remaining clans received ten portions on the west side of the Jordan.Sources: the Bible text itself · Machir · Gilead · Bashan
  • The daughters of Zelophehad—Mahlah, Noah, Hoglah, Milcah, and Tirzah—approached Joshua and Eleazar the priest to claim the property rights previously granted to them through Moses. Their claim resulted in female heirs receiving land portions alongside their father's brothers.Sources: the Bible text itself · Hepher · Machir
  • When the tribes of Ephraim and Manasseh complained that their territory was too small, Joshua urged them to clear the forested hill country instead of fearing the lowland Canaanites, who possessed iron chariots around cities like Beth-shean.Sources: the Bible text itself · Joshua · Beth-shean

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Bashan · 32.781, 35.935 · verses 1, 5
  • Gilead · Today: Gilead 1 · 32.187, 35.692 · verses 1, 5, 6
  • Jordan · Today: Jordan River · 31.761, 35.558 · verses 1, 2, 5
  • Shechem · Today: Tell Balatah · 32.214, 35.282 · verse 7
  • Great Sea · Today: Mediterranean Sea · 31.805, 34.170 · verses 9, 10
  • Megiddo · Today: Tel Megiddo · 32.585, 35.184 · verse 11
  • Taanach · Today: Tell Ta’anakh · 32.522, 35.219 · verse 11
  • Valley of Jezreel · Today: Jezreel Valley · 32.596, 35.242 · verse 16

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.