Joshua 19
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Lafa Gosa Shimi'ooniitiif Kennante
1Hixaan lammeesso'oo akka maatii maatii isaaniititti gosa Shimi'ooniitiif bu'e. Latti isaanii haga lafa gosa Yihuda'aatiif kennantee gara keessaa seenteerti. 2Tunille Bersheebaa, Shemaa, Molaadaa, 3Hazaar-Shu'aal, Baalaa, Azem, 4Eltolaad, Bet-Hul, Hormaa, 5Siiqlaag, Bet-Markaboot, Hazaar-Susaa, 6Bet-Labaa'otii fi Shiruheen: qachoota gugurdaa kudha sadii fi qachoota adaala sanii ti.
7Ammalle Aayin, Rimoon, Taakaan, Eter fi Ashaan: qachoota gugurdaa afurii fi qachoota adaala sanii ti. 8Kun qachoota adaala qachoota gugurdaa kanaa ka Ba'alaat-Be'erii irraa gara kibbaa jiru mara dabalata. Latti gosi Shimi'oonii akka maatii maatii isaaniititti fudhatane tana. 9Latti gosa Yihuda'aatiif kennante haga isaaniif barbaachittu caalaa waan badhatteef, lafa isaanii irraa gosa Shimi'ooniitiif kennante.
Lafa Gosa Zebulooniitiif Kennante
10Hixaan sadeesso'oo akka maatii maatii isaaniititti gosa Zebulooniitiif bu'e. Latti isaan fudhatane haga Saariidititti deenti. 11Meessaan isaanii karaa aduun seentuu gara Maaraalaa dhaqee, Dabesheetii fi laga Yaakne'aamii gara aduun baatuu tuqa. 12Karaa dhibi'iin Saariid irraa gara aduun baatuu deebi'ee, haga meessaa Kislot-Taaborititti deemee, haga Daabera'aatii fi Yaafii'aa dhaqa. 13Achille'ee karaa aduun baatutti gara Gaat-Heferii fi Iit-Kaaziinii deemee, gara Rimoona'aa dhaqee Ne'aahititti deebi'a. 14Gara kaabaatiin Hanaatonitti deebi'ee, dhooqa Yiftaa-Elitti dhaabbata. 15Kunille Kataat, Naahaalal, Shimroon, Yiiraalaa fi Betlihem: qachoota gugurdaa kudha lamaa fi qachoota adaala san jiru dabalata. 16Qachoota gugurda'aa fi qachooti kun lafa gosi Zebuloonii akka maatii maatii isaaniititti fudhatane keessa jiran.
Lafa Gosa Yisaakoriitiif Kennante
17Hixaan arfeesso'oo akka maatii maatii isaaniititti gosa Yisaakoriitiif bu'e. 18Latti isaanii Yizre'el, Kesuloot, Shuneem, 19Haafara'iim, Shi'on, Anaharaati, 20Rabit, Qiishon, Ebez, 21Remet, En-Gaaniim, En-Hadiidii fi Bet-Phaazez. 22Meessaan kun ammalle Taabor, Shaziima'aa fi Bet-shemeshi tuqee, laga Yordaanosiititti dhaabbata. Kunille qachoota gugurdaa kudha jaa fi qachoota adaala sanii dabalata. 23Qachooti gugurda'aa fi qachooti kun lafa gosi Yisaakorii akka maatii maatii isaaniititti fudhatane keessa jiran.
Lafa Gosa Asheeriitiif Kennante
24Hixaan shaneesso'oo akka maatii maatii isaaniititti gosa Asheeriitiif bu'e. 25Latti isaanii Helqaat, Haalii, Beteen, Akshaaf, 26Alaamelek, Amaadii fi Miishaal; karaa aduun seentuun Qarmelii fi Shiihor-Liibnaat tuqa. 27Achii ka'ee karaa aduun baatu deebi'ee gara Bet-daagonii dhaqee, karaa kaaba Bet-emekiitii fi Nii'eliitiin Zebuloonii fi dhooqa Yiftaa-Elitti tuqa. Achii ka'ee gara kaaba Kaabulii, 28Abdoonii, Rehoobii, Haamonii fi Qaana'aa dhaqee haga Sidoonaa gudditti'ii deema. 29Achiin duuba meessaan gara Raama'aa deebi'ee haga qachaa Xiiroosii ka dalleya dhaka'aa qabuu ti; achille'ee gara Hosaahii deebi'ee Abbaayaa Mediteraaniya'aatitti dhaabbata. Kunille Maahilaa, Akziib, 30Umaa, Afeqii fi Rehoob: qachoota gugurdaa diddamii lamaa fi qachoota adaala sanii dabalata. 31Qachooti gugurda'aa fi qachooti kun lafa gosi Asheerii akka maatii maatii isaanitti fudhatane keessa jiran.
Lafa Gosa Niftaalemiitiif Kennante
32Hixaan jayeesso'oo akka maatii maatii isaaniititti gosa Niftaalemiitiif bu'e. 33Meessaan isaanii Helefii ka'ee haga qilxaa Zaa'anaaniim jiruu deemee, Adaamii-Neqebnii fi Yaabnii'el irra bayee haga Laquumii geyee laga Yordaanosiititti dhaabbata. 34Achiin duuba gara aduun seentuun Aaznot-taaboriitti deebi'ee, gara Hoqonii deemee, gara kibbaatiin Zebuloon, gara aduun seentuun Asheer, gara aduun baatuun laga Yordaanosii tuqa. 35Qachooti gugurdaan dalleya dhaka'aa qabanu Ziidiim, Zer, Haamaat, Raaqaat, Keneret, 36Aadaamaa, Raamaa, Hazoor, 37Qedeesh, Edraayi, En-Hazoor, 38Yiroon, Migdaal-El, Horeem, Bet-anaatii fi Bet-shemeshi: qachoota gugurdaa kudhanii sagalii fi qachoota adaala sanii ti. 39Qachooti gugurda'aa fi qachooti kun lafa gosi Niftaalemii akka maatii maatii isaaniititti fudhatane keessa jiran.
Lafa Gosa Daaniitiif Kennante
40Hixaan torbeesso'oo akka maatii maatii isaaniititti gosa Daaniitiif bu'e. 41Latti isaanii Zoraa, Eshtaa'ol, Iir-Shemesh, 42Sha'aalbiim, Ayalon, Iitlaa, 43Eloon, Tiimnaa, Eqroon, 44Elteqee, Giibetoon, Ba'aalaati, 45Yehud, Azor Bene-Beraaq, Gaat-Rimoon, 46Miiyaarqon, Raaqonii fi lafa fuullee Yophe'ee ti. 47Kolbaa Daanii irraa latti yennaa fudhatante, gara biyya Laashemii dhaqanee lolanee, worra achi keessa le'u fixanee qachaa san qabatanee, ka ifii godhatane. Isaan achi qubatanee maqaa qachaa Laashemii jijjiiranee maqaa Abbaa ifii duriitiin, «Daan» jedhanee moggaasane. 48Qachooti gugurda'aa fi qachooti kun lafa gosi Daanii akka maatii maatii isaaniititti fudhatane keessa jiran.
Lafa Dhuma Irratti Iyaasu'uuf Kennante
49Kolbaan Israa'elii lafa qoodanee yennaa fixane, Iyaasuu ilma Nuniitiifille lafa kennane 50Akkuma Waaqi ajajetti qachaa Tiimnat-Seraa ka biyya koobittii Efreemii keessa ka Iyaasuun fudhatiisaaf gaafate, kennaneef. Inni achitti qachaa guddicha deebisee ijaaree itti qubate.
51Hayyichi Ele'azaar, Iyaasuun ilmi Nuniitii fi sooreyyiin maatii gosa kolbaa Israa'elii Shiilo'otti fuula Waaqaatii fi Dunkaanii Woldeenna'aa duratti lafa tana hixaa buusanee qoodane. Isaan akka kanaan lafa qoodanee fixane.

Did you know?
The Final Allotments of Land
- Simeon received an allotment located entirely inside the larger territory of Judah, because Judah's portion was considered too large for them. This included southern desert settlements such as Beersheba and Moladah.Sources: the Bible text itself · Simeon · Beersheba · Moladah
- Dan was the last tribe to receive its land allocation, situated on the western border toward the sea. When the Danites faced difficulty holding their original territory, they marched north to capture the city of Leshem and renamed it Dan after their ancestor.Sources: the Bible text itself · Dan
- Only after the division of the tribal lands was complete did the leaders grant Joshua son of Nun his personal inheritance. He requested and received the city of Timnath-serah in the hill country of Ephraim, which he rebuilt and settled.Sources: the Bible text itself · Joshua
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Negeb · 31.245, 34.841 · verse 8
- Jokneam · Today: Tel Yokneam · 32.664, 35.108 · verse 11
- Bethlehem · Today: Beit Lahm · 32.735, 35.186 · verse 15
- Shunem · Today: Sulam · 32.606, 35.334 · verse 18
- Jordan · Today: Jordan River · 31.761, 35.558 · verses 22, 33, 34
- Mount Tabor · Today: Jebel et Tur · 32.686, 35.393 · verse 22
- Mount Carmel · 32.672, 35.023 · verse 26
- Sidon · Today: Sandikli archaeological site in Sidon · 33.561, 35.372 · verse 28
- Great Sea · Today: Mediterranean Sea · 31.805, 34.170 · verse 29
- Tyre · 33.271, 35.196 · verse 29
- Allon · Today: in Hanot Taggarim · 32.721, 35.411 · verse 33
- Hazor · Today: Tel Hazor · 33.018, 35.569 · verse 36
- Kedesh · Today: Tel Kedesh · 33.112, 35.530 · verse 37
- Ir-shemesh · Today: Tel Bet Shemesh · 31.751, 34.975 · verse 41
- Ekron · Today: Tel Miqne · 31.777, 34.852 · verse 43
- Joppa · Today: Jaffa · 32.054, 34.753 · verse 46
- Dan · Today: Tel Dan · 33.249, 35.652 · verse 47
- Shiloh · Today: Khirbet Seilun · 32.056, 35.290 · verse 51
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org