Joshua 13
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Lafa Hin qabatamin Jirtu
1Yennaa Iyaasuun guddoo dulloome Waaqi isaan, «Ati guddoo dulloonteerta; lattii haga ammaa hin qabamin jirtu ammoo baca'a.
2«Lattii hin qabamin jirtu, lafa Filisxeemotaatii fi lafa Geshuurotaa, 3laga Shiihorii ka Gibxii gara aduun baatu jiruu ka'ee haga meessaa kaaba Eqroonii jiranu duudiin akka lafa Kana'aaniititti laakkowamane; tunille lafa mootota worra Filisxeemotaa shanan, Gaazaan, Ashidood, Ashiqalon, Gaat, Eqroonii fi Aawoti. 4Gara kaabaatiin, lafa Kana'aanotaa duudi'ii fi qachaa Ara'aa ka worra Sidoonotaatii haga qachaa Afeqii ka meessaa Amoorotaa ti. 5Akkasuma lafa Geblootaa, Libaanon gara aduun baatu duudii, Ba'aal-Gaadi gara kibba gaara Hermooniitiin haga karaa Haamaatii ti.
6«Worra biyya koobittii keessa le'u Libaanonii haga Misrefot-Maayimiititti, worra Sidoonii duudii ani Israa'eloota duraa hin ari'a. Ati ammoo akkuma ani si ajaje lafa san Israa'elootaaf qoodi. 7Lafa tanalle gosa sagalii fi gosa Minaase'ee gamisaaf dhaala akka te'u qoodi» jedhe.
Qoodama Lafaa
8Gosi Ruubenii, gosi Gaadiitii fi gosi Minaase'ee gamisi kuun, lafa Muuseen tajaajilaan Waaqaa isaaniif kenne duraanuu fudhataneeran. Latti sun laga Yordaanosiitiin gara aduun baatu. 9Latti isaanii Aro'erii qarqara dhooqa Aarnoniitii jalqaddee, qachaa wodhakkaa dhooqa san keessa jirtulle, lafa gooroo Medebaatii haga Diibonii, 10qachoota Sihooniin mootiin Amoorotaa, Heshiboon keessa tee'ee bulchaa ture duudii, haga meessaa Amoonotaa, 11Giil'aad irraa haga meessaa worra Geshuurotaatii fi Ma'akaatotaa, gaara Hermoonii duudii, Baashaan irraa haga Salekaahii, 12lafa mootummaa Oogii mootii Baashaanii, ka baraaree worra Refaa'otaa, qachaa Ashitaarotiitii fi Edraayii keessa le'ee bulchaa turelle dabalatti. Muuseen worra kana duudii injifatee lafa isaanii keessaa isaan baase. 13Teetuu malee Israa'elooti worra Geshuurotaatii fi Ma'akaatotaa lafa keessaa hin baanne; isaan haga ammaa Israa'eloota keessa le'an.
14Akkuma Waaqi Muusee ajaje, ciincaan Goottaa Waaqa Israa'eliitiif addee ciinca'aa irratti ciinceffamu dhaala gosa Lewwi'ii waan te'eef, Muuseen sanyii Lewwi'iitiif lafa dhaalaa hin kennine. 15Muuseen gosa Ruubeniitiif akka maatii maatii isaaniititti dhaala isaaniif kenne. 16Latti isaanii Aro'erii qarqara dhooqa Aarnonii irraa qachaa wodhakkaa dhooqa san keessa jiruun haga lafa gooroo adaala Medeba'aa ti; 17akkasuma Heshiboonii fi qachoota gooroo irraa mara: Diibon, Baamot-Ba'aal, Bet-Ba'aal-Me'on, 18Yaahaz, Qedemoot, Mefaat, 19Kiriiyat-Aayim, Siibmaa, Zeraat-sherhaar ka kooba dhooqa keessaa, 20Bet-phe'or, goodda Phiisga'aa, Bet-Yeshiimoot, 21qachoota gooroo irraa mara, lafa mootummaa Sihoonii mootii Amoorotaa ka Heshiboon keessa le'ee bulchaa turee ti. Muuseen mooticha Sihoon, sooreyyii worra Miidiyaaniitii fi worra biyya san jiru Ewii, Reqem, Zuur, Huur, Rebaa worra Sihoon woliin jiru injifate. Worri kun duudiin Mooticha Sihooniin jalatti lafa bulchane. 22Worra Israa'elooti ijjeesane keessaa tokko morticha Bala'aamii ilma Phe'orii ti. 23Meessaan gosa Ruubenii gara aduun seentuun laga Yordaanosii ti. Qachootaa fi ollooti kun gosa Ruubeniitiif akka maatii maatii isaaniititti lafa isaanii ti.
24Latti Muuseen ammalle gosa Gaadiitiif akka maatii maatii isaaniititti dhaala kenne: 25Lafa Yaazerii, qachoota Giil'aadii duudii, lafa Amoonotaa gamisa, haga Aro'erii lafa Raabaa irraa gara aduun baatu jirtu, 26Heshiboon irraa haga Raamaat-Miispha'aatii fi Betoniimii, Mahanaayim irraa haga meessaa Deebirii, 27dhooqa Yordaanosii keessa qachoota mootummaa Sihoonii mootii Heshibooniitiif hafane Bet-Haraam, Bet-Niimraa, Suukootii fi Zaafon. Meessaan qachoota kanaa gara aduun seentuun laga Yordaanosii yennaa te'u, gara kaabaatiin haga Abbaayaa Galiila'aa ti. 28Qachootaa fi ollooti kun gosa Gaadiitiif akka maatii maatii isaaniititti lafa isaaniif kenname.
Muuseen Gosa Minaase'ee Gamisaaf Lafa Kenne
29Muuseen gosa Minaase'ee gamisaaf akka maatii maatii isaaniititti lafa isaanii kenne. 30Latti isaanii Mahanaayimii haga lafa mootummaa Oogii mootii Baashaanii, Baashaan duudii, qachoota jaatama ka Yaa'iirii lafa Baashaanii keessa jiru mara, 31lafa Giil'aadii gamisa, Ashitaarotii fi Edraayii qachoota Oog mootii Baashaanii ti. Qachooti kun duudiin ka Maakiirii ilma Minaase'ee te'anee, gamisa ilmaan Maakiiriitiif akka maatii maatii isaaniititti isaaniif kennamane.
32Muuseen Yerikoo gara aduun baatuun Yordaanosiin gama, dirree Mo'aabii yennaa jiru, latti inni isaanii qoode tana. 33Goottaan Waaqi Israa'elii akkuma isaanii waadaa gale, inninuu lafa isaanii waan te'eef, Muuseen gosa Lewwi'iitiif lafa hin kennine.
Did you know?
Dividing the Land Across the Jordan
- Although Joshua was advanced in years and substantial territory remained unconquered—including Philistine strongholds and the northern regions toward Lebanon—God commanded that the land west of the Jordan be allotted to the remaining nine and a half tribes.Sources: the Bible text itself
- The chapter details the earlier distribution made by Moses east of the Jordan, where the lands taken from King Sihon of Heshbon and King Og of Bashan were assigned to the tribes of Reuben, Gad, and half of Manasseh.Sources: the Bible text itself · Sihon · Og
- The tribe of Levi was the only tribe that received no territorial land allotment. Instead, their portion consisted of the sacrificial offerings made to the LORD, with the LORD Himself being their inheritance.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Ashdod · Today: Tel Ashdod · 31.757, 34.658 · verse 3
- Ashkelon · Today: Tel Ashkelon · 31.664, 34.546 · verse 3
- Egypt · 30.129, 31.308 · verse 3
- Ekron · Today: Tel Miqne · 31.777, 34.852 · verse 3
- Gaza · Today: Tell Harube · 31.504, 34.464 · verse 3
- Sidon · Today: Sandikli archaeological site in Sidon · 33.561, 35.372 · verse 4
- Gebal · Today: Byblos · 34.119, 35.646 · verse 5
- Lebanon · 33.540, 35.584 · verses 5, 6
- Mount Hermon · 33.400, 35.850 · verses 5, 11
- Jordan · Today: Jordan River · 31.761, 35.558 · verses 8, 23, 27, 32
- Dibon · Today: Tall Dhiban · 31.502, 35.777 · verses 9, 17
- Medeba · Today: Madaba · 31.716, 35.795 · verses 9, 16
- Valley of the Arnon · Today: Wadi Mujib · 31.466, 35.573 · verses 9, 16
- Ammon · 31.955, 35.934 · verses 10, 25
- Bashan · 32.781, 35.935 · verses 11, 12, 30, 31
- Geshur · 32.767, 35.700 · verses 11, 13
- Gilead · Today: Gilead 1 · 32.187, 35.692 · verses 11, 25, 31
- Maacah · 33.258, 35.581 · verses 11, 13
- Bamoth-baal · Today: Khirbet el Quweiqiyeh · 31.732, 35.741 · verse 17
- Midian · 28.495, 35.012 · verse 21
- Rabbah · Today: Amman · 31.955, 35.934 · verse 25
- Sea of Galilee · 32.819, 35.590 · verse 27
- Havvoth-jair · 32.588, 35.726 · verse 30
- Jericho · Today: Tell es Sultan · 31.872, 35.445 · verse 32
- Moab · Today: Moab 2 · 31.840, 35.674 · verse 32
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org