Joshua 12
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Mootota Muuseen Injifate
1Lafa Yordaanosii irraa gara aduun baatu, dhooqa Aaroniitii haga gaara Hermoonii, dhooqa laga Yordaanosii irraa gara aduun baatu duudii moototi Israa'elooti injifatte isaan kana: 2Mootiin Amoorotaa Sihoon qachaa Heshiboonii keessa le'ee, qachaa Aro'erii ka irga dhooqa Aarnonii, dhooqa san keessa wodhakkaa Giil'aadiitii kaasee, haga laga Yaaboqii meessaa ilmaan Amooniititti, 3gara aduun baatu dhooqa laga Yordaanosii irraa haga Abbaayaa Kenerootitti, karaa Bet-Yeshiimootittille'een haga Abbaayaa Arabaayiitii fi Abbaayaa sooddaa, karaa kibbaatiin haga goodda gaara Phiisga'aa bulche.
4Akkasuma worra Refaa'otaa keessaa ka hafe Oogii mootii Baashaanii, qachaa Ashitaarotiitii fi Edraayin keessa le'ee ka bulche. 5Lattii mootummaa isaa gaara Hermoonii, Saalkaanii, lafa Baashaanii duudii irraa haga meessaa Geshuurotaatii fi Ma'akaatotaa, wodhakkaa Giil'aadiitii haga meessaa Sihoonii mootii Heshiboonii ti.
6Moototi lamaan sun Muusee tajaajilaa Waaqaatii fi kolbaa Israa'eliitiin injifatamane. Muuseen tajaajilaan Waaqaa lafa isaanii gosa Ruubeniitii fi gosa Gaadiitiif, akkasuma gosa Minaase'ee gamisaaf dhaala kenne.
Mootota Iyaasuun Injifate
7Iyaasu'uu fi kolbaan Israa'elii, mootota Yordaanosii irraa gara aduun seentuu, Ba'aal-Gaadi dhooqa Libaanonii keessaatii haga gaara Halaakii ka gara Se'iiriititti ol ka'u injifatane. Iyaasuun lafa san akka qooda gosa gosa isaaniititti lafa isaanii kenne. 8Biyyi inni isaaniif kenne biyya koobittii, biyya koobaan jalaa ta gara aduun seentuu, dhooqa laga Yordaanosii, biyya goodda gaaraa, biyya goomole'eetii fi biyya kibba Kana'aanii, biyya Heetotaa, biyya Amoorotaa, biyya Kana'aanotaa, biyya Pheriizotaa, biyya Hiiwotaatii fi biyya Yibusootaa ti. 9Kolbaan Israa'elii mootota qachoota asii gadii injifatte: mootii Yeriko'oo, mootii Aayi ka Bet'el cinaa jiru, 10mootii Yerusaalemii, mootii Kebroonii, 11mootii Yarmuutii, mootii Laakiishii, 12mootii Egloonii, mootii Gezerii, 13mootii Deebirii, mootii Gederii, 14mootii Hormaa, mootii Araadii, 15mootii Liibna'aa, mootii Adulaamii, 16mootii Maqeda'aa, mootii Bet'elii, 17mootii Taafu'aa, mootii Heferii, 18mootii Afeqii, mootii Lashaaronii, 19mootii Maadonii, mootii Hazoorii, 20mootii Shimroon-Meronii, mootii Akshaafii, 21mootii Ta'anaa, mootii Megidoo, 22mootii Qedeeshii, mootii Yoqnaamii ka gaara Qarmelosii, 23mootii Doorii ka kooba Doorii gubba'aa, mootii qachaa Go'iimii ka lafa Galiila'aatii fi 24mootii Tiirza'aa ti; wolumatti mootota soddomii tokko.

Did you know?
A Record of Conquered Kings
- Joshua 12 serves as an official ledger summarizing Israel's military campaigns on both sides of the Jordan River. It balances the earlier victories won under Moses in the east with the later campaigns led by Joshua in the west.Sources: the Bible text itself · Moses · Joshua
- East of the Jordan, Moses defeated two major rulers: Sihon, king of the Amorites who ruled from Heshbon, and Og, king of Bashan, one of the last of the Rephaim. Their combined territory, stretching from the Arnon Valley to Mount Hermon, was assigned to the tribes of Reuben, Gad, and half of Manasseh.Sources: the Bible text itself · Sihon · Og · River of Arnon
- West of the Jordan, the chapter enumerates thirty-one local city-state kings defeated under Joshua's leadership. The conquered region spanned from Baal-gad in the Valley of Lebanon in the north to Mount Halak toward Seir in the south.Sources: the Bible text itself · Joshua
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Arabah · 30.417, 35.151 · verses 1, 3, 8
- Jordan · Today: Jordan River · 31.761, 35.558 · verses 1, 7
- Mount Hermon · 33.400, 35.850 · verses 1, 5
- Valley of the Arnon · Today: Wadi Mujib · 31.466, 35.573 · verses 1, 2
- Ammon · 31.955, 35.934 · verse 2
- Gilead · Today: Gilead 1 · 32.187, 35.692 · verses 2, 5
- Jabbok · Today: Zarqa River · 32.115, 35.543 · verse 2
- Salt Sea · Today: Dead Sea · 31.500, 35.500 · verse 3
- Sea of Galilee · 32.819, 35.590 · verse 3
- Bashan · 32.781, 35.935 · verses 4, 5
- Geshur · 32.767, 35.700 · verse 5
- Maacah · 33.258, 35.581 · verse 5
- Valley of Lebanon · Today: Beqaa Valley · 34.009, 36.145 · verse 7
- Negeb · 31.245, 34.841 · verse 8
- Shephelah · 31.692, 34.875 · verse 8
- Jericho · Today: Tell es Sultan · 31.872, 35.445 · verse 9
- Hebron · Today: Tel Rumeida · 31.525, 35.102 · verse 10
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 10
- Jarmuth · Today: Tel Yarmuth · 31.708, 34.975 · verse 11
- Lachish · Today: Tell ed Duweir · 31.565, 34.849 · verse 11
- Gezer · Today: Tel Gezer · 31.859, 34.919 · verse 12
- Aphek · Today: Tell Ras el Ain · 32.105, 34.930 · verse 18
- Hazor · Today: Tel Hazor · 33.018, 35.569 · verse 19
- Megiddo · Today: Tel Megiddo · 32.585, 35.184 · verse 21
- Taanach · Today: Tell Ta’anakh · 32.522, 35.219 · verse 21
- Jokneam · Today: Tel Yokneam · 32.664, 35.108 · verse 22
- Mount Carmel · 32.672, 35.023 · verse 22
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org