Joshua 14
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Qoodama Lafa Yordaanos Irraa Gara Aduun Seentuu
1Latti Kana'aanii ta Yordaanos irraa gara seensa adu'uu ta hayyichi Ele'azaar, Iyaasuun ilmi Nuniitii fi sooreyyiin maatii gosoota Israa'elii, Israa'elootaaf qoodde ta asii gad jirtu. 2Lafa san akka Waaqi Muusee ajajetti laga Yordaanosiitiin gara seensa adu'uu gosa sagalii fi gosa gamisaaf hixaa buusanee qoodane. 3Muuseen lafa laga Yordaanosiitiin gara aduun baatuu gosa lamaa fi gamisa gosaatiif kenneeraayyu. Gosa Lewwi'iitiif ammoo lafa hin kennine. 4Ilmaan Yoseefii, Minaase'ee fi Efreem gosa lama te'ane; gosa Lewwi'iitiif ammoo qachoota keessa le'anuu fi lafa horii itti bobbaafatanu malee, latti isaaniif hin kennanne. 5Israa'elooti akkuma Waaqi Muusee ajajetti lafa san qoodamane.
Kebroon Kaalebiif Kennante
6Gaafa tokko gosa Yihuda'aa keessaa namooti Giilgalitti gara Iyaasu'uu dhufane. Isaan keessaa tokko Kaalebiin ilmi Yofunee Qenazichaa, Iyaasu'uun, «Waan Waaqi Qaadesh-Barne'aatti marroo teetii fi tiyya Muusee nama Waaqaatitti dubbate hin beetta. 7Yennaa Muuseen tajaajilaan Waaqaa, Qaadesh-Barne'aa gara Kana'aanii dhaqee akka dooyuuf na erge, ani nama woggaa afurtamaa ti; ani deebi'ee gabaassa addachiisaa isatti himeera. 8Namooti na woliin dooyiisa dhaqane kolbaa teenna sodaachisanee sheephisiisane; ani ammoo Goottaa Waaqa kiyyaaf addatamumma'aan ajajameera. 9Gaafuma san Muuseen, ‹Goottaa Waaqa kiyya gadhaa keeti tokkochaan waan hordotteef, latti ati irra ijjattu bara baraan si'ii fi ijoollee teetiif teeti› jedhee waadaa naaf galeera.
10«Amma kunoo, Waaqi akkuma woggaa afurtamii shaniin dura Israa'elooti goomolee keessa deemiisatti adoo jiranuu Muuse'etti dubbate eegee na jiraachiseera. Amma ani nama woggaa saddeettamii shanii ti. 11Ani akkuma gaafa Muuseen na erge sanii jaba'a. Ani adhalle loliisaaf, bayiisaa fi galiisaafille akkuma durii jaba'a. 12Amma yoona, biyya koobittii Waaqi gaafa san waadaa naaf gale naa kenni. Worri Aanaaqotaa bibbineeyyiin akka achi jiranu, qachooti isaaniille dalleya dhaka'aa jabaa akka qabu dhageetteerta. Ammoo Waaqi yoo na qarqaare akkuma inni jedhe ani achi keessaa isaan hin baasa» jedhe.
13Iyaasuun, Kaalebii ilma Yofunee eebbisee qachaa Kebroonii lafa isaa godhe kenneef. 14Kaalebiin ilmi Yofunee Qenazichaa, Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'eliitiif gadhaa tokkoon waan ajajameef, qachaan Kebroonii haga adhaa lafa sanyii isaa te'e. 15Maqaan qachaa Kebroonii dur, «kiriiyat-Arbaa» jedhama; «Arbaa» ka jedhamu kun worra Aanaaqotaa keessaa nama guddaa ture.
Achiin duuba latti nageya dhaggatte.

Did you know?
Caleb's Inheritance and the Division of Canaan
- The distribution of land west of the Jordan was led by the high priest Eleazar, Joshua, and tribal heads using lots for nine and a half tribes. The tribe of Levi received no territorial territory, receiving only cities with pasturelands, while Joseph's sons, Ephraim and Manasseh, formed two distinct tribal inheritances.Sources: the Bible text itself · Eleazar · Joseph (son of Jacob)
- At eighty-five years of age, Caleb approached Joshua at the camp in Gilgal to request the fortified hill country of Hebron, recalling the promise Moses made forty-five years earlier at Kadesh-barnea. The city of Hebron was previously known as Kiriath-arba, named after Arba, the greatest man among the Anakim.Sources: the Bible text itself · Caleb · Hebron · Kadesh-barnea
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Canaan · 32.767, 35.333 · verses 1, 7, 9
- Jordan · Today: Jordan River · 31.761, 35.558 · verse 3
- Hebron · Today: Tel Rumeida · 31.525, 35.102 · verses 13, 14, 15
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org