Nations Bible

Joshua 11

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Moototi Kaaba Kana'aanii Injifatante

1Yaabiin mootiin Hazoorii kolbaan Israa'elii akka injifatte yennaa dhage'e, gara Yobaabii mootii Maadonii, gara mootota Shimrooniitii fi Akshaafii, 2gara mootota biyya koobittii kaabaa, gara mootota dhooqa laga Yordaanosii kibba Abbaayaa Galiila'aa jiranuu, gara mootota kooba jalaatii fi mootota biyya koobittii Door jedhantuu, ta gara aduun seentuun cinaa abbaaya'aatitti dhaggantuu dhaansa erge. 3Akkasuma gara Kana'aanota baya adu'uutii fi seensa adu'uu jiranuu, gara Amoorotaa, gara Hiiwotaa, gara Pheriizotaa, gara Yibusootaatii fi Hiiwota worra biyya Miisphaa keessa kooba Hermoon jala jiranuu dhaansa erge. 4Isaan loltoota ifii worra akka maansa irga abbaaya'aa hedduu, fardo'oo fi garreettaa fardo'oon harkifamu hedduu woliin dhufane. 5Moototi tun duudiin loltoota ifii wolitti gurmeeffatanee, Israa'eloota loliisaaf bisaan Meromii bira qubatane.

6Waaqille Iyaasu'uun, «Isaan hin sodaatin. Ani boru yennaa tana isaan mara harka Israa'elootaatitti dabarsee kennee, akka qalamanu godha. Ati mogolee fardoo isaanii mogolchiitii, garreettaa isaanii ka fardoole'een harkifamulle ibiddaan guggubi» jedheen. 7Maarre Iyaasu'uu fi loltoota isaa duudiin dedhuma bisaan Meromii biratti isaan lolane. 8Waaqille harka Israa'elootaatitti dabarsee isaan kenne. Israa'elooti isaan lolanee haga Sidoonii gudditti'ii, haga Misrefot-Maayimii, karaa aduun baatu haga dhooqa Miispha'aa ari'ane. Nyaapha isaanii keessaa nami tokkolle adoo hin hafin fixane. 9Iyaasuun akkuma Waaqi isa ajaje godhe; inni fardoo isaanii mogolchee, garreettaa isaanii ka fardo'oon harkifamulle guggube.

10Yennaa san Iyaasuun gara duubaatitti deebi'ee qachaa Hazoorii qabatee, mootii qachaa saniille shallaaga'aan ijjeese. Qachaan Hazoorii dur mootummaa san duudi'iif qachaa guddicha. 11Isaan worra achi keessaa duudii shallaaga'aan ijjeesane; nami tokkolle hin hanne; qachaan Hazoorii gubate.

12Akkuma Muuseen tajaajilaan Waaqaa ajaje, Iyaasuun qachoota sanii fi mootota qachaa sanii duudii qabatee, namoota duudii shallaaga'aan ijjumaa balleesse. 13Ammoo qachaa Hazoorii ka Iyaasuun gube qofa malee, Israa'elooti qachoota addee dur diigame irratti ijaaramane keessa tokkolle hin gunne. 14Israa'elooti waan bu'aa qabu duudi'ii fi horii qachaa san keessaa duudii fudhatanee ka ifii godhatane. Namoota qachaa san keessa jiranu duudii ammoo shallaaga'aan ijjeesane; nami tokkolle hin hanne. 15Waaqi Muusee tajaajilaa ifii akkuma ajaje, Muuseen Iyaasuu ajaje; Iyaasuulle ajajameef. Iyaasuun waan Waaqi Muusee ajaje mara huje malee, tokkolle hin hamburre.

Biyya Iyaasuun Qabate

16Iyaasuun lafa duudii biyya koobittii, biyya kooba jalaa, biyya goomolee kibba Kana'aanii, biyya Gooshenii duudii, biyya gammoojjittii, dhooqa laga Yordaanosii, biyya koobittii Israa'eliitii fi gammoojjii isi'ii qabate. 17Iyaasuun gaara Halaakii ka gara Se'iirii ol ka'u irraa haga Ba'aal-Gaadii gaara Hermooniitiin jala, dhooqa Libaanonii keessaa qabatee, mootota isaanii duudii shallaaga'aan ijjeese. 18Iyaasuun mootota tana duudii yennaa hedduu loleera. 19Hiiwota worra qachaa Giibe'onii keessa le'u malee, qachaan tokkolle Israa'elootaan wolii galtee nageyaa hin qabu. Worri dhibiin marti lolaan injifatamanee qabamane. 20Akka isaan Israa'eloota woliin wol lolanu, Waaqi mataa jabeeyyii isaan godhe; tanaaf ijjumaa akka badanu isaanitti murantee marartii malee ijjeefamane; kun ajaja Waaqi Muuse'eef kenne.

21Iyaasuun yennaa san biyya koobittii, Kebroonii, Deebirii, Aanaabii, biyya koobittii Yihuda'aa maraa fi biyya koobittii Israa'elii maralle dhaqee Aanaaqota bibbineeyyii qachoota isaanii woliin ijjumaa balleesse. 22Aanaaqota garii qofatti Gaazaa, Gaatii fi Ashidood keessatti hafe malee, lafa Israa'elootaa keessatti Aanaaqoti tokkolle hin hanne. 23Iyaasuun akkuma Waaqi Muusee ajaje, lafa san guutumatti qabatee, akka qooda gosa gosa isaaniititti Israa'elootaaf dhaala godhee kenne.

Achiin duuba kolbaan woraana irraa foorfatte.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

The Northern Conquest and the Fall of Hazor

  • Hazor was described as the head of all the northern Canaanite kingdoms. Although the Israelites captured many towns established on mounds during this campaign, Hazor was the only fortified city that Joshua completely burned to the ground.Sources: the Bible text itself · Hazor
  • The battle at the waters of Merom was the decisive conflict that completed Joshua's northern campaign. Here, the Israelites faced a vast coalition armed with horses and war chariots, encountering this form of Canaanite military technology for the first time.Sources: the Bible text itself · Jabin · Merom
  • The narrative notes that, with the exception of the Hivite inhabitants of Gibeon, none of the Canaanite cities made peace treaties with Israel, resulting in a prolonged war that eventually subdued the entire region.Sources: the Bible text itself · Hivite

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Hazor · Today: Tel Hazor · 33.018, 35.569 · verses 1, 10, 11, 13
  • Arabah · 30.417, 35.151 · verses 2, 16
  • Shephelah · 31.692, 34.875 · verses 2, 16
  • Canaan · 32.767, 35.333 · verse 3
  • Mount Hermon · 33.400, 35.850 · verses 3, 17
  • Sidon · Today: Sandikli archaeological site in Sidon · 33.561, 35.372 · verse 8
  • Valley of Mizpeh · Today: about 30 km around Mount Hermon · 33.400, 35.850 · verse 8
  • Negeb · 31.245, 34.841 · verse 16
  • Valley of Lebanon · Today: Beqaa Valley · 34.009, 36.145 · verse 17
  • Gibeon · Today: El Jib · 31.847, 35.183 · verse 19
  • Hebron · Today: Tel Rumeida · 31.525, 35.102 · verse 21
  • Ashdod · Today: Tel Ashdod · 31.757, 34.658 · verse 22
  • Gaza · Today: Tell Harube · 31.504, 34.464 · verse 22

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.