Job 33
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
1«Iyoob, ammalle waan jedhu dhage'i;
dubbii tiyya duudiille caqasi.
2Ani afaan kiyya saaqadhee,
arrabi kiyya dubbatiisaaf qophoweera.
3Dubbiin tiyya
qajeelummaa gadhaa kiyyaa irraa dhutti;
arrabi kiyyalle dhugaa dubbata.
4Ayyaanni Waaqaa na dade;
hafuurri Waaqa waan mara dande'uu
jiruu naa kenne.
5Yoo dandeette deebii naa kenni;
waan dubbattu qopheeffadhuutii
na dura dhaabbadhu.
6Kunoo, ani Waaqa duratti akkuma keeti;
nuuti lamaanuu faara irraa dadanne.
7Na sodaatiis si hin bararassin;
harki kiyyalle si hin cunqursu.
8«Dhuguma ani si dhage'aaruun dubbatteerta;
jecha afaan keeti keessaa bayelle dhage'eera.
9Ati yennaa dubbattu, ‹Ani qulqullu'u,
cubbuulle hin qabu;
ani qullu'u,
yakkaalle hin qabu.
10Waaqi na adabiisaaf sababa na irratti barbaada;
akka diina ifiille na laakkowa.
11Inni miila kiyya jirma odduu galchee,
tarkaaffii tiyya duudii eega› jetta.
12«Waaqi nama duudii waan caaluuf,
ani ammoo tana irratti
akka ati sirrii hin te'in sitti hima.
13Ati, ‹Waaqi iyyata namaa hin dhage'u› jettee,
maaf isa aalatta?
14Nami hin hubatu malee,
Waaqi karaa adda addaatiin dubbata.
15Namooti taqee ifii irra rafaneeranuun,
hirriibi hamaan isaan yennaa qabu
Waaqi oojju'uun, mudhii halkaniitiin dubbata.
16Yennaa san inni gurra isaaniititti hin dubbata;
ifi eeggachiisiisalle'een isaan bararassa.
17Akka kanaan hujii hantuu irraa isaan deebisa;
akka hin koorrelle isaan eega.
18Lubbuu isaanii boolla irraa,
jiruu isaaniille badii shallaaga'aa irraa hin hambura.
19Yookiin akka nami taqee ifii gubba'atti dhukkubaan,
dhukkuba hamaa ka yennaa mara lafee isaa bocuun
akka adabamu hin godha.
20Maarre jiruun isaa waan nyaataa,
gadhaan isaalle sagalee guddoo dansa'aayyuu hin diqata.
21Foon isaa dhumatee,
lafeen isaa ta dur hin mudhanne yaatee mudhatti.
22Lubbuun isaa gara boollaatitti
jiruun isaa gara ergantoota du'aa dhikaatteerti.
23«Karaa sirri'ii ka namaaf mudhisanu,
ergantoota Waaqaa kuma keessaa tokkochi
gara isaa dhufee isa hin qarqaara fa'a te'a.
24Ergamaan Waaqaalle isaaf mararee,
‹Ani wodoo isaaf dhaggeera;
akka inni gara boollaa gad hin buune godhi› jedhee du'a ajaja.
25Achiin duuba nafi isaa deebi'ee
akka nafa ijoolle'ee haareffama;
akka yennaa dargaggumma'aalle te'a.
26Inni Waaqa daadimata;
daadimata isaalle Waaqi hin dhage'a.
Inni fuula Waaqaa dhaggee hin ilillisa;
Waaqille gara addee balchummaa isaatitti
isa hin deebisa.
27Innille namoota duratti faarfataa,
‹Ani cubbuu hujeera;
waan sirrii te'e daddasseera;
Waaqi ammoo yakkaa tiyya natti hin laakkonne.
28Inni lubbuun tiyya gara boolla awwaalaa akka hin buune wodeera;
jiruun tiyyalle ifa hin dhaggiti› jedha.
29«Kunoo, Waaqi deddeebisee
tana mara namaaf hin godha.
30Inni ifa jiru'uu akka dhagguuf
lubbuu namaa deebisee boolla keessaa hin baasa.
31«Iyoob, waan ani sitti himu akka dansaa caqasi;
ani hin dubbadha, ati cadhis.
32Waan jettu yoo qabaatte naa deebis,
ani waan bilisa si baasuuf dubbadhu.
33Yoo waan jettu hin qabaatin,
cadhisii na caqasi;
anille qarummaa si barsiisa» jedhe.

Did you know?
Elihu Speaks on God's Discipline and Mediation
- Elihu approaches Job not with overwhelming authority, but as a fellow mortal created by the breath of God and shaped from clay. He assures Job that he will not use intimidation or physical force to overpower him in their debate.Sources: the Bible text itself
- In response to Job's complaint that God remains silent, Elihu argues that God speaks repeatedly through nocturnal dreams, visions, and physical suffering. According to Elihu, these painful experiences serve a disciplinary purpose to turn people from pride and preserve them from the Pit.Sources: the Bible text itself
- Elihu describes the possibility of an angelic messenger or mediator who can intercede for a suffering person and declare a ransom. This divine intervention restores the person's physical vitality and enables joyful reconciliation with God.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org