Nations Bible

Job 32

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Eliihuun Jaalota Iyoobii Xixe

1Iyoob, «Ani nama balcha'a» waan ifiin jedheef, jarri tun sadiin deebii isaaf deebisuu lakkisane.

2Eliihuun ilmi Baaraakelii Buzichaa ka maatii Raamii te'e, sababa Iyoob Waaqa caalaa ifi balchoonseef guddoo aare. 3Jaaloti Iyoobii sadiin deebii quussitu Iyoobiif waan hin deebisiiniif, deebiin isaanii tun akka Waaqi dokonkora hujeeru waan gooteef, Eliihuun isaan irralle'etti aare. 4Isaan duudiin angafoota isaa waan te'aneef, haga isaan dubbatanee fixatanutti, Eliihuun Iyoobitti dubbatiisaaf eegateeyyu. 5Afaan jara sadiinii tana keessa deebiin akka hin jirre yennaa dhagge, Eliihuun aare.

6Maarre Eliihuun ilmi Baaraakelii Buzichaa deebisee,

«Ani ijoolle'e;

isin nama gugurda'a;

tanaaf sodaadhee waan beeku himiisaaf isinitti hin gamne.

7Ani, ‹Nami gugurdaan qara dubbatuu ti;

qarummaa bara heddu'utti dhaggatane barsiisanuu ti› jedhe.

8Ammoo ka nama keessa bulee hubantii namaaf kennu

ayyaana Waaqa waan mara dande'uu ti.

9Qarummaan guddatane'eefii moti;

waan sirrii te'e hubatiisille dulloomane'eefii moti.

10«Tanaaf na caqasa'a;

anille waan beeku isinitti hima.

11Kunoo, ani haga isin dubbatanee fixxanu eegadhe;

jechoota filataa yennaa dubbattanu

miidhassee caqase.

12Ani akka dansaa isin caqase;

ammoo isin keessaa nami tokkolle

balleessaa Iyoobii mirkaneessee

dubbii isaatiif deebii ka kenne hin jiru.

13Isin, ‹Nuuti qarummaa dhagganneerra;

ka Iyoobiif deebii kennu

Waaqa malee namaa moti› hin jedhina'a.

14Iyoob isin morme malee na hin mormine;

anille moromaa akka keessaniitiin isaaf hin deebisu.

15«Isaan rifatanee waan deebisanu dhabanee

dubbiin isaan duraa badde.

16Kunoo, sababa isaan hin dubbanneef,

waan isaan deebii deebisanu dhabanee dhaabbataneef

ani isaan eeguu qabaa ree?

17Anille deebii tiyya hin deebisa;

waan beekulle hin mudhisa.

18Ani waan dubbadhu hedduu waan qabuuf,

cadhisuu hin dande'u.

19Keessi kiyya daadhii woyni'ii ta cuqqaalantee,

akka qalqalluu daadhii woyni'ii haareyaa

ka dho'iisa geyee ti.

20Akka furadhuuf dubbatuu qaba;

afaan kiyya banadhee deebii kennuu qaba.

21Ani nama tokkoofille hin rogu;

nama tokkolle hin kukuulu.

22Ani nama kukuuliisa waan hin beenneef,

silaa ka na dade dafee na balleessaayyu.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Elihu Enters the Debate

  • Elihu son of Barachel the Buzite, from the family of Ram, appears for the first time after Job's three friends cease answering him. His speeches span from chapter 32 through chapter 37.Sources: the Bible text itself · Elihu · Barachel · Ram
  • Elihu is angry with both sides of the debate: he is furious with Job for justifying himself rather than God, and angry with the three older companions because they condemned Job without refuting his arguments.Sources: the Bible text itself
  • Out of cultural deference to seniority, Elihu remained silent during the earlier debates believing that age taught wisdom. He speaks only when the others have run out of words, arguing that true understanding comes from the breath and spirit of the Almighty rather than age alone.Sources: the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.