Job 34
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
1Eliihuun ammalle dubbatee,
2«Isin namoota qaro'o,
dubbii tiyya dhage'a'a;
isin worri beekkoleen na caqasa'a.
3Akkuma arrabi mi'aa sagale'ee beeku
gurrille mi'aa dubbi'ii beeka.
4Kowa'a waan sirrii te'e filanna;
waan dansaalle woliin baranna.
5«Iyoob ifiin, ‹Ani yakkaa hin qabu;
Waaqi ammoo haqa na dhooggate.
6Ani adoo dhugaa irra jiruu
akka dharaamessaa laakkowame;
adoo yakkaa hin qabaatin
madaa hin fayyineen farriisatti jira› jedheera.
7Nama attamiititti akka Iyoobii
murgoo akka bisaanii una ree?
8Inni worra hantuu godhu woliin jaaloma;
worra hamaaleyyii wolille'een oola.
9Inni, ‹Waaqa gammachiisuun
womaa namaaf hin baatu› jedha.
10«Tanaaf isin worri hubattanu na caqasa'a!
Hantuu godhiis Waaqa irraa
dokonkora hujiisille
Waaqa waan mara dande'u irraa fagaatuu ti.
11Waaqi akka hujii namaatitti namaaf hin kaffala;
akkuma ideensa isaatitti
akka inni dhaggatu hin godha.
12Waaqi waan mara dande'u hantuu hin huju;
inni haqa hin dassu.
13Lafa irratti eentu ajajaa isa godhe?
Biyya lafaa duudii irratti
eentu itti gaafatamaa isa godhe?
14Waaqi ayyaana ifii deebisee yoo fudhate,
hafuura ifiille gara ifii yoo deebifate,
15sanyiin namaa duudiin adduma tokko baddee
gara biyye'ee deebiti.
16«Nama hubatu yoo teete tana dhage'i;
waan ani jedhulle caqasi.
17Nami haqa jibbu bulchuu dande'aa ree?
Ati Waaqa! Balchichaa fi hunnaamessatti
yakkaa itti murtaa ree?
18Mootichaan, ‹Ati woy hin baatu›,
qondaaltotaan, ‹Isin worra hamaaleyyi'ii›
ka jedhu eennu?
19Isaan duudiin hujii harka isaa waan te'aneef,
inni qondaaltotaaf hin rogu;
dureessa hiyyeessa irra caalchisee hin ilaalu.
20Namooti halkan wodhakkaa dedhuma du'uu dande'an;
kolbaan raafantee dhumatti;
worri hunnaameyyiin
harki namaalle adoo isaan hin tuqin hin badan.
21«Ilti Waaqaa ideensa namaa ilaalti;
inni tarkaaffii nama tokko tokkoolle hin dhagga.
22Dimimmis yookiin dukkanti dimmi
addeen worri hantuu huju itti dhokatu hin jirtu.
23Waaqi fuula isaa duratti mura'aaf akka dhikaatanu
beellama hin qabatu.
24Inni qorqortii malee hunnaameyyii baallii irraa kaasee,
worra dhibii addee isaanii buusa.
25Inni hujii isaanii mara waan beekuuf,
halkan tokkotti baallii irraa isaan kaasee balleessa.
26Inni addee nami duudiin dhaggutti
hammeenna isaaniitiif isaan adaba.
27Sababa isaan isa hordofuu lakkisanee,
isaaf ajajamuu dhabaneef inni tana godhe.
28Iyyi worra hiyyeeyyi'ii
gara Waaqaa akka dhaxxu godhaneeran;
Waaqille iyya isaanii dhage'eera.
29Yoo inni cadhise ammoo
eentu isatti mura;
yoo inni fuula ifii dhoffate
eentu isa dhagguu dande'a ree?
Inni nama irratti, gosa biyya adda addaa irralle'etti,
30worra kolbaa gowwisiisanu keessaa
nama Waaqa malee jiraatu tokko mootii yoo godhe
eentu isa dhoogga ree?.
31«Nami tokko Waaqaan, ‹Ani yakkaamessa;
ammoo deebi'ee hin yakku.
32Waan ani hin dhaggine ati na barsiisi;
yoo yakkee jiraadhe deebi'ee hin yakku› jedhe jiraa ree?.
33Ati cubbuu irraa deebi'iisa didataartuun
Waaqi akka yaada keetii deebisaa ree?
San sittuu filata malee anaa moti;
tanaaf waan beettu natti himi.
34«Worri hubatuu,
worri qaroon na dhage'ulle anaan,
35‹Iyoob beekkumsa malee dubbata;
dubbiin isaalle ta gatii hin qanne› hin jedhan.
36Deebiin Iyoobii ta akka worra hamootaa waan teeteef
Inni haga dhumaatitti
qoramee adoo hin ilaallamuu!
37Inni cubbuu ifii irratti finqila ede'a;
inni odduu teenna tee'ee tuffi'iin harka dhowaa
dubbii moromaa ifii Waaqa irratti fakkansa» jedhe.

Did you know?
Elihu Defends God's Justice
- Elihu, the son of Barachel the Buzite, entered the dialogue after the debate between Job and his three friends had concluded, presenting his own evaluation of the crisis across chapters 32 to 37.Sources: Elihu · the Bible text itself
- In chapter 34, Elihu appeals directly to surrounding listeners and wise men, inviting them to evaluate his reasoning just as the palate tastes food, while he defends God's absolute impartiality toward kings, nobles, and the poor alike.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org