Job 23
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Iyoob
1Achiin duuba Iyoob deebisee,
2«Ani iyyaa aadulle
dhowichi isaa waan natti jabaateef,
haga ammaa gadhaan kiyya
gadda hama'aa fi gungussu'uun guutameera.
3Addee isa itti dhaggu adoo beeke,
gara addee inni le'uu dhaqee,
4silaa iyyata kiyya isatti dhikeeffadhee,
afaan kiyya guutadhee isatti hin dubbadhaayyu.
5Waan inni naaf deebisu
sila hin beekaayyu
waan inni naan jedhulle
sila hin hubadhaayyu.
6Waaqi hunna ifii guddo'oon
na morminnaa laati?
Waawwo'o! Inni naaf hin dhage'a.
7Achitti nami qajeelaan haajaa ifii
Waaqa duratti dhikeeffata;
Waaqi abbaan mura'aa kiyyalle
haga bara baraa bilisa na hin baasa.
8«Ani gara aduun baatu yoo dhaqe
inni achi hin jiru.
Gara aduun seentulle yoo deebi'e,
isa dhagguu hin dandeenne.
9Yennaa inni gara kaabaatiin huju
ani isa dhagguu hin dande'u.
Yennaa inni gara kibbaallee deebi'uu
ani isa dhagguu hin dande'u.
10Inni ammoo karaa ani deemu mara hin beeka;
yennaa inni haga na ilaalu
akka worqi'ii qulqulluu te'eeruun na dhagga.
11Miilli kiyya faana isaa gula deema;
karaa isaa irraa asii fi achi hin goru.
12Ajaja afaan isaatii bawu irraa,
ani hin fagaanne;
jecha isaalle gadhaa kiyyatti qabadheera.
13«Waaqi hin jijjiiramu;
eennulle isa mormuu hin dande'u;
inni waan fedhe godha.
14Inni waan naaf yaade mara hin muummessa;
wonni hedduun akkasii qalbii isaa keessa jirti.
15Tanaaf ani isa duratti hin bararaqa;
yennaa waan kana mara hedu isa sodaadha.
16Waaqi na sodaachise;
ka waan mara dande'u na bararasse.
17Te'uu malee ani dukkanaan,
dukkana dimma fuula kiyya gollite saniin hin cadhinne.

Did you know?
Job's Longing for a Hearing
- Job uses the language of a legal dispute, longing to find God's seat to present his case and fill his mouth with arguments. He expresses confidence that an upright person would be heard and vindicated before God as Judge.Sources: the Bible text itself
- In his search for God, Job scans all four cardinal directions—east, west, north, and south. He laments that although God is actively at work around him, His presence remains completely hidden from human sight.Sources: the Bible text itself
- Despite deep fear before God's absolute sovereignty and decrees, Job maintains his integrity. He asserts that he has treasured God's words more than his daily bread and trusts that when tested, he will emerge like refined gold.Sources: the Bible text itself · Job
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org