Nations Bible

Job 22

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Eliifaaz

1Achiin duuba Eliifaaziin Temaanichi deebisee,

2«Nami Waaqaaf bu'aa qabaatuu dande'aa ree?

Nami qaroolle bu'aa ifumaaf buufata.

3Ati balchaa yoo teete, balchummaan teeti

Waaqa waan mara dande'u maan gammachiitti?

Karaan keeti ka komii hin qanne yoo te'e,

inni woy dhaggataa ree?

4«Ati Waaqa waan sodaattuuf

inni si xixee muraa si irratti fidee ree?

5Tun sababa hammeenni keeti guddatee,

cubbuun teeti bacatteefii motii ree?

6Ati sababa malee obboleeyyan teeti irraa

qaddii fudhatteerta;

namoota irraa woyaa mulqitee,

qullaa hamburteerta.

7Ati worra dheebotee dadhabeef

bisaan hin kennine;

worra beelowelle sagalee dhooggatteerta.

8Latti ta worra hunnaameyyi'ii ti;

worra ulfinna qabutti isii irra le'a.

9Haadhotii hiyyeessaa

harka duwwaa gad lakkitteerta;

ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanneelle cunqursiteerta.

10Tanaaf tiyyoon si marsitee,

dedhuma sodaan si bararassite.

11Akka ati dhagguu hin dandeenne

dukkanti si qaddee,

lolaan si liqinse.

12«Waaqi ol-gubbaa olii keessa le'aa motii ree?

Urjoota ol fagoo jiranulle,

gad ilaalaa motii ree?

13Ati ammoo, ‹Waaqi maan beeka?

Dukkana dimmaatiin gara kaan jiraatee

natti muruu dande'aa?

14Inni gonbobittii ol-gubba'aa irra yennaa deddeemu

duumensi hurrantaan waan isa golluuf

dhagguu hin dande'u› jetta.

15Ati karaa durii ka worri hamaan irra deddeeme

hordofaartaa ree?

16Isaan adoo yennaan isaanii hin geyiinuu qoomamaneeran;

hundeen isaanii lola'aan haxowanteerti.

17Isaan Waaqa waan mara dande'uun, ‹Nu irraa fagaadhu;

maan nuu godhuu dandeetta?› jedhane.

18Te'uu malee isumattuu mana isaanii

waan dansa'aan guute;

tanaaf ani yaada worra hama'aa hin fudhadhu.

19«Balchooti badii worra hamootaa dhagganee hin gammadan;

worri yakkaa hin qanne murgo'oof itti kollaa,

20‹Dhuguma diinni keenna badeera;

waan isaan irraa hafelle ibiddi fixeera› jedhan.

21«Iyoob, Waaqaan wolii galiitii

isa woliin nageya qabaadhu;

karaa kanaan waan dansaa hin dhaggatta.

22Qajeelcha inni sii kennu fudhadhu;

jecha isaalle gadhaa keetitti qabadhu.

23Ati gara Waaqa waan mara dande'uu yoo deebite,

akka duriititti hin deebita;

hammeenna dunkaanii teeti keessaa yoo fageessite,

24worqii akka buku'uutitti,

worqii gatii guddo'oolle

akka rassaa bisaan keessaatitti yoo ilaalte,

25Waaqi waan mara dande'u

worqi'ii fi meetii gatii guddo'oo siif hin te'a.

26Achiin duuba ati

Waaqa waan mara dande'uun hin gammadda;

isalle'etti addattee hin leeta.

27Ati gara isaa hin daadimatta,

innille si'iif hin dhage'a;

atille waadaa keeti isaaf hin galchita.

28Wonni ati murteeffatte siif hin teeti;

ifille karaa keetitti hin ifa.

29Waaqi worra kooru gad qaba;

worra ifi gad qabu ammoo hin fayyisa.

30Sababa ati yakkaa hin qanneef,

Waaqi worra yakkaameyyi'iiyyuu

adabbii jalaa hin baasa» jedhe.

Did you know?

Eliphaz’s Third Speech and the Gold of Ophir

  • In this third speech, Eliphaz moves from general theological reflections to leveling direct accusations against Job, alleging specific social sins such as taking pledges without cause, depriving the needy of clothing, and sending widows away empty-handed.Sources: the Bible text itself
  • Eliphaz urges Job to cast away the gold of Ophir into the stones of the ravines so that the Almighty may become his true treasure. Ophir was renowned in biblical literature for its fine gold, though its geographic location has long been debated, with proposals ranging from Arabia to regions near the Indus River or India.Sources: the Bible text itself · Ophir

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.