Nations Bible

Job 24

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

1«Waaqi waan mara dande'u

guyyaa mura'aa maaf hin murteessin?

Worri isa beekanu

guyyaa mura'aa san maaf hin dhaggin?

2Worri hamaan beessisa meessa'aa balleessa;

isaan hoolee hatane bobbaafatan.

3Harree ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee

oofatanee deeman;

qotiyyoo haadha hiyyeessaa

qaddi'iif fudhatan.

4Isaan hiyyeeyyii karaa irraa hin ari'an;

hiyyeeyyiin lafa irraa marti

isaan duraa hin baqatan.

5Hiyyeeyyiin akka harree diidaa goomolee keessa

ijoollee ifiitiif sagalee barbaassa

lafa goomole'ee keessa daddaaqan.

6Isaan fichaa nama dhibi'ii keessaa

okeya hin haammatan;

oorruu woyni'ii ta worra hama'aa keessalle'ee

woxoo qocatan.

7Halkan guutuu qullaa bulan;

boojji'iif'ille waan ifi irra buufatanu hin qabanu.

8Bokkeya gaara irra roobuun hin tortoran;

waan jalatti qophatanu dhabanee

rassa'atti maxxananee bulan.

9Worri hamaan daa'ima abbaa hin qanne

harma irraa butanee garboonfatan;

daa'ima hiyyeessaa qaddii godhatan.

10Hiyyeeyyiin woyaa malee qullaa ifii deeman;

isaan laddee hin ba'atan ammoo hin beelowan.

11Tarree fichaa worra hamoole'ee oddu'utti

zayitii ejersaa hin cunfan;

unkuruura woyni'ii irralle'ee

daadhii woyni'ii hin cunfan;

isaan ammoo hin dheebotan.

12Qachoota gugurdaa keessaa worri du'u hin aadan;

worri madowanelle qarqaaramiisaaf hin iyyan;

Waaqi ammoo daadimata isaanii hin caqanne.

13«Worri ifa jibbu,

worri karaa ifaa hin beenne,

yookiin daandii ifaa irralle hin turre jiran.

14Nami nama ijjeesu fuullee bari'iitiin ka'ee,

hiyyeeyyi'ii fi worra rakkate hin ijjeesa;

halkanille akka hattu'uu hata.

15Nami gaarayyeeffatu lafa dhiitu eegata;

eennulle akka isa hin dhaggineef

fuula ifii hin hagooggata.

16Hattuun halkan qottee seenti;

guyyaa ammoo dhokaata oolti;

ifaan waan tokkolle godhuu hin barbaaddu.

17Dukkanaan bararassiisi waan isaan gammachiittuuf,

dukkanti dimmi isaaniif ganama.

18«Worri hamaan akka hoomacha bisaan irraa,

yennaa diqqoo qofaaf mudhatan.

Qoodi lafa isaanii ta abaarante waan teeteef,

namuu gara fichaa woynii isaanii hin dhaqu.

19O'ii fi caami

dhakaa bokkeyaa ka baqe akkuma balleessu

qileen awwaala jalaalle cubbaaleyyii akkasuma gooti.

20Haadhotiin isaanii isaan hin deeti;

corroxxille isaan hin nyaatti;

namuu isaan hin qaabatu;

worri hamaan akka mukaa hin caccaba.

21Isaan dubartii deya hin qanne hin cunqursan;

haadha hiyyeessaatiifille waan dansaa hin godhanu.

22Waaqi ammoo hunna ifiitiin

worra hunnaameyyii hin balleessa.

Le'iin isaanii ta tolte fakkaatulle,

jiruu addachiittu hin qabanu.

23Waaqi akka isaan nageyaan le'anu lakkisulle,

karaa isaan deemanu hubatee hin ilaala.

24Worri hamaan yennaa diqqo'oof hin jajaman;

achiin duuba ammoo

akkuma daraara'aa qooranee hin badan;

akka midhaaniille hin haamaman.

25«Yoo akkas hin te'in

ani dharaamessa akka te'ee fi

wonni ani dubbadhe sirrii akka hin te'in

ka mirkaneessu eennu ree?» jedhe.

Did you know?

Job Questions the Delay of Justice

  • Moving boundary stones and seizing working animals, such as a widow's ox or an orphan's donkey, as pledges for debt were devastating forms of exploitation. Job highlights how these predatory practices forced the poorest families off their land and into the wilderness to forage for survival like wild donkeys.Sources: the Bible text itself
  • Job portrays criminals who operate under cover of darkness, such as murderers, thieves who dig through walls, and disguised adulterers. He laments that while these wrongdoers actively avoid the light, God often seems to delay establishing fixed, visible times of judgment to stop them.Sources: the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.