Nations Bible

Jeremiah 4

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Waamicha Cubbuu Irraa Deebi'iisaa

1Mootiin Waan Maraa, «Ee kolbaa Israa'elii, yoo deebi'uu barbaaddane, gara kiyya deebi'a'a; waaqota dharaa keessan battii san ila tiyya duraa balleessitanee, worra addatamaa yoo naaf teetane, 2dhuga'aan, haqaa fi balchumma'aan, ‹Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee› jettanee yoo kakattane, gosi biyya adda addaa isaan hin eebbifanti; ulfinnalle isaan hin dhaggatti» jedha.

3Mootiin Waan Maraa kolbaa Yihuda'aatii fi kolbaa Israa'eliitiin, «Lafa hin qotamin qota'a; odduu qore'eetitti hin facaasina'a. 4Isin kolbaan Yihuda'aatii fi worri Yerusaalem keessa leetanu, ana Mootii Waan Maraa keessaniif adda ifi baasa'a; yoo diddane sababa hujii hantuu teessaniitiif aariin tiyya akka ibiddaa bobeettee isin hin fixxi; ka isii dhaanfu hin jiru.

5«Lafa Yihuda'aatii fi Yerusaalemii keessatti

tultullaa afuufaa,

qoonqoo teessan ol qabadha'aatii, ‹Wolitti qabama'a! Gara

qachoota dalleya dhaka'aa qabuu baqannuu ti!› jedha'a.

6Ani gara kaabaa irraa bala'aa fi badii guddoo waan fiduuf,

baandiraa qabadha'aatii,

adoo hin turin gara Xiyoonii baqadha'a.

7Ka gosa biyya adda addaa balleessu

akka neenqa gongomaa keessaa bayuu,

lafa teessan balleessiisaaf,

qachoota keessan diigee,

nami tokkolle akka keessa hin jiraanne godhiisaaf,

addee ifii irraa karaa irratti bayeera» jedha.

8Maarre mufiin Mootii Waan Maraa ta akka ibiddaa bobeettu,

waan nu irraa hin deebi'iniif,

woyaa gaddaa uffadha'aatii, wiiccifadha'aatii bowa'a.

9Mootiin Waan Maraa, «Guyyaa san mootichii fi qondaaltoti isaa addii hin kutatan; hayyooti hin sheephitti; raagotille hin rifatti» jedhe.

10Achiin duuba ani, «Maaloo, Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dandeettu, shallaagaan adoo morma keenna irratti aggatamee jiruu, ati ‹Nageenni isiniif hin te'a› jedhaa kolbaa tanaa fi Yerusaalemii attam attam sodde ree!» jedheen. 11Mootiin Waan Maraa, «Yennaa san kolbaa tanaa fi Yerusaalem irratti, qilleensi gubu qaccee koobota goddu'uu irraa gara kolbaa tiyyaa hin dhowa; qilleensi sun ammoo midhaan hafarsiisaaf yookiin qulleessiisaafii moti. 12Ani isaanitti waan muruuf, qilleensi akka malee jaba'aa ajaja kiyyaan ergamee hin dhufa» jedhe. 13Yennaa san ani, «Kunoo, diinni akka duumensaa, garreettaan isaanii ka fardaan harkifamu akka hobonbolatti'ii dhufan; fardooleen isaanii risaa caalaa xinnixxi; banne, aanne'e nu'uuf. 14Ee Yerusaalem, akka fayyittuuf, hammeenna gadhaa keeti keessaa dhiqadhuu baasi; haga yoomii hammeenni si keessa jiraata? 15Qachaa Daanii keessaa qoonqoon hin dhage'anti; koobota Efreemii irralle'ee badiin hin lallabanti. 16Waan kana gosa biyya adda addaatitti hima'a; Yerusaalemille'etti lassa'aatii, ‹Loltooti si marsitu biyya fago'oo irraa hin dhufan; qachoota Yihuda'aa loliisaaf, itti hin caancaan. 17Yerusaalem na irratti waan kaateef, akka namooti fichaa eegatanu, diinoti Yerusaalem hin marsan› jedha'a» jedhe.

18Ee Yihuda'a, ideensi keetii fi hujiin teeti tana si'itti fidde; tun adabama keeti; adabamiis keeti kun attam attam hadhowa'a; gadhaa keeti keessa dhaqqabeera.

19Hoola farra tiyya! Hoola farra tiyya!

Ani dhibe'een gugguufe.

Hoola laalaa gadhaa kiyyaa!

Ani qoonqoo tultulla'aatii fi iyya lolaa waan dhage'eef,

gadhaan kiyya na dhowata; ani ossuu hin dande'u.

20Badiin badii irratti dhutteerti; latti duudiin onteerti; dunkaaniin tiyyaa fi gollaan kiyya dedhuma badaneeran. 21Ani haga yoomii baandiraa lolaa ilaala?

Haga yoomii qoonqoo tultulla'aalle dhage'a?

22Kolbaan tiyya gowwaa waan teeteef,

na hin beettu.

Isaan ijoollee woy hin baane,

ta hubantii hin qanne.

Isaan waan hantuu hujiisaaf ogeeyyi'i;

ammoo waan dansaa attam akka hujanu hin beekanu.

23Ani lafa ilaale; kunoo isiin akka hin qaddu; duwwaalle'e.

Ol gubbaalle ilaale; ifille irra hin jiru.

24Ani gaarota ilaale; kunoo, isaan tacho'iisatti jiran;

koobotille martinuu raafamiisatti jiraniiyyu.

25Ani ilaale; kolbaan achi hin jirtu;

sinbirreen marti kaatee baddeerti.

26Ani ilaale; latti midhaan baachu goomolee teete;

aarii jadduu Mootii Waan Maraatiin

qachooti martinuu Mootii Waan Maraa duratti diigameera.

27Mootiin Waan Maraa,

«Latti marti ona hin teeti;

te'uu malee, ani ijjumaa hin balleessu.

28Ani waan dubbadheef,

yaada kiyyalle waan hin jijjiireef,

ani murteeffadhee duubatti waan hin deebineef,

latti hin bootti;

ol-gubbaalle hin dukkanootti» jedha.

29Hogaa abbootii fardo'ootii fi worra guube'een loluutiin

nami qachaa keessaa marti hin baqata.

Gariin gongomaa keessa hin seenan;

gariin rassaa hin yaaban.

Qachooti martinuu duwwaa hin hafan.

Nami tokkolle keessa hin le'u.

30Isin kolbaa baddane,

maan hujiisatti jirtan?

Woyaa diintuu uffattanee,

seesa worqi'iille naqattanee,

ila teessan maaf kuula dibatane ree?

Isin akkasuma ifi seefattane malee,

worri dur isin jaalatu,

isin tuffateera;

isaan isin ijjeesiisaaf barbaadan.

31Ani aadiisa akka dubartii ciniinsifattuu,

ta finna qaraa deettuu takka dhage'e.

Tunille iyya kolbaa Xiyoonii

ta harka ifii diriirsitee,

«Aanne'e! Nuuti gagganne!

Harka worra nu ijjeesuutitti dabarfannee kennanne» jettu.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Disaster from the North

  • When the chapter proclaims disaster coming from Dan and the hills of Ephraim, it describes the southward advance of an invading army from the northern frontier toward Jerusalem.Sources: the Bible text itself · Dan · Mount Ephraim · Jerusalem
  • The emergency measures in Judah included sounding the ram's horn and raising signal flags to direct the surrounding population to seek refuge in fortified cities and atop Zion.Sources: the Bible text itself · Zion
  • Jeremiah evokes the phrase 'formless and void' to convey the severity of the coming devastation, depicting ruined cities and cultivated countryside turned into an uninhabited wilderness.Sources: the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 3, 4, 5, 10, 11, 14, 16, 17
  • Zion · Today: Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 6, 30, 31
  • Dan · Today: Tel Dan · 33.249, 35.652 · verse 15
  • Mount Ephraim · 31.923, 35.241 · verse 15

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.