Nations Bible

Jeremiah 5

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Cubbuu Yerusaalemii

1Mootiin Waan Maraa, «Karaa Yerusaalemii irra olii fi gad ideema'a;

adaala isi'ii ilaala'aatii hubadha'a

badhinna isi'ii keessa barbaada'a.

Nama haqa huju fi

nama dhugaa barbaadu tokko yoo dhaggitane

ani qachaa kanaaf hin araarama.

2Kolbaan, ‹Dhugaa Mootii Waan Maraa

ka jiraataa te'ee› jettulle,

dharaan kakatti» jedha.

3Ee Mootii Waan Maraa! Ilti teeti dhugaa hin dhaggituu ree?

Ati isaan dhootte; isaan ammoo hin dhukkuffanne.

Ati isaan butuchite; isaan ammoo ifi sirreessuu didane.

Isaan dhakaa caalaa mata-jabeeyyii te'anee, cubbuu ifii irraa deebi'uu didane.

4Achiin duuba ani, «Worri kun karaa Mootii Waan Maraa,

seerata Waaqa ifiille waan hin beenneef,

isaan worra hiyyeeyyi'i;

gowwootalle'e» jedhee yaade.

5Maarre ani gara sooreyyii Yihuda'aa dhaqee,

isaanitti hin dubbadha;

isaan dhugumaan karaa Mootii Waan Maraa,

seerata Waaqa ifiille hin beekan.

Te'uu malee, isaan martinuu

baallii Mootii Waan Maraa jalaa bayanee,

isaaf ajajamiisa didaneeran.

6Tanaaf, Yakkaan isaanii guddoo waan teeteef,

Waaqaaf addatamummaa dhabiis isaanii waan heddatteef,

neenqi gongomaa keessaa bayee isaan hin ijjeesa;

yayyiin goomolee keessaa isaan hin kukkutti;

qeeransille nama gad bayu mara kukkutiisaaf,

adaala qachaa isaaniititti isaan hin gaada.

7Mootiin Waan Maraa, «Ijoolleen teessan na lakkittee,

waaqota dharaatiin waan kakatteef,

ani attam yakkaa teessan isiniif araarama ree?

Ani nyaachisee yennaa isaan quusse,

isaan ammoo sagaagalane;

mana sagaagaltootaatitti qonfoodane.

8Akka farda korma falanee, gaanaaf rarragatuu te'ane.

Tokko tokkoon isaanii niitii jaala ifii fari'atan.

9Ani waan kanaaf isaan hin adabuu ree?

Kolbaa waan akkanaa hujju haluu hin bayuu ree?

10Gara muka woyni'ii ka kolbaa tiyyaa ol baya'aatii balleessa'a!

Ammoo ijjumaa hin balleessina'a;

dameeleen isaa tiyya waan hin te'iniif

irraa cira'a.

11Kolbaan Israa'eliitii fi Yihuda'aa

ijjumaa naaf hin addatanne» jedha.

12Isaan Mootii Waan Maraa irratti dhara dubbatanee, «Inni womaa nu hin godhu; hantuulle nutti hin dhuttu; woraana yookiin beelalle ijjumaa hin dhagginu. 13Raagoti akka qilleensaati malee, jechi Waaqaa isaan keessa hin jiru; wonni isaan dubbatanu isaanumatti garagaltuu ti!» jedhan. 14Tanaaf Mootiin Waan Maraa Waaqi Waan Mara dande'u, «kolbaan jecha akkasii waan dubbatteef anaan, ‹Inni womaa nu hin godhu› waan jetteef, ani jecha kiyya afaan keeti keessatti akka ibiddaa, kolbaa tanalle akka qoraanii hin godha; ibiddille isaan hin fixa. 15Ee kolbaa Israa'elii! Ani kolbaa isin irratti kaatu biyya fago'ootii hin fida; Kolbaan tun, kolbaa jaddu'uu fi kolbaa bara durii ta isin afaan isaanii hin beennee fi waan isaan dubbatanu hin hubanne. 16Gonofaan daaya isaanii akka boolla awwaalaa ta banantee ti; marti isaanii loltoota jajjaba. 17Isaan midhaanii fi sagalee teessan hin nyaatan; ilmaanii fi ijoollee durraa teessan hin ijjeesan; hoole'ee fi horii keessan, muka woyni'iitii fi muka harru'uu keessan nyaatanee hin fixan. Qachoota keessan ka dalleya dhaka'aa qabanu, ka isin itti addattane shallaaga'aan diiganee hin balleessan.

18«Te'uu malee ani Mootiin Waan Maraa, guyyoota san kolbaa tiyya ijjumaa hin balleessu. 19Kolbaan, ‹Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna waan akkasii kana mara maaf nu irratti godhe?› jedhanee yoo si gaafatane, ati isaaniin, ‹Akkuma isin na lakkittanee, lafuma teessan keessatti waaqota ormaa tajaajiltane, lafa teessan hin te'inille'etti orma hin tajaajiltan› isiniin jedha» jedhiin. 20Mootiin Waan Maraa, «Dubbii asii gadii tana sanyii Yaaqoobiititti hima'a; kolbaa Yihuda'aatille'etti lassa'a: 21Isin kolbaan gowwoole'ee fi hubantii hin qanne, tana dhage'a'a; isin ila qaddan ammoo hin dhaggitanu, gurralle qaddan ammoo hin dhageettanu, 22isin na hin sodaattanuu ree? Na duratti hin hollattanuu ree? Meessaa abbaaya'aa akka te'uuf maansa ka keye ana; abbaayaan meessaa san irra haga bara baraa hin dabartu; danbaliin kaatulle isa irra hin dabartu; abbaayaan huursitelle isa irra hin qaxxaamurtu. 23Kolbaan tun ammoo mata-jabeeyyi'ii fi ta na finqilte; isaan na irraa deebi'anee deemaneeran. 24Isaan gadhaa ifii keessalle'etti, ‹Mootiin Waan Maraa Waaqa keenna, ka bokkeya duraatii fi duubaa yennaa yennaa isaatitti nu'uuf kennu, midhaan yennaa isaatitti akka galfannu ka nu'uuf godhu kowaa sodaannaa› hin jedhanu. 25Yakkaan teessan tana isin irraa hamburteerti; cubbuun teessanille waan dansaa isin dhassiitteerti.

26«Worri hamaan ka akka nama sinbirree tiyyo'oon qabuu, dhokatee nama qabu odduu kolbaa tiyyaa jira. 27Akkuma manni sinbirre'eef ijaarame sinbirre'een guutamu, manni isaanii waan isaan sobaan dhaggataneen guutameera; tanaaf isaan worra gugurda'aa fi dureeyyii te'aneeran. 28Isaan gabbatanee cululuqaneeran; hammeennii isaanii haga hin qabu; ijoollee abba'aa fi haadha hin qanneef haqaan hin murre; mirga worra hiyyeessaatiifille hin falmine. 29Ani Mootiin Waan Maraa, Waan akkasii kanaaf, isaan hin adabuu ree? Kolbaa akkasii tana ani haluu hin bayuu ree? 30Wonni guddoo nama sodaachisuu fi bararassu lafa irratti te'eera. 31Raagoti sobaan raaga dubbatti; hayyooti gorsa raagotaatiin bulchiti; kolbaan tiyyalle waan akkasii kana jaalatti; yennaa muummeen dhuttu ammoo isin maan gootan ree?» jedha.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Judgment on Jerusalem's Injustice and Falsehood

  • God calls for a search throughout the streets and public squares of Jerusalem to see if a single person acts justly and seeks truth, offering pardon to the city if one is found. Jeremiah observes that neither the ordinary people nor the powerful leaders know or follow the ways of the LORD.Sources: the Bible text itself · Jerusalem
  • Jeremiah warns of an impending invasion by an ancient, distant nation whose language Judah does not understand. Although this invading army will ravage the land's harvests, livestock, and fortified cities, the LORD states that He will not make a complete end of His people.Sources: the Bible text itself
  • The chapter condemns corrupt elites who grow wealthy through deceit, comparing their houses to cages full of trapped birds. They are rebuked for neglecting justice, particularly by failing to defend the legal rights of orphans and the poor.Sources: the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 1, 7

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.