Nations Bible

Jeremiah 3

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Addatamummaa Dhaba Israa'elii

1Mootiin Waan Maraa, «Nami tokko niitii ifii yoo lakkise, isiille isa lakkittee nama dhibii yoo heerumte, deebi'ee isii galfatiisa dande'aa ree? Latti ijjumaa hin battoottuu ree? Ati worra si jaalatu woliin sagaagalteerta; amma ammoo gara kiyya deebi'uu barbaaddaa ree? 2Qaccee koobota goddu'uu ol ilaali! Addeen ati irratti hin sagaagalle jirtii? Akkuma worri Arabaa lafa goomole'ee keessatti nama saamiisaaf eegatu, akkasuma atille karaa keessa teettee worra si jaalatu eegatte. Sagaagalumma'aa fi hammeenna keetiin lafa batteessite. 3Tanaaf tiifuun dhabantee, bokkeenni hageyyaalle bade. Ati ammalle amala sagaagalumma'aa waan qadduuf, qaanii dhaddeerta.

4«Ammalle ati na waamaa, ‹Abbaa kiyya, bara ijoollummaa tiyyaatiin jalqaddee jaala ka naa teete, 5ati yennaa mara aartaa? Aariin teeti haga bara baraatii?› jedhaa, ammoo hammeenna hujuu dandeettu mara hujja» jedhe.

Israa'elii Fi Yihudaan Cubbuu Irraa Akka Deebi'anu Waamamane

6Bara Yosiyaas mootii te'eeru Mootiin Waan Maraa anaan, «Israa'eliin addatamummaa hin qanne waan hujje dhaggitee? Isiin kooba dheertuu gubba'aa fi muka banqaaqaa mara jalatti sagaagalteerti. 7Tana mara gooteen duuba gara kiyya hin deebiti seyeeyyu; isiin ammoo hin deebine; obboleettiin isi'ii Yihudaan ta hin addatannelle tana dhaggiteerti. 8Ani Israa'elii dhugeeffannaa hin qanneef, sababa gaarayyeeffata isi'ii maraaf woraqata lakkeessaa kenneefii ari'e; te'uu malee obboleettiin isi'ii Yihudaan ta addatamummaa hin qanne, tana dhaggitee akka hin sodaanne ani dhagge; isiille baatee sagaagalte. 9Isiin sagaagalummaa ifiitiin lafa batteessitee, dhaka'aa fi muka waaqonfatte. 10Tun marti teetee, obboleettiin isi'ii Yihudaan ta addatamummaa hin qanne soddee gara kiyya waan deebite fakkaatte malee, gadhaa tokkochaan gara kiyya hin deebine» jedhe.

11Achiin duuba Mootiin Waan Maraa anaan, «Yihudaa addatamummaa hin qanne caalaa Israa'elii dhugeeffannaa hin qannetti balcha'a. 12Dhaqiitii ergaa tana worra gara kaabaatitti lallabiitii, ‹Ee Israa'elii addatamummaa hin qanne gara kiyya deebi'i; ani mararaa waan te'eef haganaa achi ila aari'iitiin si hin ilaalu; haga bara baraa sitti hin aaru. 13Ati ana Mootii Waan Maraa Waaqa keeti finqiltee, naaf ajajamiisa dhabiisaan muka banqaaqaa mara jalatti, ulfinna keeti waaqota ormaatiif waan kenniteef, yakkuma teeti callaa beeki› jedhi.

14«Ee kolbaa addatamummaa hin qanne, ani abbaa manaa keessan waan te'eef, gara kiyya deebia'a'a! Ani isin keessaa qachaa tokko tokko keessaa nama tokko tokko, fira tokko tokko keessaa nama lama lama filee, gara Xiyoonii hin fida. 15Ani tissitoota worra akka gadhaa kiyyaa isiniif hin kenna; isaanille beekkumsaa fi hubanti'iin isin hin sooressan. 16Bara san yennaa laakkossi keessan lafa irratti bacatu, namooti, ‹Saanduqa Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa› jedhanee hin waamanu yookiin hin qalbeeffatanu yookiin hin qaabatanu; Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa ka dhibiille hin hujanu. 17Yennaa san isaan Yerusaalemiin, ‹Barcumaa mootummaa Mootii Waan Maraa› hin jedhan; gosi biyya adda addaa marti ulfinna naa kenniisaaf Yerusaalem keessatti wolitti hin qabanti. Achiin duuba isaan mataa jabinnaan fedhii hantuu gadhaa ifii hin hordofanu. 18Bara san sanyiin Yihuda'aatii fi sanyiin Israa'elii lafa kaabaa ta itti booji'amane irraa wolitti deebi'anee, gara lafa ani abbootii isaaniitiif kennee hin dhufan.

Kolbaan Waaqaa Waaqa Dharaa Waaqonfatte

19«Ani Mootiin Waan Maraa lafa gammachiittu, lafa kolbaa biyya dhibi'ii mara caalaa dansa'aa, si'iif kenniisaaf,

akka ilmaan tiyyaatitti attam attam sitti gammada.

Ati, ‹Abbaa kiyya› jettee na hin waanta;

‹Na hordofiisa irralle'ee hin deebitu› jedhee yaadadheeraayyu.

20Ee sanyii Israa'elii, isin ammoo

akka niitii dhirsa ifiitiif hin addatannee,

isinille naaf hin addatanne» jedhe.

21Kolbaan Israa'elii,

Mootii Waan Maraa Waaqa ifii deetee,

karaa cubbu'uu waan hordotteef,

iyyi bowiisaatii fi daadimata isaanii

qaccee koobota goddu'uu irraa hin dhage'anti.

22Isin kolbaan addatamummaa hin qanne,

addatamumma'aan gara isaa deebi'a'a!

Inni adde'etti isin deebisee,

worra addatamaa isin hin godha.

Isinille, «Inni Mootii Waan Maraa Waaqa keenna waan te'eef, gara isaa hin deebina. 23Koobotaa fi gaarota irratti waaqota dharaa waaqonfatiis gowwumma'a; dhugumaan Israa'el Mootii Waan Maraa Waaqa keennaan fayyiti. 24Bara ijoollummaa teennaatii jalqabanee waaqoti salphiyyeen sun eloo abbootii teennaa, hoolee isaanii, horii isaanii, ilmaan isaaniitii fi durra isaanii mara nyaatane. 25Nuutii fi abbootiin teenna ijoollummaa teennaa jalqannee, haga adhaatitti Mootii Waan Maraa Waaqa keenna irratti cubbuu hunyee, isaafille waan hin ajajaminiif, qaani'iin gad jinnee, salphinna akka woya'aa uffannuu ti» jettaneertan.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

A Call to Faithless Sisters to Return

  • During the reign of King Josiah of Judah, Jeremiah received prophecies comparing the northern kingdom of Israel and the southern kingdom of Judah to two sisters. Although the northern kingdom had already been sent away for its idolatry, Judah failed to learn from her sister's fate and turned back only in pretense.Sources: the Bible text itself · Josiah
  • The prophet foretells a future restoration where the scattered people are brought back to Zion, the historic hill of Jerusalem. In that day, Jerusalem itself would be recognized as the Throne of the LORD, and the ark of the covenant would no longer be remembered or rebuilt.Sources: the Bible text itself · Zion · Jerusalem
  • Drawing upon ancient marriage and divorce concepts, the text describes worshiping foreign gods on hills and under green trees as marital unfaithfulness. Despite this betrayal, the LORD repeatedly calls upon His faithless children to acknowledge their guilt and return to Him.Sources: the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Zion · Today: Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 14
  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 17

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.