Nations Bible

Jeremiah 2

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Kolbaan Israa'elii Waaqa ifii Lakkitte

1Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 2«Dhaqiitii qoonqoo teeti ol qabadhuu, kolbaa qachaa Yerusaalemiitiin, Mootiin Waan Maraa, ‹Addatamummaa teessan ta yennaa dargaggumma'aa, jaalala keessan ka akka waajibittiin dhirsa ifii jaalattuu, goomolee lafa sanyiin hin facaafanne keessatti attam akka na hordottane hin qaabadha.

3«‹Kolbaan Israa'elii

ana Mootii Waan Maraatiif woyyoonteerti;

akka midhaan mata'aa ti;

nama isaan miidhe maratti yakkaan muranteerti;

badiille isa dhaqqaddeerti jedheera› jedhii himi» jedhe.

4Ee, isin sanyii Yaaqoobii,

firri sanyii Israa'elii marti

jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a!

5Mootiin Waan Maraa,

«Abbootiin teessan ta durii

balleessaa maanii na irratti dhagganee,

na irraa fagaatanee,

waaqota dharaa ka gatii hin qanne waaqonfatanee,

ifille'eef worra gatii hin qanne te'ane?

6Isaan, ‹Waaqi biyya Gibxi'ii keessaa nu baasee,

lafa goomolee keessa,

lafa boboollittii keessaa fi gammoojjii keessa,

lafa goddu'uu fi dukkana dimma keessa,

lafa nami keessa hin ideennee fi

lafa nami keessa hin leene keessa

ka nu sooresse eessa jira?› jedhanee hin gaafanne.

7Ani midhaan isi'iitii fi waan dansaa isiin baattu,

akka isii irraa nyaattanuuf

gara lafa laayyo'oo, isin fide;

isin ammoo yennaa achi galtane lafa tiyya batteessitanee,

lafa tiyya akka jibbatantu gootane.

8Hayyooti, ‹Mootiin Waan Maraa eessa jira?› jedhanee hin gaafanne;

barsiisoti seeraa na hin beenne;

sooressitooti na irratti ka'ane;

raagoti maqaa ba'aaliitiin raaganee,

waaqota dharaa ka gatii hin qanne hordofane.

9«Tanaaf ani Mootiin Waan Maraa isiniin hin morma;

ijoollee ijoollee teessaniitille'een hin morma.

10Tanaan qara wonni akkasii yoo teetee jiraatte,

gara lafa Qophiroosii ta dur,

‹Kiitiim› jedhantuu gamatti bu'a'aatii ilaala'a;

gara lafa, ‹Qedaar› jedhantuulle nama erga'aatii qorqora'a.

11Waaqota dharaa te'anulle,

kolbaan waaqota ifii jijjiirte hin jirtu;

kolbaan tiyya ammoo ana Waaqa ulfinna isaanii te'e

waaqota dharaa ka gatii hin qannetti jijjiirte.

12Ee ol-gubba'a, waan kana baaseffadhu;

sodaa guddo'oon holladhu.

13Kolbaan tiyya cubbuu lama hujjeerti;

isaan ana madda bisaan jiru'uu lakkisanee,

boolla urata qaddu ta bisaan itti hin eelle qotataneeran.

14Israa'el garbichaa? Yookiin garba manatti dhalatee?

Yoo akkas hin te'in maaf diinni isa saama ree?

15Diinoti isa irratti akka neenqaa harqaneeran;

lafa isaa balleessaneeran;

qachooti isaa gubatanee, ona te'aneeran.

16Worri qachaa Memfiisiitii fi qachaa Taahafeneesii

rifeensa mataa keetii haadane.

17Ee Israa'el, ana Mootii Waan Maraa Waaqa keeti

ka karaa keeti si sooresse lakkittee,

kana mara ifi irratti fiddee motii ree?

18Bisaan laga Shiihorii uniisaaf gara

biyya Gibxi'ii maaf dhaxxe?

Bisaan laga Efraaxiisiille uniisaaf

gara biyya Asoorii maaf dhaxxe?

19Hammeenni keeti akka adabantu si hin godha;

naaf addatamummaa dhabiis keeti

akka xixantu si hin godha.

Ana Mootii Waan Maraa Waaqa keeti

sodaatiisa waan lakkitteef,

wonni hantuun hadhoottuun

akka sitti dhuttu hubadhuu beeki!

20«Ee Israa'el! Ani bara duriitii jalqabee

waanjoo teeti si irraa caccassee,

hidhaa teeti si irraa kukkuteera;

ati ammoo, ‹Ani si hin tajaajilu!› jettee,

kooba dheertuu gubba'aa fi muka banqaaqaa jalatti

sagaagaliisaaf irkatteerta.

21Ani akka muka woyni'ii filatamaa

ka sanyiin isaa dansa'aa si dhaabeeyyu;

ati attam akka muka woyni'ii badaa,

ka baddaa keessaa teetee,

na duraa jijjiirante ree?

22Haraanja'aa fi saamunaa baca'aan dhiqattelle

xuriin yakkaa teetii haga ammaa fuula kiyya dura jirti.

23«Ati attam, ‹Ani hin battoonne,

Ba'aalille hin hordonne› jetta ree?

Dhooqa keessatti maan akka hujje yaadadhu;

waan achi keessatti goote hubadhu.

Ati akka gaala dhala'aa

ka raragatee asii fi achi fiiguu ti.

24Ati akka harree diidaa ta goomolee keessa le'iisa baratte,

ta yennaa rarragatte qilleensa suuttuu ti;

rarragata isi'ii eentu qabbaneessuu dande'a?

Ji'a isiin rarragatte san korommiin isii barbaadu,

rakkinna malee isii laddatan.

25Ati haga kopheen miila keeti irraa dhumattutti,

haga dheebottee laagadaan si gogutti hin rukkisin;

ati ammoo, ‹Na dhooggiis keeti gatii hin qabu;

ani waaqota ormaa jaaladheera;

ani isaan hordofa› jette.

26Hattuun yennaa qabante akkuma qaanottu,

kolbaan Israa'elii, moototi isi'ii,

qondaaltoti isi'ii,

hayyootii isi'iitii fi

raagoti isi'ii marti hin qaanowan.

27Isaan mukaan, ‹Ati abbaa keenna›,

dhakaa waaqota dharaatiin, ‹Sittuu nu deye› jedhan.

Isaan dudda ifii gara kiyya deebisane malee,

fuula ifii gara kiyya hin deebinne.

Yennaa rakkinnaa ammoo,

‹Koyii nu fayyisi› jedhan.

28Ee worra Yihuda'aa,

waaqoti dharaa ka isin hujattane meeti ree?

Isaan yennaa rakkinna keessanii yoo isin fayyisanu teete,

dhufanee isin fayyisanuu ti.

Akkuma qachaan keessan baca'aa,

waaqoti keessanille baca'a.

29Isin martinuu, na irratti kaataneertan;

maaf na komattan ree?

30Ani akkasumaan kolbaa teessan adabe malee,

isaan ifi hin sirreessine.

Akka neenqa beelowee

shallaagaa keessaniin raagota teessan fixxane.

31«Isin dhalooti bara kanaa,

jecha Mootii Waan Maraa hubadha'a!

«Ani Israa'eliif goomolee

yookiin lafa dukkana dimmaa te'ee ree?

Kolbaan tiyya maaf, ‹Nuuti waan feene goona,

haganaa achi gara keeti hin deebinu› jetti?

32Durri seesa ifii

yookiin waajibittiin woyaa ifii

ta waajibumma'aa hin deetii ree?

Kolbaan tiyya ammoo

bara bacaa na deeteerti.

33«Ati worra si jaalatu gula deemiisaaf

attam qaroomatte?

Dubartooti akka malee hantu'uutuu

waan kana si irraa baratan.

34Dhiigi worra hiyyeeyyii yakkaa hin qannee,

ka hanna irratti hin qabaminii

woyaa teetii irratti dhaggama;

kana mara gooteelle,

35‹Ani yakkaa hin qabu;

dhugumaan Mootiin Waan Maraa natti hin aaru› jetta.

Sababa ati, ‹Ani cubbuu hujee hin jiru› jetteef,

ani si'itti hin mura.

36Ati maaf karaa keeti jijjiiratta?

Akkuma worri Asoorii si qaanesse,

akkasuma worri Gibxi'iille si hin qaanessa.

37Worra ati itti addatte Mootiin Waan Maraa waan tuffateef,

isaanille si qarqaaruu waan hin dandeenneef,

ati mataa qabattee, achii keessaa hin baata» jedha.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Israel's Forgotten Devotion

  • In Jeremiah 2:10, the prophet contrasts Cyprus (Chittim) in the western Mediterranean with Kedar, representing the nomadic Arab tribes to the east in the Arabian desert. By referencing these opposite geographic horizons, the text emphasizes that not even surrounding pagan nations exchanged their traditional deities.Sources: the Bible text itself · Cyprus · Kedar
  • The references to Memphis (Noph) and drinking the waters of the Nile and Euphrates highlight Judah's unstable political reliance on Egypt and Assyria. Jeremiah compares trusting foreign military powers to abandoning a fountain of fresh water in order to dig cracked, leaky cisterns.Sources: the Bible text itself · Memphis · Egypt · Assyria
  • The rebuke against running after the 'Baals' uses the plural form for local cults of Baal, the chief male deity of the Phoenicians. The worship of Baal had repeatedly infiltrated Israel and Judah, frequently taking place on high hills and in sacred groves.Sources: the Bible text itself · Baal

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 2
  • Egypt · 30.129, 31.308 · verses 6, 18, 36, 37
  • Cyprus · 35.000, 33.000 · verse 10
  • Kedar · 29.811, 39.868 · verse 10
  • Memphis · 29.849, 31.253 · verse 16
  • Tahpanhes · Today: Tell Defenneh · 30.861, 32.171 · verse 16
  • Assyria · 36.359, 43.153 · verses 18, 36
  • Euphrates · Today: Euphrates River · 31.004, 47.442 · verse 18
  • Nile · Today: Nile River · 31.465, 30.367 · verse 18
  • Valley of Hinnom · Today: Hinnom Valley · 31.769, 35.228 · verse 23

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.