Jeremiah 29
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Ermiyaas Gara Worra Booji'amee Baabilon Keessa Jiruu Xalayaa barreesse
1Ermiyaasiin raagichi Yerusaalem irraa gara jaarsolee lubbu'uun hafanee worra booji'ame odduu jiranuu, hayyootaaf, raagotaa fi kolbaa Nebukadnezaar Yerusaalem keessaa gara Baabilonii booji'ee geesse maraaf, xalayaan erge ka asii gad jiru; 2inni xalayaa kana mootichi Yekoniya'aa fi giittiin haati isaa, qondaaltoti mana mootummaa isaa, bulchitooti Yihuda'aatii fi Yerusaalemii, worri hujii harkaa hujuu fi worri sibiila tumu Yerusaalem keessaa booji'amanee fudhatamaneen duuba barreesse. 3Xalayaa kanalle worra mootii Yihuda'aa Zedeqiiyaa biraa gara mootii Baabilonii Nebukadnezaarii ergamane, harka El'aasaa ilma Shaafaaniitii fi harka Gemaariyaa ilma Hilqiiya'aatitti erge; xalayaan sun,
4«Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade Waaqi Israa'elii, worra Yerusaalem keessaa gara Baabilonii akka booji'amanu godheen, 5‹Mana ijaaradha'aatii keessa tee'a'a; ficha'atti woy dhaabadha'aatii midhaan irraa dhaggatane nyaadha'a; 6Niitii fuudha'aatii ilmaa fi intala uumadha'a; ilmaan teessan fuusifadha'aatii durra teessanille heerumsiifadha'a; isaan ijoollee horanuu ti; laakkossi isaanii bacatuutii malee hin diqqaatin. 7Qachaa ani akka isin booji'antanee itti geeffantanu godheefille, nageyaa fi qananummaa halcha'aaf; qachaa saniif gara Mootiin Waan Maraa daadimadha'a; sababille qachaan sun yoo nageya qabaate, isinille nageya hin qabaattan› jedhee dubbateera» ka jedhu. 8Ee, Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqa Israa'elii, «Raagotii fi worri moru ka odduu teessan jiranu isin hin sobin; oojjuu isaan isiniif oojjatanulle hin caqasina'a. 9Isaan maqaa kiyyaan raaga dharaa raagan malee ani isaan hin ergine» jedha.
10Mootiin Waan Maraa, «Woggaan torbaatam isin Baabilon keessa turtanu yennaa hobbaate ani isin hin ilaala; gara addee tanaa isin deebisiisaaf, waadaa kiyya dansaa isiniif gale san hin muummessa. 11Ani Yaada isiniif qabu hin beeka; yaad kunille yaada nageyaa, ka addii gara duraa isiniif kennu malee, ka isin miidhuu moti. 12Isinille gara kiyya dhuttanee maqaa kiyya waammattaa gara kiyya hin daadimattan; anille isiniif hin dhage'a. 13Isin na hin barbaaddan; gadhaa tokkochaan yoo na barbaaddane na hin dhaggitan. 14Anille akka isin na dhaggitanu hin godha; boojuu keessalle'ee isin hin deebisa; gosa biyya adda addaatii fi addee isin itti bittinneesse mara keessaa wolitti isin qabee gara lafa akka isin keessaa booji'antanu godhetti isin hin deebisa» jedha.
15Isinille, «Biyya Baabilonii keessatti Mootiin Waan Maraa raagota nu'uuf kaaseera» hin jettan. 16Mootiin Waan Maraa ammoo marroo mooticha barcumaa mootummaa Daawitii irra tee'eeruutii fi marroo kolbaa isin woliin adoo hin booji'amin hafanee qachaa kana keessa jiranuu, 17Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Ani shallaagaa, beelaa fi balaa isaanitti ergee, akka midhaan muka harru'uu hamaa ka nami nyaatuu hin dandeennee isaan hin godha. 18Ani shallaaga'aan, beelaa fi bala'aan isaan hin ari'a; mootummoota biyya lafaa mara duratti waan hantuu nami dhaggee bararaqu isaan hin godha; gosa biyya adda addaa oddu'utti addee isaan itti bittinneesselle'etti akka abaaramanuu fi jibbamanu, akka isaanitti murganuu fi akka isaanitti cooranu hin godha. 19Isaan jecha ani karaa tajaajiltoota tiyya raagotaatiin itti deddeebi'ee isaanitti ergee hin dhageenne; isin worri booji'antanelle jecha kiyya hin dhageenne. 20Tanaaf isin worri ani akka isin Yerusaalem keessaa booji'antanee gara Baabilonii ergantanu godhe marti, jecha ani Mootiin Waan Maraa dubbadhu dhage'a'a!» jedha.
21Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, marroo Ahaabii ilma Kolaaya'aatii fi Zedeqiiyaa ilma Ma'aseya'aa worra maqaa isaatiin raaga dharaa raaganuun, «Ani harka Nebukadnezaarii mootii Baabiloniititti dabarsee isaan hin kenna; innille iluma teessan duratti isaan hin ijjeesa. 22Worri Yihudaa keessaa booji'amee Baabilon keessa jiru marti, ‹Akkuma mootiin Baabilonii Zedeqiiya'aa fi Ahaab ibiddaan gube, Mootiin Waan Maraa si gubu› jedhaa wol abaaran. 23Isaan niitota namoota dhibi'ii gaarayyeeffatanee dubbii ani isaan hin ajajin maqaa kiyyaan dhara dubbatanee, Israa'el keessatti waan nama qaanessu hujaneeran; ani tana waan beekuuf, dhugaa hin baya» jedha.
Xalayaa Gara Shemaa'iya'aa Ergame
24Shemaa'iyaa nama biyya Nehelaamiititti ergaa akka himu Mootiin Waan Maraa Ermiyaas ajajee, 25Shemaa'iyaan, «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade Waaqi Israa'elii, ‹Ati kolbaa Yerusaalem keessa jirtu maraaf, ilma Ma'aseya'aa hayyicha Sefaaniya'aaf, hayyoota dhibii maralle'eef, maqaa keetiin xalayaa ergitee, Sefaaniya'aan: 26Galma Waaqaa keessatti itti gaafatamaa akka teetuuf Mootiin Waan Maraa addee hayyicha Yoyaada'aa hayyicha si godheera; ati nama maraataa raaga dharaa raagu miila isaa jirma lama wodhakka'atti, morma isaa sibiila wodhakka'atti hidhuu qadda. 27Maarre ati amma Ermiyaasii nama biyya Anaatotii ka akka raagichaa dubbatu maaf hin xixin ree? 28Inni yennaa hedduu achi waan turtanuuf, mana ijaarannee keessa akka teennu; ficha'atti woy dhaabbannee midhaan irraa dhagganne akka nyaannu xalayaa kana gara biyya Baabilonii nutti ergeera› jetteerta» jedhe.
29Hayyichi Sefaaniyaan xalayaa san raagicha Ermiyaasiif dubbise. 30Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufee, 31«Ergaa tana gara worra booji'ameeru maraa ergiitii, ‹Mootiin Waan Maraa marroo Shemaa'iyaa nama biyya Nehelaamii: Ani adoo isa hin ergin Shemaa'iyaan raaga isiniif raagee waan dharaa akka isin dhugeeffattanu waan godheef, 32ani dhugumaan Shemaa'iyaa nama biyya Nehelaamiitii fi sanyii isaa hin adaba; inni namooti na irratti akka ka'anu waan godheef, odduu kolbaa tanaatitti nama isaaf hafu hin qabaatu; inni waan dansaa ani kolbaa tiyyaaf godhulle hin dhaggu jedha› jedhiin» jedhe.

Did you know?
Jeremiah's Letter to the Exiles in Babylon
- Jeremiah sent his letter to the exiles carried by Elasah son of Shaphan and Gemariah son of Hilkiah, royal envoys dispatched by King Zedekiah to Nebuchadnezzar in Babylon. Rather than anticipating an immediate return, the deportees were advised to build houses, plant gardens, marry, and pray for the welfare and peace of the city where they lived.Sources: the Bible text itself · Elasah · Gemariah
- The prophet warned the community against trusting diviners and false prophets who claimed the captivity would end quickly. Instead, the divine message announced that the exile under Babylonian rule would last seventy years before God would restore them to Jerusalem.Sources: the Bible text itself
- The chapter records an exchange of letters between Jerusalem and Babylon. A rival prophet named Shemaiah the Nehelamite sent letters from Babylon to the priest Zephaniah in Jerusalem, demanding that Jeremiah be put in stocks for urging the exiles to settle down for a lengthy stay.Sources: the Bible text itself · Shemaiah · Zephaniah
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Babylon · 32.543, 44.422 · verses 1, 3, 4, 8, 10, 15, 16, 20, 21, 22, 24, 28, 31
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 1, 2, 4, 16, 20, 25
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org