Jeremiah 30
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Waadaa Waaqi Kolbaa Ifiitiif Gale
1Jechi Mootii Waan Maraa ka gara Ermiyaasii dhufe ka asii gad jiru; 2Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, «Jecha ani si'itti dubbadhe mara kitaabatti barreessi. 3Kunoo barri ani kolbaa tiyya Israa'elii fi Yihudaa boojuu keessaa deebisu dhufiisatti jira; ani gara lafa abbootii isaaniitiif kennetti isaan hin deebisa; latti sunille ta isaanii hin teeti» jedhe.
4Mootiin Waan Maraa marroo Israa'eliitii fi Yihuda'aa dubbatee,
5«Isin, ‹Nuuti iyya soda'aatii fi
bararaqiisaa dhageenneerra;
nageennille hin jiru› jettaneertan.
6Me, gaafadha'aatii ilaala'a!
Dhiirti deyuu hin dandeettii?
Maaf dhiirti marti
akka dubartii ciniinsifattuu
harka ifiitiin gadhaa ifii qabattee
fuulli nama maraa shankaloweeruun
dhagga ree?
7Aanne'e! Guyyaan sun
guyyaa hama'a;
guyyaan akka isaa hin jiraatu.
Sanyii Yaaqoobiitiif guyyaa rakkinnaa ti;
isaan ammoo kanuma keessaa hin hafan» jedhe.
8Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Ani guyyaa san,
waanjoo morma isaanii irraa fuudhee hin cassa;
hidhaana isaanille hin kuta;
haganaa achi ormi garba isaan hin godhatu;
9isaan ammoo ana Mootii Waan Maraa Waaqaa ifiitii fi
sanyii Daawitii keessaa mooticha ani isaanii kaasu
hin tajaajilan.
10Maarre, ee tajaajilaa kiyya Yaaqoob, hin sodaatin!
Ee kolbaa Israa'elii hin rifatina'a!
Ani dhugumaan biyya fago'oo irraa isin hin deebisa;
sanyii teessanille
lafa isaan itti booji'amane keessaa hin deebisa.
Yaaqoob deebi'ee bidhaa malee nageyaan hin le'a;
ka isa sodaachisulle hin jiru.
11Ani isin woliin jira;
isin hin gargaara;
gosa biyya adda addaa
ta odduu isaaniititti isin bittinneesse mara
ijjumaa hin balleessa;
isin ammoo guutumatti hin balleessu;
te'uu malee adoo hin adabin isin hin lakkisu» jedhe.
12Mootiin Waan Maraa,
«Madaan teessan ta hin fayyine;
miidham keessanille ka hin fayyine.
13Nami isiniif falmatu hin jiru;
madaa teessaniif qorsi hin jiru;
isin hin fayyitanu.
14Jaaloti teessan marti isin dedhaneeran;
isaan haajaa keessan hin qabanu.
Yakkaan teessan guddoo
cubbuun teessanille bacaa waan teeteef,
ani akkuma diina dhowanu isin dhowee,
marartii maleelle isin adabe.
15Isin madaa teessan ta hin fayyineef,
dhukkubbii madaa teessaniitiif maaf boottan?
Yakkaan teessan guddoo,
cubbuun teessanille bacaa waan teeteef,
ani waan kana mara isin irratti godheera.
16Amma ammoo Worri isin balleessu marti hin bada;
diinoti keessan martinuu hin booji'aman;
worri isin saamu hin saamama;
worri isin dannabu marti hin dannabama.
17Diinoti keessan isiniin, ‹Xiyoon gatanteerti;
ka haajaa isi'ii qabu hin jiru› jedhanulle
ani ammoo fayya'atti isin hin deebisa;
madaa teessanille hin fayyisa.
18«Kunoo, ani kolbaa tiyya
worra sanyii Yaaqoobii keessaa booji'ame hin deebisa;
addee isaan le'anutti isaaniif hin marara.
Qachaan Yerusaalemii
addee duriititti deebi'ee hin ijaarama;
manni mootumma'aalle a
ddee duriititti deebi'ee hin ijaarama.
19Achi keessaa faaruun galataatii fi
qoonqoo firinxiixaa hin dhage'anti.
Ani isaan hin baceessa malee,
laakkossa isaanii hin diqqeessu;
Ani ulfinna isaaniif hin kenna malee
isaan hin salphatanu.
20Ijoolleen isaanii akkuma durii hin teeti;
kolbaan isaanii fuula kiyya duratti
jabaattee hin dhaabbatti;
ani worra isaan cunqursu mara hin adaba.
21Namuma isaaniititti isaan sooressa;
ka isaan bulchulle odduma isaaniitii hin dhalata.
Ani gara kiyya isa hin dhikeessa;
innille natti hin dhikaata;
yoo akkas hin te'in eentu gara kiyya dhikaatiisaaf gama?
22Maarre isin kolbaa tiyya hin teetan;
anille Waaqa keessan hin te'a» jedha.
23Kunoo mufiin Mootii Waan Maraa
ta akka bubbee bokkeyaa hin kaati;
hobonbolattiin mataa worra hamoole'ee irratti hin buuti.
24Mootiin Waan Maraa fedhii ifii adoo hin muummessin
mufiin isaa duubatti hin deebitu;
bara dhufu'uu jiru keessatti akka dansaa hin hubattan.
Did you know?
The Promise of Restoration and Healing
- God specifically instructs Jeremiah to record these messages in a book, formally announcing that both Israel and Judah will one day return from captivity to inhabit the land given to their ancestors.Sources: the Bible text itself · Jeremiah
- The chapter depicts men gripping their stomachs like women in labor to convey acute distress, yet promises that God will shatter their yoke and raise up David their king to rule over them.Sources: the Bible text itself · David
- Although Zion was mocked as an outcast with an incurable wound, the prophecy assures that the city will be rebuilt on its ruins and governed by a native ruler who will draw near to God.Sources: the Bible text itself · Zion
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org