Jeremiah 28
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Ermiyaasii Fi Hanaaniyaa Raagicha
1Jalqaba bara Zedeqiiyaan mootii Yihuda'aa te'e, woggaa arfeesso'oo wogguma san, ji'a shaneesso'ootitti, ilmi Azurii Hanaaniyaan raagichi nami qachaa Giibe'onii Galma Waaqaa keessatti hayyootaa fi kolbaa mara duratti Ermiyaasiin, 2«Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, ‹Waanjoo mootii Baabilonii hin cassa; 3Meya Galma Mootii Waan Maraa ka mootiin Baabilonii Nebukadnezaar, addee tanaa gara Baabilonii geesse mara, woggaa lama keessatti deebisee gara addee tanaa hin fida. 4Ani Waanjoo mootii Baabilonii waan cassuuf, mootii Yihuda'aa ilma Yehoyaaqiimii Yekoniya'aa fi worra isa woliin booji'amee gara Baabilonii dhaqe maralle gara addee tanaa deebisee hin fida› jedha» jedhe.
5Achiin duuba ani raagichi Ermiyaas hayyootaa fi kolbaa Galma Mootii Waan Maraa keessa dhaabbataneeranu mara duratti Hanaaniya'aan, 6«Ameen! Mootiin Waan Maraa akkuma ati jette godhuu ti; meya Galma Mootii Waan Maraatii fi worra booji'ame mara Baabilon keessaa gara addee tanaa deebisiisaan Mootiin Waan Maraa raaga ati dubbatte kana muummessuu ti! 7Te'uu malee, waan ani si'itti, kolbaa tanalle'etti dubbadhu caqasi. 8Raagoti durii worri anaa fi si'iin duraa biyya heddu'uu fi mootummoota gugurdoo irratti lolli, badi'ii fi balaan akka dhufu raaganeeran. 9Ammoo raagichi tokko marroo nageyaa raagee, raagi isaa sun yoo muummowe, Mootiin Waan Maraa dhugumaan akka isa erge hin beekkama» jedhe. 10Achiin duuba Hanaaniyaan raagichi waanjoo morma ana raagicha Ermiyaas irraa fuudhee cassee 11kolbaa mara duratti, «Mootiin Waan Maraa, ‹Woggaa lama keessatti waanjoo Nebukadnezaarii mootii Baabilonii morma gosa biyya adda addaa mara irraa akkuma kana hin cassa› jedha» jedhe; achiin duuba ani raagichi Ermiyaas karaa kiyya deeme.
Ermiyaas Ammalle Hanaaniyaa Mormee Raaga Dubbate
12Hanaaniyaan raagichi waanjoo san morma Ermiyaasii irraa fuudhee eega casse yennaa diqqo'oon duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufee, 13«Dhaqii Hanaaniya'aan, Mootiin Waan Maraa, ‹Ati waanjoo mukaa cassiteerta; addee waanjoo saniititti waanjoo sibiilaa hujjee bakka hin buutta jedha› jedhiin» jedhe. 14Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade Waaqi Israa'elii, «Mootii Baabilonii Nebukadnezaar akka tajaajilanuuf morma gosa biyya adda addaa tana maraa irra waanjoo sibiilaa hin keya; isaanille isa hin tajaajilan; akka inni bineensotalle bulchu hin godha» jedha.
15Achiin duuba raagichi Ermiyaas, Hanaaniyaa raagichaan, «Hanaaniya'a, caqasi! Ati Mootiin Waan Maraa adoo si hin ergin kolbaan tun dharatti akka addattu gooteerta; 16tanaaf, Mootiin Waan Maraa, ‹Ani lafa irraa si hin balleessa; ati kolbaan tun ana Mootii Waan Maraa irratti akka kaatu waan gooteef, wogguma tana hin duuta› jedha» jedhe. 17Hanaaniyaan raagichille baruma san ji'a torbeesso'ootitti du'e.

Did you know?
Jeremiah and the False Prophet Hananiah
- Hananiah, the son of Azzur from the Benjaminite town of Gibeon, publicly confronted Jeremiah in the Jerusalem temple during the fourth year of King Zedekiah. He prophesied that within two years, God would break the yoke of Babylon, return the captured temple vessels, and restore King Jeconiah and the exiles.Sources: the Bible text itself · Gibeon · Zedekiah · Jehoiachin
- Jeremiah had been wearing a wooden yoke on his neck as a physical sign of Judah's submission to King Nebuchadnezzar of Babylon. After Hananiah removed the yoke and smashed it before the priests and people, God declared through Jeremiah that replacing the broken wooden yoke would bring an inescapable yoke of iron upon the nations.Sources: the Bible text itself · Jeremiah · Nebuchadnezzar
- Jeremiah warned Hananiah that the Lord had not sent him and that he had made the people trust in a lie. Because he had preached rebellion against God, Hananiah was told he would die within the year, and he died two months later in the seventh month.Sources: the Bible text itself · Hananiah · Jeremiah
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Gibeon · Today: El Jib · 31.847, 35.183 · verse 1
- Babylon · 32.543, 44.422 · verses 2, 3, 4, 6, 11, 14
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org