Nations Bible

Jeremiah 27

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Waanjoo Ermiyaas Ba'ate

1Jalqaba bara ilmi Yosiyaasii Zedeqiiyaan mootii Yihuda'aa te'etti, jechi kun Mootii Waan Maraa biraa gara Ermiyaasii dhufee, 2«Waanjoo hujiitii hudhaa isaatiin morma keetitti hidhadhu. 3Karaa ergantoota worra gara Zedeqiiyaa mootii Yihuda'aa ergamanee Yerusaalem dhufaneetiin gara mootota Edoomii, Mo'aabii, Amoonotaa, Xiiroosiitii fi Sidoonii dhaansa ergi. 4Dhaansa kana goottolee ifiititti akka himanu ajaji; Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade Waaqi Israa'elii 5goottolee teessaniin, ‹Ani hunna tiyya guddo'oo fi irree tiyya jaddu'uun lafa, kolba'aa fi bineensota lafa irra jiranu mara dadeera; ani nama isaaf kenniisa barbaadeef isii hin keenna. 6Ani amma biyya tana mara harka tajaajilaa kiyya Nebukadnezaarii mootii Baabiloniititti dabarsee hin kenna; bineensotille akka isa tajaajilanuuf isaaf kenna. 7Haga guyyaan biyyi isaa qabatantu dhufutti, gosi biyya adda addaa marti isa, ilma isaatii fi ilma ilma isaa hin tajaajilan; achiin duuba gosi biyya adda addaatii fi moototi hunnaameyyiin garba ifii isa hin godhatan.

8« ‹Kolbaa yookiin mootummaa Nebukadnezaarii mootii Yihuda'aa hin tajaajille yookiin waanjoo isaa jalatti morma ifii gad qabattee, waanjoo mootii Baabilonii hin ba'anne ammoo ani haga kolbaa san harka mootii Baabiloniitiin ijjumaa balleessutti shallaaga'aan, beelaa fi bala'aan isaan hin adaba jedha› jedha'aatii hima'a. 9Tanaaf, isin raagota keessanii fi mortoota teessan, worra oojjuu hiiku, worra ekeraa dubbisu, worra xanoo xanu ka ‹Mootii Baabilonii hin tajaajiltanu› jedhanu hin caqasina'a. 10Isaan akka lafa teessan keessaa baatanu, akka ani isin balleesseeruun baddanu, raaga dharaa isiniif raagan. 11Mootiin Waan Maraa, ‹Kolbaa morma ifii gad qabattee waanjoo mootii Baabilonii ba'attee isa tajaajiltu ammoo lafa ifii keessa teettee akka qotattu hin lakkisa› jedha» jedhe.

12Anille erguma tana mootii Yihuda'aa Zedeqiiya'atti himee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Morma keessan gad qabadha'aatii waanjoo mootii Baabilonii ba'adha'a. Isa fi kolbaa isaa tajaajila'a. Tana yoo gootane jiru'uun hin jiraattan› jedha. 13Atii fi kolbaan teeti shallaagaa, beelaa fi balaa Mootiin Waan Maraa kolbaa mootii Baabilonii hin tajaajilletti fidiisaaf dubbate saniin maaf dhumattan ree? 14Jecha raagoti, ‹Mootii Baabilonii hin tajaajiltanu› jedhaa raaga dharaa dubbattu hin caqasina'a. 15Mootiin Waan Maraa ‹Ani isaan hin ergine; isaan maqaa kiyyaan raaga dharaa raagan. Tanaaf, ani isinii fi raagota raaga dharaa isiniif raaganu hin balleessa; isin lamaanuu hin baddan› jedha» jedhe.

16Achiin duuba ani hayyootaa fi kolbaa tana maraan, «Mootiin Waan Maraa, ‹Raagota: mey Galma Mootii Waan Maraa Baabilon keessaa ariiti'iin hin deebi'a jedhaa raaga dharaa raaganu hin caqasina'a› jedha. 17Isaan hin caqasina'a. Jiru'uun jiraattanu motii Baabilonii tajaajila'a. Qachaan kun maaf diigama ree? 18Isaan raagota yoo te'ane, jechi Mootii Waan Maraalle isaan keessa yoo jiraate, mey Galma Mootii Waan Maraa keessatti, mana mootummaa Yihuda'aa keessatti, Yerusaalem keessalle'etti hafe, gara Baabilonii booji'amee akka hin fudhatanne Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade kadhatanuu ti» jedhee hime.

19Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, marroo utuboota lama ka Galma Waaqaa duraa, marroo waabaa bisaanii, marroo waan meya irra keyanu ka korboo qabuutii fi marroo meya dhibii qachaa kana keessatti hafee, 20ka mootiin Baabilonii Nebukadnezaar yennaa ilma Yehoyaaqiimii Yekoniyaa mootii Yihuda'aa, qondaaltota Yihuda'aatii fi Yerusaalemii booji'ee gara Baabilonii geessee achitti hamburee, 21marroo meya Galma Waaqaa keessatti, mana mootummaa Yihuda'aa keessatti, Yerusaalem keessalle'etti hafeetiif, 22«Mey kun gara Baabilonii hin fudhataman; haga guyyaa ani isaaniif yaadadhee achii isaan deebisee gara mana mootumma'aa kana isaan fidu dhufutti achuma hin turan» jedha.

Did you know?

The Yoke of Babylon

  • God instructed Jeremiah to make a yoke of straps and place it on his neck as a living visual message. He was directed to address foreign envoys from Edom, Moab, Ammon, Tyre, and Sidon who were visiting King Zedekiah in Jerusalem, urging their nations to submit to Babylon rather than rebel.Sources: the Bible text itself
  • In this message, God refers to Nebuchadnezzar, the ruler of Babylon, as 'My servant.' The text emphasizes that the Creator of the earth gives dominion over lands and kingdoms to whom He pleases, subjecting the surrounding nations to Babylonian rule.Sources: the Bible text itself · Nebuchadnezzar
  • While rival prophets claimed that the sacred vessels taken during the exile of Jeconiah (Jehoiachin) would soon return, Jeremiah warned that this was a lie. He announced that the remaining temple furnishings, including the bronze pillars, the sea, and the bases, would also be carried off to Babylon.Sources: the Bible text itself · Jehoiachin

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Ammon · 31.955, 35.934 · verse 3
  • Edom · 30.746, 35.604 · verse 3
  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 3, 18, 20, 21, 22
  • Moab · Today: Moab 1 · 31.181, 35.701 · verse 3
  • Sidon · Today: Sandikli archaeological site in Sidon · 33.561, 35.372 · verse 3
  • Tyre · 33.271, 35.196 · verse 3
  • Babylon · 32.543, 44.422 · verses 6, 7, 8, 9, 11, 12, 13, 14, 16, 17, 18, 20, 22

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.