Isaiah 57
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Israa'el Waaqa Dharaa Waaqonfatte
1«Nami balchaan hin du'a; nami Waaqaaf ifi kennu, wonni hantuun akka isa irra hin geenneef fudhatama; tana nami hubatu hin jiru. 2Worri qajeelumma'aan ideemu nageya hin qabaatan; yennaa du'anulle hin foorfatan.
3«Isin ilmaan worra moruu, sanyiin gaarayyeeffattu'uutii fi sagaagaltu'uu as kowa'a. 4Isin eennutti murgitan? Eennutti afaan bantan? Eennutti arraba baattan? Isin ilmaan finqiltu'uutii fi sanyii dharaameyyi'iitii motii? 5Isin muka qilxa'aatii fi muka banqaaqaa mara jalatti, halchaa sagaagalaatiin gubattan. Isin dhooqa keessatti, baqaqa rassa'aa keessatti ijoollee teessan ciincessitanii motii ree? 6Isin dhakoota mucucaataa ka odduu dhooqaa waaqonfattan; isaan qooda keessan. Isin dhibaayyuu daadhii woyni'ii isaaniif dhibaattanee, kennansa midhaanii isaaniif kennitan. Ani tana hin mararaa ree? 7Isin gaara dheeraa irratti sagaagaltan; achitti waaqota dharaa keessaniif ciincaa dhikeessitan. 8Balbalaa fi mikikkila balbala teessanii duubaan, fakkii waaqota dharaa keessan keyattaneertan. Isin na lakkittanee, taqee teessan irraa saaxxanee, irra yaaddaneelle badhittanee saaxxane. Nafa isaanii qullaa dhaggitanee wol gaarayyeeffatiisaaf worra jaalatu woliin, wolii galtane. 9Isin Zayitii ejersaa qabattanee, fiqireelle itti dabaltanee, gara Moleekii waaqa dharaa dhaxxane; isin ergantoota teessan fagoo gara addee worri du'e jiru gad ergitane. 10Deemmaa kara'aatiin dadhaddane; te'uu malee, ‹Tun bu'aa hin qaddu› hin jenne. Hunna haareya dhaggattane; tanaaf hin dadhaddane.
11«Akka isin na soddanuuf, ka isin sodaachisee yaachise eennu fa'a? Wonni isin na hin qaabatiniif, wonni isin tana hin qalbeeffatiniif, wonni isin na hin sodaatiniif, waan ani yennaa dheertuu cadhiseefii motii? 12Ani balchummaa teessanii fi hujii teessan hin salqa; waaqoti dharaa keessan womaa isiniif hin bayanu. 13Yennaa isin qarqaarsaaf iyyattanu, waaqoti dharaa hedduun isin wolitti qabattane sun, isin baasanuu tii me. Isaan mara qilleensi fuudhee hin deema; diilalluulle isaan hin balleessiti. Nami natti addatu ammoo, lafa hin dhaala; gaara woyyicha kiyya qabeenna ifii hin godhata» jedhe.
Waaqi Kolbaa Qarqaariisaaf, Fayyisiisaafille Waadaa Gale
14Mootiin Waan Maraa, «Karaa baasa'a, karaa baasa'a! Daandii qopheessa'a; daandii kolbaa tiyyaa keessaa gufuu kaasa'a!
15«Ani Waaqa ol aanaa waan mara caalu, woyyicha haga bara baraa le'u. Ani worra ifi gad qabu yaada isaanii haaressiisaaf, worra addii kutatane jajjabeessiisaaf, addee ol aantuu woyyittii isaan woliin hin le'a. 16Ayyaanni kolbaa ani dadeetii fi hafuurri ani isaan keessa keye na duratti akka hin gagganne, ani haga bara baraa isaan hin komadhu; yennaa maralle hin aaru. 17Ani sababa joljolummaa cubbuu isaaniitiif isaanitti aare; ani isaan adabee, aari'iin fuula kiyya isaan irraa deebifadhe. Te'uu malee isaan karuma ifii san deemane.
18«Ani karaa isaanii dhaggeera; te'uu malee isaan hin fayyisa; ani isaan sooressa; Isaanii fi marroo isaaniitiif worra bowu hin jajjabeessa. 19Worri Israa'elii ka bowu afaan ifiitiin akka na leellifatu hin godha; nageenni worra fago'oo fi dhikoo jiruuf te'uu ti. Ani isaan hin fayyisa. 20Worri hamaan ammoo, akka abbaayaa bulphittuu, ta foora hin qanne, ta danbaliin isi'ii caffa'aa fi dhoqqee qadduu ti» jedha. 21Waaqi kiyya, «Worri hamaan nageya hin qabu» jedha.

Did you know?
Idolatry Denounced and Comfort for the Contrite
- The chapter sharply rebukes specific idolatrous practices, including pagan rites beneath sacred oaks, ritual drink offerings poured out to smooth stones in valleys, and child sacrifices offered in the clefts of the rocks.Sources: the Bible text itself
- In contrast to distant deities, the text presents the eternal and holy God as choosing to dwell not only in a high and holy place, but also among the lowly, oppressed, and contrite in spirit to restore and heal them.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org