Nations Bible

Isaiah 58

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Laama Dhuga'aa

1Mootiin Waan Maraa, «Qoonqoo adoo hin qusatin, guddisii iyyi! Qoonqoo teeti akka tultulla'aa dhageessis! Kolbaa tiyyatti finqila isaanii, sanyii Yaaqoobiititti cubbuu isaanii himi! 2Isaan guyyaa mara na barbaadan; karaa kiyya beekiisaa waan fedhanu fakkaatan; akka kolbaa waan sirrii te'e hujjuutii fi akka kolbaa ajaja Waaqa ifii hin lakkisinii, muraa haqaa na gaafatan; ana Waaqatti dhikaatiisalle waan fedhanu fakkaatan» jedha.

3Isaan, «Eega ati gara laama keennaa hin ilaalle teetee, nuuti maaf laanne ree? Gad ifi qabiisa keenna eega ati hin ilaalin, nuuti maaf ifi gad qanne ree?» jedhan.

Mootiin Waan Maraa isaaniin, «Kunoo, guyyaa laamaatitti isin waanuma fedhii teessanii gootan; hojjattoota teessan maraayyuu hin cunqursitan.

4«Kunoo, laam keessan lolaa fi moroma'aan, tuntummuu hammeennaatiin wol tumiisaan muummowa; akka amma laamiisatti jirtanu kana laamaa, daadimati keessan ol-gubba'atti waan isiniif dhage'amu isinitti hin fakkaatin. 5Laam ani filadhe ka akkasii kanaa ree? Nami ka ifi gad qabu, guyyaa akkanaa qofaa ree? Akka allaadu'uu qooree mataa ifii gad qabatiisaa ree? Yookiin woyaa gaddaa uffatee daadhaa irra gangalatiisaa ree? Laam isin jettanu isa kanaa ree? Guyyaan ana Mootii Waan Maraa biratti fudhatama qabu guyyaa akkanaatii ree?

6«Laam ani filadhe worra haqa malee hidhame akka hiittanu, wodaroo waanjo'oo akka hiittanu, worra cunqurfame bilisa akka baattanuu fi waanjoo mara akka caccassittanuu motii ree? 7Sagalee teessan worra beelowe woliin akka qoodantanu, hiyyeessa olii fi gad joonjuuf addee bulu akka kennitanu, nama qullaa jiru yennaa dhaggitane akka daara baattanu, aantee teessanitti fuula akka itti hin hammaannee motii ree? 8Yoo tana gootane ifi keessan akka ganamaa hin ifa; fayyinni keessanille ariifatee hin dhufa; balchummaan teessan isiniin dura hin deenti; ulfinni kiyyalle isin duubaan isin hin eega. 9Yennaa isin daadimattanu, ani deebii isiniif hin kenna; yennaa isin qarqaarsaaf gara kiyya iyyitanu, anille isin jalaa hin owwaadha.

«Isin nama cunqursiisa, quba namatti qabiisaa fi hantuu dubbatiisa yoo lakkittane, 10ka beeloteef sagalee yoo kennitane, ka rakkatelle yoo qarqaartane, ifi keessan dukkana keessatti hin ifa; dukkanti dimmi teessanille akka ifa saafowaa hin teeti. 11Ani Mootiin Waan Maraa yennaa mara isin hin sooressa; lafa godduu keessalle'etti isin hin quussa; lafee teessan hin jabeessa. Isinille akka oorruu bisaan obaafamuu, akka madda bisaan isaa hin dhidhannee hin teetan. 12Kolbaan teessan waan dur diigame deebittee hin ijaarti; hundee durii ol kaasan. Isin, ‹Worra dalleya dhaka'aa ka caccabe deebisee haaressu, worra karaa bade miidhassu› hin jedhantan. 13Isin seera Waaqaa ka marroo guyyaa Sanbataa yoo eegattane, guyyaa woyyicha kiyya kanatti, waan fedhii teessanii yoo godhuu dhaddane, guyyaa Sanbataa guyyaa gammadaa, guyyaa kiyya woyyicha guyyaa ulfinnaa yoo godhattane, guyyaa san haajaa keessaniif ideemiisa, waan fedhii teessanii godhiisa yookiin waan dubbatiisaaf hin malle yoo lakkittane, 14isin yennaa san ana Mootii Waan Maraatti hin gammadan; ani lafa mara irratti akka isin ulfaattanu, dhaala abbaa keessan Yaaqoobiille akka isin nyaattanu hin godha; ani Mootiin waan Maraa tana dubbadheera» jedha.

Did you know?

True Fasting and the Sabbath

  • In this chapter, the prophet contrasts outward religious rituals with genuine social justice. The people fasted, bowed their heads, and wore sackcloth while exploiting their laborers and fighting among themselves, whereas God desired a fast defined by feeding the hungry, sheltering the homeless, and freeing the oppressed.Sources: the Bible text itself
  • The chapter concludes with an appeal to honor the Sabbath as holy and delightful rather than pursuing selfish interests and labor. Observing the day with proper reverence is linked to the promise of restoration, rebuilding ancient ruins, and receiving the heritage of Jacob.Sources: the Bible text itself · Jacob (Israel)

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.