Isaiah 56
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Waaqi Gosa Biyya Adda Addaa Gara Fayyinnaa Waame
1Mootiin Waan Maraa, «Fayyisiis kiyya waan dhikaateeruuf, balchummaan tiyyalle ariiti'iin waan mudhattuuf, haqa eega'a; waan sirrii te'elle huja'a. 2Nami tana godhu, ka tana jabeessee eegatu, ka Sanbata hin batteessine, waan hantuu mara hujiisa irraa ka harka ifii eegatu ka eebbifame» jedha.
3Nami ormi gara Mootii Waan Maraa deebi'e, «Mootiin Waan Maraa dhugumaan kolbaa ifii irraa gargar na hin baasa» jedhee hin yaadin.
Guneessille, «Ani muka goga'a» ifiin hin jedhin. 4Mootiin Waan Maraa, «Guneessota Sanbata kiyya ulfeessanu, ka waan na gammachiisu filatanuu fi gondooroo tiyya jabeessanee ka eegatanuuf, 5ani Galma Woyyicha kiyya keessaa fi dalleya kiyya keessatti, ijoollee dhiiraatii fi durraa caalaa, yaadanno'oo fi maqaa ittiin beekkamanu isaaniif hin kenna;
maqaa haga bara baraa hin bannelle isaaniif hin kenna.
6«Worra orma ana Mootii Waan Maraa tajaajiluuf, ka maqaa kiyya jaalatuuf, ka ana waaqonfatuuf, ka natti dhikaatee, Sanbata kiyya adoo hin batteessin, gondooroo tiyya eegatanu mara, 7ani gara gaara woyyicha kiyyaa ol isaan hin baasa; mana daadimataa kiyya keessalle'etti isaan hin gammachiisa. Manni kiyya, mana daadimataa ka gosa biyya adda addaa maraa waan jedhamuuf, kennansa isaanii ka gubatuu fi ciincaa isaanii ka dhibii addee ciinca'aa tiyya irratti yoo isaan dhikeessane ani hin fudhadha» jedha.
8Goottaan Mootii Waan Maraa ka kolbaa Israa'elii ta bittinnootte wolitti qabu, «Ani worra amma wolitti qabameeru kana irratti ka dhibii dabalee wolitti hin qaba» jedha.
Cubbuu Sooressitoota Israa'elii
9Mootiin Waan Maraa, «Isin worri akka bineensotaa marti, isin worri akka bineensota gongoma'aa marti, nyaatiisaaf kowa'a. 10Eeddoti Israa'elii balla'a; isaan martinuu beekkumsa hin qabanu; isaan martinuu akka sareelee dutuu hin dandeennee ti; isaan dutuu hin dande'anu; irkatanee oojjatan; hirriiba jaalatan. 11Isaan gadhitoo akka saree nyaattee hin quunnee ti; isaan tissitoota woy hin hubanne; isaan martinuu karaa ifii deeman; tokko tokkoon isaaniituu bu'aa ifii barbaadatan. 12Isaan, ‹Kowa'a daadhii woyni'ii unna; untoo nama macheessitulle unnee machoonna. Borulle akkuma adhaa hin teeti; yookiin ta adhaa caala'aayyuu hin tolti› woliin jedhan.

Did you know?
A House of Prayer for All Nations
- Isaiah 56 explicitly welcomes foreigners and eunuchs who honor the Sabbath and keep God's covenant, promising them an everlasting name and declaring that God's house will be called a house of prayer for all nations.Sources: the Bible text itself
- In sharp contrast to the faithful foreigners who join the Lord, the passage reproaches Israel's leaders and watchmen, describing them as blind, mute dogs and self-indulgent shepherds pursuing their own gain and drink.Sources: the Bible text itself
- Historical records of biblical chronology date the start of Isaiah's prophetic activity to around 758 BC, spanning a duration of approximately 62 years.Sources: Prophecies of Isaiah
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 7
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org