Nations Bible

Isaiah 30

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Kolbaa Mataa Jabaatuuf Aanne'e

1Mootiin Waan Maraa, «Ijoollee mataa jabaattuuf, karoora kiyya hin te'in ta baafattuuf, fedhii tiyyaan ala gosa biyya adda addaa woliin ta wolii galtuuf, ta cubbuu irratti cubbuu dabaltuuf aanne'e! 2Isaan na irraa gorsa adoo hin fudhatin, gara biyya Gibxi'ii gad bu'an; mootii Gibxi'ii qarqaarsa godhatanee, gaaddisa Gibxi'ii jalatti baqatan. 3Mootii Gibxi'ii qarqaarsa waan godhattaneef hin fokkifattan; gaaddis Gibxi'iille isin hin qaanessa. 4Qachaa Zo'aanii keessatti qondaaltota qabaattanulle, worri isin ergitane qachaa Gibxi'ii Hanees geyanulle, 5kolbaan sun fokko'oo fi qaanii isaanitti fiddi malee, bu'aa hin qaddu; isaan qarqaaruu waan hin dandeenneef, marti isaanii hin qaanowan» jedhee dubbateera.

6Marroo bineensota biyya Negebii wonni dubbatame asii gad jirti: worri ergame karra ifii harre'etti, meya gatii guddo'oo ka ifiille gaalatti fe'atanee, lafa soda'aa fi rakkinni jiru keessa deemanee, addee neenqi dhala'aa fi kormi, buuti'ii fi dhudhuufaan gugatu jiranu keessa dabaranee, gara kolbaa isaaniif bu'aa hin qannee, 7gara worra Gibxi'ii ka qarqaarsi isaanii bu'aa hin qannee hin dhaqan. Tanaaf ani worra Gibxi'ii, «Jawwee abbaaya'aa ta cadhittee teettu» jedhee maqaa baase.

Kolbaa Hin ajajanne

8Amma dhaqiitii fuula isaanii duratti gabatee irratti barreessi; kitaaba maramaa keessalle'etti barreessi. Kunille baroota dhufuuf, haga bara baraa dhugaa baya hin te'a. 9Isaan kolbaa finqiltuu, ijoollee dharaameyyii gorsa Mootii Waan Maraa hin caqanne. 10Isaan worra mudhii dhagguun, «Haganaa achi mudhii hin dhaggina'a», raagole'een, «Raaga dhuga'aa nutti hin raagina'a; waan nu gammachiisuu fi waan nu'uuf dansaa te'e qofa nutti hima'a. 11Karaa dhuga'aa kana lakkisa'a; daandii irraa gora'a. Marroo Waaqa Woyyicha Israa'elii san nutti hin himina'a» jedhan.

12Tanaaf Waaqi Woyyichi Israa'elii, «Isin waan ani isinitti dubbadhu waan tuffataneef, nama cunqursiisaa fi sobiisatti waan addattaneef, 13yakkaan tun akka dalleya dheeraa caccabee, dedhuma jigee bututuu isin hin gooti. 14Akkasuma akka meya faaraa ka caccabee bututuu, ka bassoo ibidda ittiin fudhatanu yookiin ta bisaan boolla keessaa ittiin woraabbatanuulle keessatti hin dhagganne hin teetan» jedhe.

15Goottaan, Mootiin Waan Maraa Woyyichi Israa'elii, «Isin yoo cubbuu teessan faaci'attanee foorfattane hin fayyitan; cadhittanee naaf yoo addatantane hin jabaatta; isin ammoo diddanee, 16‹Waawwo'o! Nuuti fardo'oon hin baqanna› jettan; tanaaf isin hin baqattan; isin, ‹Fardoo qolchoolee irra teenna› jettan; worri isin ari'ulle qolchaa hin te'a. 17Isaan keessaa nami tokko yennaa isin sodaachisee xixe, isin keessaa nami kum hin baqata; nami shan yennaa xixe, isin martinuu hin baqattan. Utubaa baandira'aa keessan ka gaara irratti dhaabbatee fi beessisa ka kooba irra jiru malee, isin keessaa nami tokkolle achitti hin hafu» jedhe. 18Mootiin Waan Maraa ammalle isin marariisaaf hin ossata; inni isiniif nayiisaaf hin ka'a; Mootiin Waan Maraa Waaqa haqaa ti; tanaaf worri isatti addatu duudiin gammaduu ti.

Waaqi Kolbaa Ifii Hin eebbisa

19Ee kolbaa Xiyoonii, ka Yerusaalem keessa leetanu, haganaa achi hin boottanu; yennaa isin itti iyyattanu, akkuma qoonqoo teessan dhage'een, inni isiniif mararee deebii isiniif hin kenna. 20Goottaan sagalee rakkinnaatii fi bisaan farraa isiniif kennulle, barsiisaan keessan haganaa achi isin duraa hin dhokatu; isin iluma teessaniin isa hin dhaggitan. 21Yennaa isin gara middaa yookiin gara bita'aa deebitanu, qoonqoo isin duubaan, «Karaan kana, isa irra ideema'a» jettu gurri keessan hin dhage'a. 22Achiin duuba isin waaqota dharaa keessan ka meeti'iin gonfamee fi fakkii waaqota dharaa ta worqi'iin gonfante hin salphittan; akka hoccuu xurti'ii gattanee, «Ila teenna duraa bada'a» isaaniin hin jettan. 23Mootiin Waan Maraa midhaan isin facaafattanuuf, bokkeya hin roobisiisa; lattille midhaan dansaa hedduu hin baatti. Guyyaa san horiin keessan kaloo badho'otti hin tikatan. 24Qotiyyo'oo fi harreen teessan ta lafa qottu, okeya sooddaan mi'eessanee fi marra gossanee horooro'oo fi akkafa'aan garagaggalchanee miidhassane hin nyaatan. 25Guyyaa xelleephoon diinaa diigantee diinni sun dhumatu, gaara gugurda'aa fi kooba dhedheertuu mara irraa bisaan maddee hin yaa'a. 26Yennaa Mootiin Waan Maraa cannana kolbaa ifii hidhu, madaa isaan madeesselle yennaa fayyisu, jiin akka adu'uu hin ifa; ifi adu'uulle ifa guyyaa torbaa dachaa torba hin te'a.

Waaqi Asoor Hin adaba

27Kunoo, Mootiin Waan Maraa aarii akka ibiddaa bobeettuun, ta akka hurrantaa aaraatiin fagoo irraa hin dhufa; inni aari'iin dubbata; arrabi isaalle akka ibiddaa nama fixa. 28Hafuurri isaa akka bisaan ori'ee guutee morma namaa gewuu ti; inni meemmee badi'iitiin, gosa biyya adda addaa hin meemmessa; bixaala karaa irraa isaan gorsu, afaan isaanii keessaa hin keya. 29Isin guyyaa jila woyyittii jilifattanu galgala akkuma faarsitanu, hin faarsitan; kolbaan gara gaara Mootii Waan Maraa, gara rassaa Israa'elii, suusullee afuufaa gammadaa akkuma ol baatu, isinille hin gammaddan.

30Mootiin Waan Maraa aarii bobeettuun, ibidda nama fixuun, bubbee bokkeya barada'aatiin, bubbee bokkeyaa mandiisu'uutii fi dhakaa bokkeyaatiin qoonqoo ifii ta arnya qaddu namooti akka dhage'anu hin godha; irreen isaa yennaa dhuttu akka isaan dhagganu hin godha. 31Yennaa Mootiin Waan Maraa ulee ifiitiin isaan dhowu, qoonqoon isaa worra Asoorii hin rifachiitti. 32Mootiin Waan Maraa ulee adabbii ifiitiin yennaa isaan adabu mara, dibbe'ee fi kiraarri guddichi hin dhowaman; inni dhowicha harka ifiitiin isaan hin lola. 33Addeen, «Toofet» jedhantu, ta wo itti gubanu, bara heddu'uun dura qophootteerti; mooticha worra Asooriitiifille qophootteerti; addeen ibiddaa sun qile'e; badhoolle'e; qoraan baca'aa fi ibiddi guddaan achi jira; hafuurri Mootiin Waan Maraa baafatu akka dhakaa bobe'uu, ibidda itti hin qassiisa.

Did you know?

A Futile Alliance with Egypt

  • Isaiah condemned Judah's leaders for sending ambassadors to Egyptian cities like Zoan (Tanis) and Hanes without seeking divine guidance. Judah sought Pharaoh's military protection against Assyrian aggression, but the prophet warned that this alliance would yield only shame and disappointment.Sources: the Bible text itself · Zoan · Hanes · Pharaoh
  • The chapter highlights the perilous journey through the Negev, the arid region south of Judah along the caravan route to Egypt. Envoys loaded donkeys and camels with riches to buy assistance, enduring a wilderness known for predatory beasts and harsh conditions for an alliance that would prove useless.Sources: the Bible text itself · Negeb

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Egypt · 30.129, 31.308 · verses 2, 3, 6, 7, 16
  • Zoan · Today: Tanis · 30.977, 31.880 · verse 4
  • Negeb · 31.245, 34.841 · verse 6
  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 19, 29
  • Zion · Today: Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 19
  • Assyria · 36.359, 43.153 · verse 31
  • Topheth · Today: in the Hinnom Valley · 31.769, 35.228 · verse 33

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.