Isaiah 31
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Worra Gibxi'itti Addatuuf Aanne'e
1Worra Gibxii irraa qarqaarsa dhaggatiisaaf gad bu'u, worra fardo'otti addatu, worra bacinna garreettaa ifii ka fardaan harkifamuu fi abbootii fardo'oo jajjaboo ifiititti addatu, ammoo worra gara Woyyicha Israa'elii hin ilaallee fi worra qarqaarsa Mootii Waan Maraa hin gaafanneef aanne'e! 2Mootiin Waan Maraa qaro'o; inni badii isaanitti hin fida; waan jedhe irraa duubatti hin deebi'u; inni worra hantuu huju irratti, worra hantuu huju worra qarqaaru irralle'etti hin ka'a. 3Worri Gibxi'ii namoota malee Waaqaa moti; fardoon isaaniille hori'ii malee Ayyaanaa moti. Yennaa Mootiin Waan Maraa harka ifii diriirsu, worri isaan qarqaaru hin gufata; worri qarqaaramulle hin jiga; lamaanuu wolumaan hin badan.
4Mootiin Waan Maraa, anaan, «Neenqi yookiin neenqi dardarri waan qabate irratti yennaa dhangaa dhowu, iyya tissitoota isa ari'iisaaf wolitti qabamane akkuma hin sodaanne, hogaa isaaniitiif akkuma hin rifanne, akkasuma Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade gaara Xiyooniitii fi kooba isi'ii irratti loliisaaf gad hin dhufa. 5Akkuma sinbirreen koola ifii badhifattee mana ifii irratti gombooddu, akkasuma Mootiin Waan Maraa ka Waan Mara Dade Yerusaalemitti hin gombooba; isi'itti gomboobee hin baasa; gubbaa irra dabaree isii hin hambura.
6«Ee kolbaa Israa'elii! Gara ana Mootii Waan Maraa ka finqiltanee deebi'a'a. 7Guyyaa san waaqota dharaa keessan, ka meeti'ii fi worqii irraa harka keessan cubbichaan hujjane, isin marti hin gattan. 8Achiin duuba worri Asoorii shallaaga'aan hin dhumatan; shallaagaan sun ka namaatii moti; shallaagaa namaa ka hin te'iniin isaan hin badan; shallaagaa san jalaa hin baqatan; dargaggooti isaanii hunnaan namaaf hin hujan. 9Loltooti jajjabi isaanii sodaa guddo'oon hin jigan; ajajjooti loltoota isaanii, baandiraa yennaa dhaggane hin bararaqan» jedha, Mootiin Waan Maraa, ka ibiddi isaa Xiyoon keessa, addeen ibidda isaa Yerusaalem keessa jirtu.

Did you know?
Warning Against Egyptian Alliances
- Isaiah denounces Judah's reliance on Egypt for military strength, especially its multitude of horses and chariots. The prophet contrasts human and military resources with divine sovereignty, reminding the people that the Egyptians are merely mortal men and their warhorses are flesh rather than spirit.Sources: the Bible text itself · Egypt
- Mount Zion, a prominent fortified hill on which Jerusalem was built, is depicted as directly defended by God. Using the imagery of an undaunted lion and hovering birds, the passage promises that Jerusalem will be protected from Assyria by divine intervention rather than by mortal swords.Sources: the Bible text itself · Jerusalem · Mount Zion
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Egypt · 30.129, 31.308 · verse 1
- Mount Zion · 31.772, 35.229 · verse 4
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 5, 9
- Assyria · 36.359, 43.153 · verse 8
- Zion · Today: Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 9
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org