Nations Bible

Isaiah 29

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Qachaa Yerusaalemiitiif Aanne'e

1Ee Yerusaalem, addee ciinca'aa, qachaa Daawiti keessa qubate, si'iif aanne'e! Jila teeti wogguma wogga'aan jilifadhu! 2Te'uu malee, ani Mootiin Waan Maraa addee ciinca'aa san hin rakkisa; achitti bowaa fi gaddi hin te'a. Achiin duuba ati naaf akka addee ciinca'aa ta ibiddi irratti bobe'uu hin teeta. 3Ani karaa maraan si hin rakkisa; xelleephoolle sitti naannessee, kushee sitti ijaaree si hin rakkisa. 4Achiin duuba ati gad hin deebita; lafa itti gad deebite san keessaa hin dubbatta; dubbiin teeti bukuu keessaa hin dhage'anti; qoonqoon teeti akka qoonqoo ekera'aa, boolla keessaa hin baati; haasonni keetille bukuu keessaa hin hasaasa.

5Yerusaalem, diinoti keeti hedduun akka buku'uu hin te'an; loltooti nama sodaachisanulle akka hicaacee qilleensaan fudhatantuu hin te'an. Dedhuma adoo itti hin seyin, 6Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade mandiisu'uun, tacho'a lafaatiin, qoonqoo guddo'oon, hobonbolatti'iin, bubbee bokkeyaatii fi bobe'a ibiddaa ka nama fixuun hin dhufa. 7Achiin duuba loltooti gosa biyya adda addaa, ta Yerusaalemii addee ciinca'aa loltu, ta kushee isi'ii loltuu fi ta isii rakkittu marti akka oojju'uutii fi akka mudhii halkanii hin te'an. 8Akka nami beelowe oojju'uun sagalee nyaatee, yennaa hirriibaa ka'u ammoo beelumaan jiruu, akka nama dheebotee oojju'uun bisaan unee, yennaa hirriibaa ka'u ammoo gaggabee dheebumaan jiruu, gosi biyya adda addaa ta Yerusaalem loltu, akkasuma hin teeti.

Adabbii Ajaja Waaqaa Tuffatiis Fiddu

9Bararaqa'aatii maadeffadha'a! Dunuunfadha'aatii jaama'a! Machowa'a! Ammoo daadhii woyni'iitiinii moti. Gatantara'a! Ammoo untoo nama macheessituunii moti. 10Mootiin Waan Maraa hirriiba hamaa isinitti buuseera; inni raagota ila teessan teete ila qabeera; sooressitoota teessan ta mudhii dhaggitulle mudhii irraa golleera. 11Mudhiin tun duudiin isiniif akka kitaaba maramaa cufamee chaappaa itti godhamee ti; kitaaba akkasii nama kitaaba dubbisuu dande'utti kennitanee, «Dubbisi!» yoo jettane, inni ammoo, «Cufamee chaappaan waan itti godhameef, ani dubbisuu hin dande'u» hin jedha. 12Nama kitaaba maramaa dubbisuu hin dandeennetti kennitanee, «Dubbisi!» yoo jettane, inni deebisee, «Ani dubbisuu hin dande'u» hin jedha.

13Goottaan, «Kolbaan tun dubbii afaan ifiitiin natti dhikaatan; ulfinnalle naaf kennan; gadhaan isaanii ammoo, ana irraa fago'o; isaan ajaja nami isaan barsiiseen na waaqonfatan. 14Tanaaf ani ammalle baasaa fi bilbaasa hujee, kolbaa tana hin maadeffachiisa; qarummaan qaroole'ee hin baddi; hubantiin worra hubatuu hin dhokatti» jedheera.

Addii Gara Duraa

15Worra karoora ifii Mootii Waan Maraa duraa akka malee dhoffatiisaaf wodhaananuuf, worra dhossa'aan woy hujuufille aanne'e! Isaan gadhaa ifii keessatti, «Eentu nu dhagga? Eentu nu irratti beeka?» jedhan. 16Isin woy gara gaggalchitan; nami faara dhowu faara te'uu dande'aa? Wonni harka namaatiin hujame tokko, abbaa hujeen, «Ati na hin hunye» jedhuu dande'aa ree? Yookiin okkoteen, abbaa isii dhoween, «Inni womaa hin beeku» jedhuu dandeettii ree?

17Yennaa diqqo'oon duuba baddaan Libaanonii fichaa laafaa hin teeti; fichaan laafaan gongomaa hin te'a.

18Yennaa san worri gurra duuda'aa, jecha kitaaba maramaa keessaa hin dhage'a; worri ballaan ilti isaanii banantee dhaggiisa hin dande'an. 19Mootiin Waan Maraa worra gad ifi qabu hin gammachiisa; worri hiyyeeyyiin Woyyicha Israa'eliititti guddoo hin gammadan. 20Worri marartii hin qannee fi worri murgu hin badan. Worri nama irratti hantuu yaadu duudiin hin badan. 21Worri dubbi'iin nama yakkaamessa godhu, worri badhinna kora mura'aa duratti tiyyoo namatti keyu, worri dhugaa baya sobaatiin, worra yakkaa hin qanne haqa dhooggu hin badan.

22Tanaaf Mootiin Waan Maraa Abrahaam bilisa baase, sanyii Yaaqoobiitiin, «Yaaqoob haganaa achi hin fokkifatu; qaanoweelle fuula hin badu. 23Isaan ijoollee ifii ta ani harka kiyyaan dade odduu ifiititti yennaa dhagganu, isaan maqaa kiyya hin woyyoonsan; woyyummaa woyyicha Yaaqoobii hin beekan; soda'aan ana Waaqa Israa'elii dura hin dhaabbatan. 24Worri yaadi isaanii karaa irraa gore, deebi'ee hin hubata; worri gungumulle gorsa hin fudhata» jedha.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

The Siege and Restoration of Ariel

  • The name Ariel is used symbolically in this passage for Jerusalem, the city where King David once encamped. The term is also associated with an altar hearth for burnt offerings, picturing the city undergoing intense siege and distress before its sudden deliverance.Sources: Ariel · David · the Bible text itself
  • Isaiah compares the spiritual insensibility of the people to a sealed scroll that the literate cannot open and the illiterate cannot read. He condemns those who reverse the natural order by acting as though the clay could question the potter who formed it.Sources: the Bible text itself
  • The chapter promises a dramatic reversal in which the great mountain region of Lebanon becomes a fertile orchard. In that day, the descendants of Jacob and Abraham are promised understanding, joy, and justice as the blind see and the deaf hear.Sources: Lebanon · Abraham · Jacob (Israel) · the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Ariel · Today: Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 1, 2, 7
  • City of David · 31.774, 35.236 · verse 1
  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 2, 3
  • Mount Zion · 31.772, 35.229 · verse 8
  • Lebanon · 33.540, 35.584 · verse 17

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.