Isaiah 25
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Faaruu Leellisaa
1Ee Mootii Waan Maraa, ati Waaqa kiyya;
ani si hin jajadha; maqaa keetille hin leellifadha;
waan maade'ee ka dur yaadde
addatamumma'aan muummessiteerta.
2Ati qachaa san tuulaa rassa'aa gooteerta;
dalleya dhaka'aa ka qachaa saniille diiddeerta.
Manni mootumma'aa ka alagaan ijaare
haganaa achi hin jiraatu;
ijjumaa deebi'eelle hin ijaaramu.
3Tanaaf gosi biyya adda addaa jajjaboon
ulfinna si'iif hin kenniti;
qachooti gosa biyya adda addaa
ta gadhaa jabaattuu si hin sodaatan.
4Ati hiyyeessaaf addee itti baqatu,
rakkata'aaf yennaa rakkinnaa addee itti baqatu,
yennaa bokkeya bubbe'ee addee jalatti qophatanu,
yennaa o'a adu'uulle gaaddisa teeteertaaf.
Wonni afaan worra gadhaa jabaatuu keessaa bayu,
akka bokkeya bubbe'ee
ka dhaaba manaa dhowuutii fi
5akka o'a goomole'ee ti.
Akkuma duumensi o'a qabbaneessu,
ati hogaa alaga'aa cadhi hin goota;
faaruun isaaniille hin hatti.
Areertii Waaqi Qopheesse
6Mootiin Waan Maraa Ka Waan mara Dade, gaara Xiyoonii irratti gosa biyya adda addaa maraaf, daadhii woyni'ii ta baate, foon coomaa fi daadhii woyni'ii dansaa areertii hin qoheessa. 7Inni gaara kana irratti gollaa gaddaa ka gosa biyya adda addaa mara golle hin balleessa. 8Goottaan, Mootiin Waan Maraa haga bara baraa du'a hin balleessa; inni ila nama duudi'ii irraa imimmaan hin haqa; salphinna kolbaa ifii biyya lafaa duudii irraa hin fageessa. Mootiin Waan Maraa tana dubbateera.
9Yennaa san kolbaan, «Dhuguma inni Waaqa keenna; nuuti isatti addannee, innille nu fayyise; Mootiin Waan Maraa ka nuuti itti addanne, isa kana; kowa'a fayyisiisa isaatitti gammannee ilillinna» hin jetti.
Waaqi Mo'aab Hin Adaba
10Harki Mootii Waan Maraa gaara Xiyoonii hin eega; kolbaan Mo'aabii ammoo, akkuma hicaaceen dhoqqe'een dhiitantu, miila isaa jalatti hin dhiitaman. 11Isaan akka nami bisaan daaku harka ifii badhifatu, dhoqqee san keessatti harka ifii hin badhifatan; Mootiin Waan Maraa ammoo maltummaa isaaniitiin adoo hin sobamin, koora isaanii gad hin qaba. 12Inni dalleya dhaka'aa dheeraa ka qachaa Mo'aabii gad qabee, lafatti buusee, bukuu irratti hin jissa.
Did you know?
Praise for Deliverance and the Mountain Banquet
- Isaiah 25 depicts a universal celebration on God's mountain, featuring aged wines and rich foods, accompanied by the removal of grief, the wiping away of tears, and the swallowing up of death forever.Sources: the Bible text itself
- The chapter contrasts this mountain of salvation with the humbling of Moab, a neighboring territory located east of the Jordan River and the Dead Sea. In biblical tradition, the name refers both to the geographical region and to the people who inhabited it.Sources: the Bible text itself · Moab · Moab
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org