Nations Bible

Isaiah 24

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Mootiin Waan Maraa Biyya Lafaa Hin Adaba

1Kunoo, Mootiin Waan Maraa biyya lafaa duwwaa godhee onsa; inni lafa gara balleessee, worra lafa irra le'u hin bittinneessa. 2Wonni kolbaa irratti te'u, hayyicha irralle'etti hin te'a; wonni garbicha irratti te'u, goottaa isaa irralle'etti hin te'a; wonni garbittii irratti te'u, giittii isi'ii irralle'etti hin te'a; wonni nama bitatu irratti te'u, nama gurguratu irralle'etti hin te'a; wonni nama ergifatu irratti te'u, nama ergisu irralle'etti hin te'a; wonni nama liqeeffatu irratti te'u, nama liqeessu irralle'etti hin te'a. 3Mootiin Waan Maraa dubbii tana waan dubbateef, latti guutumatti saamantee ijjumaa ona hin teeti.

4Latti goddee wonni isii irraa qoorti; biyyi lafaa qom'oortee hin qoorti; qondaaltoti biyya lafaa hin qom'oorti.

5Kolbaan biyya lafaa irra leetu seera Mootiin Waan Maraa eegatiisa, seerata isaa hordofuu diddee, gondooroo isaa ta bara baraa diiddee lafa batteessiteerti. 6Tanaaf abaarsi biyya lafaa hin balleessa; kolbaan isi'iille yakkaa ifiitiif hin adabanti. Tanaaf kolbaan lafa irra leetu gubattee, worri diqqaan callaan hafeera. 7Daadhiin woyni'ii haaretti dhumatte; muki woyni'iille goge; worri dur gammadu duudiin aade. 8Qoonqoon dibbe'ee ta nama gammachiittu hatte; hogaan worra firinxiixuu cadhi jedhe; qoonqoon kiraara guddichaalle hatte. 9Haganaa achi nami daadhii woyni'ii sirbaa hin unu; untoon nama macheessitu, worra unutti hin hadhootti. 10Qachaan diigamee hin ona; eennulle akka hin seenne, seensumi mana maraa hin cufama. 11Karaa irratti daadhii woyni'iitiif hin iyyan; gammadi gara gaddaa deebi'e; ililleettiin biyya lafaa keessaa badde. 12Qachaan onee hafeera; karrille caccaddee bututteerti. 13Maarre biyyi lafaatii fi gosi biyya adda addaa, akka muka ejersaa ka midhaan isaa irraa hargufameetii fi akka midhaan unkuruura muka woyni'ii irraa guuramee woxoon hafuu hin te'an.

14Worri badii irraa hafe qoonqoo ifii ol qabatee, gammadaan hin ilillisa; worri gara aduun seentuu, guddinna Mootii Waan Maraa hin odeessa. 15Worri gara aduun baatuulle Mootii Waan Maraatiif ulfinna hin kennan; worri oddoola keessa le'ulle maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii hin leellisan. 16Qaccee biyya lafaa irraa faaruu leellisaa ta, «Ulfinni Waaqa balcha'aaf te'u» jettu hin dhageenna. Ani ammoo deebisee, «Ani huqqadhe! Ani huqqadhe! Aanne'e naaf! Worri maltooleen dabarsanee kennane; maltooleen maltummaa ifiitiin dabarsanee kennane» jedhe. 17Ee, kolbaa biyya lafaa! Bararaqi, boollii fi tiyyoon isin eegatti. 18Nami qoonqoo bararassitu baqatu, boolla keessa hin bu'a; nami boolla keessaa ol bayu tiyyo'oon hin qabama. Roobi hamaan ol gubba'aa hin rooba; hundeen lafaalle hin tachooti. 19Latti dhodhootee, babbaqaxxee akka malee tatachoote. 20Latti akka nama machowee hin tintinti; akka gosee qilleensa keessaa hin raafanti; yakkaan isi'ii waan itti ulfaatteef hin jiddi; ijjumaa deebitee hin kaatu.

21Yennaa san Mootiin Waan Maraa hunna ol-gubba'aa maraa fi bulchitoota lafa irraa hin adaba. 22Isaan akka namoota boolla keessatti hidhamaneeranuu, wolitti qabaman; haga yennaan isaan adabamanu geettutti manni hidha'aa isaanitti cufamee achi turan. 23Mootiin Waan Maraa ka Waan Dade gaara Xiyoonii irratti, Yerusaalem keessatti mootii waan te'uuf, ji'aa fi aduun hin dimimmisan; jaarsoleen kolba'aalle ulfinna isaa hin dhaggiti.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Universal Judgment and the Reign on Mount Zion

  • The judgment depicted in this chapter reaches across all social distinctions equally, falling alike upon priest and people, master and servant, buyer and seller, and creditor and debtor. The devastation also silences everyday music, ending the sounds of the harp and tambourine as well as wine celebrations.Sources: the Bible text itself
  • The scattered survivors are compared to the few olives left on a tree after harvest or the gleanings left behind after grapes are gathered. Despite the widespread ruins, voices of praise to God are described as rising from distant coasts and islands.Sources: the Bible text itself
  • The vision concludes with the Lord reigning in glory before his elders on Mount Zion and in Jerusalem, outshining the sun and the moon. Mount Zion was the southeastern hill of Jerusalem where King David had earlier built his citadel.Sources: the Bible text itself · Mount Zion · Jerusalem

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 23
  • Mount Zion · 31.772, 35.229 · verse 23

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.