Isaiah 26
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Faaruu Injifacha'aa
1Yennaa san faaruun asii gad jirtu lafa Yihuda'aa keessatti hin faarfanti:
«Nuuti qachaa jabaa qanna;
Waaqi dalleya dhaka'aatii fi
kushee qacha'aa saniin nu hambure.
2Kolbaan balchittiin
ta dhugeeffannaa ifii eegatte akka seentuuf,
karra qachaa sanii bana'a.
3Nama qalbii ifiitiin jabaatee sitti irkatu,
waan inni sitti addateef,
ati nageya guutu'uun isa hin eedda.
4Inni rassaa bara baraa waan te'eef,
haga bara baraa
Mootii Waan Maraatitti addadha'a.
5Inni qachaa kooru hin salphisa;
worra achi keessa le'ulle hin adaba.
Inni qachaa ol ka'e san gara lafaa gad hin qaba;
bukuu keessalle'etti gad hin gata.
6Miilli worra cunqurfamanee
isa irra hin ideema;
faanti worra hiyyeeyyi'ii isa irra sirbiti.
7«Ee Mootii Waan Maraa qajeela'a!
Ati balchootaaf karaa hin qulqulleessita;
daandii isaan irra ideemanulle
wol hin qixxeessita.
8Ee Mootii Waan Maraa!
Karaa seera keetii irra ideemaa,
addi'iin si eeganna;
maqaa keetii fi waan ati nuu goote
qaabatiisa dharraana.
9Halkan lubbuun tiyya si dharraati;
ayyaanni kiyyalle si dharra'a;
yennaa ati lafatti murtu,
kolbaan biyya lafaa irra leetu
balchummaa hin baratti.
10Worra hama'aaf gadhaa yoo laafanelle,
balchummaan maan akka teete hin baratanu.
Isaan lafa qajeelumma'aa keessalle'etti
waan hantuu hujan;
arnya Mootii Waan Maraalle
hin qalbeeffatanu.
11Ee Mootii Waan Maraa,
harki keeti isaan adabiisaaf ol ka'eera;
isaan ammoo hin dhagganu;
akka ati kolbaa teetiif hinaattu
dhagganee qaanowanuu ti;
ibiddi ati diinaaf qopheessite isaan fixuu ti.
12«Ee Mootii Waan Maraa,
ati nageya nuuf hin kennita;
waan nuuti hunye mara nuuf muummessiteerta.
13Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa keenna!
Goottoleen dhibiin nu bulchaneeran;
nuuti ammoo maqaa keeti qofa ulfeessina.
14Isaan amma du'aneeran;
haganaa achi hin jiraatanu;
ekeraan isaanii hin kaatu.
Ati isaan addaddee balleessite;
dabarsii isaanii mara ijjumaa balleessite.
15Ee Mootii Waan Maraa, ati kolbaa teeti baceessite;
ati isaan baceessitee, ulfinna ifiif fudhatte.
Meessaa lafaalle karaa maraan badhitte.
16Ee Mootii Waan Maraa,
isaan yennaa rakko'oo gara keeti dhufane;
yennaa ati isaan adaddu
hasaassa'aan si daadimatane.
17Ee Mootii Waan Maraa, akkuma dubartiin ulfaa,
yennaa deyiisaaf ciniinsifattu iyyitu,
nuutille si duratti akkasuma teene.
18Akka dubartii ulfoottee ciniinsifattee teene;
ammoo womaa hin deenne;
waan biyya qarqaaru, waan hunye hin qannu;
biyya lafaa irralle'etti nama hin daballe.
19«Kolbaan teeti ta duute hin kaati;
reeffi isaanii hin ka'a.
Isin worri awwaalantaneertanu
ka'a'aatii, ilillisa'a!
Ee Mootii Waan Maraa,
Fixeensi ati ergitu fixeensa jiruu kennu waan te'eef,
latti ekeraa ol hin baatti.
Mura'aa Fi Boojuu Irraa Deebi'iisa
20«Ee kolbaa tiyya, kolloo teessan ol seena'aatii, balbala teessan cufadha'a; haga mufiin isaa dabartutti haga diqqaa dhokadha'a. 21Kolbaa biyya lafaa cubbuu isaaniitiif adabiisaaf, kunoo, Mootiin Waan Maraa addee bultoo ifiitii dhufiisatti jira. Latti dhiiga isii irratti dhangala'e hin mudhitti; haganaa achi worra ijjeefamane hin dhossitu» ta jettu.
Did you know?
A Song of Trust and Deliverance
- Isaiah chapter 26 presents a song of celebration to be sung in Judah. It contrasts a lofty, proud city brought down into the dust with a strong city whose walls and ramparts are divine salvation, welcoming a righteous and faithful nation.Sources: the Bible text itself
- The chapter contrasts the futility of human effort—likened to a woman writhing in labor only to give birth to wind—with God's promise that the dead will live and rise from the dust, refreshed like morning dew.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org