Nations Bible

Isaiah 23

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Raaga Marroo Xiiroosii

1Raagi marroo qachaa Xiiroosii asii gad jira;

Qachaan Xiiroosii diigamee, manaa fi addee buufataa malee waan hafeef, Ee hoboloota gugurdoo Tarshiishii bowa'a! Oduun tun biyya Qophiroosii irraa dhutte. 2Isin kolbaan oddoola leetanuu fi daldaltooti Sidoonii ka worra hobolo'oon abbaayaa irra deddeemiisaan duroontane cadhisa'a. 3Midhaan dhooqa Nayilii Abbaayaa gugurdoo irra Xiiroosiif hin dhufaayyu; kunille galii isi'ii guddoo waan te'eef, Xiiroos dikkoo daldala gosa biyya adda addaa ti.

4Ee Sidoon qachaa kushee Abbaaya'aa fokkifadhu; sababille abbaayaan dubbatee, «Ani hin ciniinsifanne; hin deennelle'e; ijoollee dhiiraatii fi ijoollee durraalle hin guddifanne» jette.

5Xiiroos akka diigante worri Gibxi'ii yennaa dhage'e, nayanee hin romman.

6Ee isin kolbaa oddoola leetanu, gara Tarshiishii gamatti bu'a'aatii wiiccifadha'aa bowa'a. 7Kun qachaa keessan ka durii, qachaa gammadaa, ka namooti achi keessaa gara biyya fago'oo qubatiisaaf dhaqanee motii? 8Qachaa Xiiroosii ka dur ulfinna namaaf kennu, ka daldaltooti isaa akka ilmaan moototaa, ka worri meya isaa gurgurulle biyya lafaa irratti ulfinna qabu karoora kana eentu isa irratti baase? 9Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, koora worra qachaa Xiiroosii ka ulfinna qabuu salphisiisaaf, namoota isaa ka biyya lafaa irratti ulfinna qabanu mara gad qabiisaaf, karoora kana baase.

10Ee kolbaa Tarshiishii, isin haganaa achi addee buufata hobolo'oo waan hin qabaanneef, akka laga Nayilii lafa teessan irra yaa'a'a. 11Mootiin Waan Maraa harka ifii abbaayaa irra diriirsee, mootummoota isi'ii rommisiiseera; dalleya dhaka'aa ka Kana'aaniille akka diigamuuf ajajeera. 12Inni, «Ee qachaa Sidoonii, ati waan diiganteef, haganaa achi hin gammaddu; gara biyya Qophiroosii gamatti buutulle, foora hin dhaggattu» jedheera.

13Kunoo lafa Baabilonii ilaala'a; kolbaan isi'ii kolbaa bu'aa hin qanne teeteerti. Worri Asoorii xelleephoo itti ijaaratanee, dalleya dhaka'aa ka qachaa sanii diiganee, lafa bineensi le'u godhane.

14Ee isin worri hoboloota gugurdoo Tarshiishiitiin yaatanu, qachaan keessan ka dalleya dhaka'aa waan diigameef, wiiccifadha'aa bowa'a.

15Yennaa san qachaan Xiiroosii bara jiruu mootii tokkoo, woggaa torbaatama hin dedhama. Woggaa torbaatamaan duuba ammoo, sirba dubartii sagaagaltitti'ii keessatti, 16«Ee dubartii sagaagaltittii dedhante, kiraara guddicha keeti fudhadhuutii qachaa keessa ideemi; akka si qaabatanuuf kiraara keeti guddicha akka dansaa dhowadhuutii, sirba bacaa sirbi» ta jedhante qachaa Xiiroosii irratti hin teeti.

17Woggaa torbaatamaan duuba Mootiin Waan Maraa Xiiroos hin yaadata; isiin sagaagala ifii ka qaraatitti deebitee, daldala ifiitiin mootota biyya lafaa duudii woliin hin sagaagalti. 18Bu'aan isi'iitii fi wonni isiin dhaggattu duudiin ammoo, ka Mootii Waan Maraatiif adda baafame te'a malee, wolitti qabamee hin kuufamu; worri Mootii Waan Maraa tajaajiliisaaf fuula isaa dura dhaabbatu sagalee baca'aa fi woyaa dansaa ittiin bitatan.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

The Oracle Concerning Tyre and Sidon

  • Tyre and its older neighbor Sidon were leading Phoenician port cities on the Mediterranean coast. Renowned for their vast trading network, Phoenician merchants sailed across the sea and founded colonies throughout the Mediterranean basin, reaching as far west as Tarshish in Spain.Sources: Tyre · Sidon · Tarshish · the Bible text itself
  • In ancient Hebrew geographical usage, Cyprus was known as Kittim. Located about sixty miles off the Syrian coast, the island was an early Phoenician trading post and a vital transit point where sailors received news before reaching mainland ports.Sources: Cyprus · the Bible text itself
  • The name Shihor in this chapter refers to the river Nile. Phoenician traders transported the agricultural surplus of Egypt across the sea, making Egyptian grain a major source of commercial wealth for the warehouses of Tyre.Sources: Nile · Shihor · Tyre · the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Cyprus · 35.000, 33.000 · verses 1, 12
  • Tyre · 33.271, 35.196 · verses 1, 3, 4, 5, 8, 10, 15, 17
  • Sidon · Today: Sandikli archaeological site in Sidon · 33.561, 35.372 · verses 2, 4, 12
  • Nile · Today: Nile River · 31.465, 30.367 · verses 3, 10
  • Egypt · 30.129, 31.308 · verse 5
  • Canaan · 32.767, 35.333 · verse 11
  • Assyria · 36.359, 43.153 · verse 13
  • Babylon · 32.543, 44.422 · verse 13
  • Chaldea · 30.962, 46.104 · verse 13

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.