Nations Bible

Ecclesiastes 9

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Muummee Nama Maraa

1Ani kana maraa hubatiisaaf wodhaaneera. Nami balcha'aa fi qaroon, hujiin isaaniille harka Waaqaa keessa jirti; wonni isaan eeggatu, jaalala yookiin jibba akka te'e, nami beeku hin jiru. 2Nami balcha'aa fi hamaan, nami dansa'aa fi badaan, qulqullichii fi battichi, ka ciincaa dhikeessuu fi ka hin dhikeessine martinuu hiruma tokko qaban. Nama dansa'aaf akkuma teetu, nama cubbichaafille teeti; worra kakatuuf akkuma teetu, worra kakuu sodaatuufille teeti. 3Waan biyya lafaa irratti te'u mara keessaa wonni hantuun hiree tokko dhaggatiisa nama maraa ti; irra caala'aayyuu, gadhaan namootaa hammeennaan guutameera; bara jiruu isaanii mara maraattummaan gadhaa isaanii keessa jirti; muummee irratti gara du'aa deeman. 4Nami odduu worra jiraata'aa jiru ammoo addii qaba; neenqa du'ee mannaa, saree jirtu woyya. 5Worri jiru akka du'anu hin beekan; worri du'e ammoo waan tokkooyyuu hin beekanu; gatii hin qabaatanu; dabarsiin isaaniituu hin dedhanti. 6Jaalalli isaanii, jibbaa fi hinaaffaan isaanii eega baddee turteerti; waan biyya lafaa irratti te'u keessatti isaan ijjumaa qooda hin qabanu. 7Wonni ati amma gootu Waaqa duratti fudhatama waan qadduuf, dhaqiitii sagalee teeti gammadaan nyaadhu; daadhii woyni'ii teetille gadhaa gammadaatiin uni. 8Yennaa mara woyaa adii uffadhu; mataa keetille zayitii ejersaa dibadhu. 9Jiruu teetii fi biyya lafaa ta irratti eloottu keessatti tun hiree teeti waan teeteef, bara jiru'uu ka bu'aan hin qanne ka Waaqi si'iif kenne kana mara keessatti, niitii teeti ta jaalattu woliin gammadi! 10Addee worri du'e jiru, ta ati dhaqiisaaf jirtu san hujiin yookiin itti yaadanee wo qopheeffatiis yookiin beekkumsi yookiin qarummaan waan hin jirreef, waan harki keeti hujiisa beeku mara hunna teeti guutu'uun huji!

11Ani ammalle waan dhibii biyya lafaa irratti dhagge: worri akka malee rukkisu yennaa mara hin injifatu yookiin loltooti jajjabbaan lola hin injifattu yookiin qaroon sagalee hin qabu yookiin beekaan durummaa hin qabu yookiin worri dandeettii qabu hin leellifamu; yenna'aa fi hireen ammoo isaan mara irratti hin teeti. 12Nami hiree isaa badduun yoom akka itti dhuttu hin beeku; akkuma qurxummiin caccoo hantuu seentee qabantu, akkuma sinbirreen ribboo jala seentu, ilmaan namaalle yennaa hantuu dedhuma isaanitti dhuttuun hin qabaman.

Qarummaan Gowwummaa Caalti

13Ani ammalle biyya lafaa irratti fakkeenna qarumma'aa ka guddoo natti maadee te'e tokko dhagge: 14qachaan diqqaan nami diqqaan keessa le'u tokko jiraayyu; mootiin hunnaamessi tokko dhufee lola itti kaasee, kaabii guddoo marsee itti ijaare. 15Namichi hiyyeessi qaroon qachaa san keessa le'u tokko jiraayyu; inni qarummaa ifiitiin qachaa san hambure. Ammoo namicha hiyyeessa san nami tokkolle hin qaabanne. 16Maarre ani, «Qarummaan jabeenna caalti» jedhe; ammoo namichi kun hiyyeessa waan te'eef, qarummaan isaa tuffatante; jecha isaalle nami dhage'e hin jiru. 17Iyya bulchaa gowwoole'eetii mannaa, dubbii qaroon laana dubbatu woyya. 18Qarummaan meya woraanaa caalti; cubbaalessi tokko ammoo waan dansaa bacaa balleessa.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

A Common Destiny and the Value of Life

  • The author counsels celebrating everyday life through customary ancient expressions of joy and honor: eating bread, drinking wine, wearing white garments, and anointing the head with oil.Sources: the Bible text itself
  • The passage refers to Sheol as the realm of the dead, describing it as a state where work, planning, knowledge, and wisdom cease, which underscores the urgency to live actively while alive.Sources: the Bible text itself
  • Ancient siege warfare is illustrated through the account of a mighty king building large siege ramps against a small city, only for a poor wise man to deliver it through wisdom rather than military force.Sources: the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.