Ecclesiastes 8
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
1Nami akka nama qaro'oo hiikkaa woyii beeku eennu? Qarummaan fuula namaa ifaallessa gooti; nyaara namaalle hin jijjiirti.
Mooti'iif Ajajamuu
2Waaqa duratti waan kakatteef, ajaja mooti'ii muummessi. 3Fuula mooti'ii duraa deemiisaaf hin ariifatin; inni waan jaalate godhiisa waan dande'uuf, dubbii baddu'uuf hin dhaabbatin. 4Jechi mooti'ii baallii waan qabuuf, «Ati maaf waan kana goota?» ka jedhuu dande'u eennu? 5Nami ajaja mooti'iitiif ajajamu hin miidhamu; gadhaan nama qaro'oo yennaa wo itti hujuu fi akka itti wo huju hin beeka. 6Rakkinni namaa akka malee itti ulfaatulle, waan maraaf yennaa itti teetuu fi akka itti teetutti jira. 7Nami waan gara duraa te'u eega hin beenne, waan dhufu'uu jiru eentu itti himuu dande'a ree? 8Nami hafuura isa keessaa bawu irratti, guyyaa du'a ifii irralle'etti baallii qabu hin jiru. Akkuma nami Yennaa lolaa keessa gad lakkifamuu hin dandeenne, wonni hantuun worra isii huju gad hin lakkittu.
Nama Hama'aa Fi Nama Balchaa
9Ani waan biyya lafaa irratti hujame mara qalbii tiyyaan qorqoree dhagge. Nami nama miidhiisaaf, yennaa nama dhibii irratti goottaa te'utti jira. 10Akkasuma, ani worri hamaan addee woyyitti'ii gad bayaa, ol seenaa turane, awwaalamanee dhagge; isaan qachuma waan hantuu itti hujane keessatti leellifamane. Tunille bu'aa hin qaddu. 11Yakkaa irratti muraan ariiti'iin yennaa hin kennamin, gadhaan kolba'aa mala hantuu hujiisaatiin guutama. 12Nami cubbaalessi yennaa dhibba yakkaa hujee bara dheeraa le'ulle, worra Waaqa sodaatu, ka ulfinna Waaqaaf kennuuf wonni dansaan akka teetuuf ani hin beeka. 13Nami hamaan ammoo Waaqa waan hin sodaanneef, wonni dansaan isaaf hin teetu; barri isaalle akka gaaddisaa hin dheeratuuf.
14Wonni dhibiin bu'aa hin qanne takka lafa irra jirti: waan nama balcha'aaf te'u nami hamaan, waan nama hama'aaf te'u nami balchaan fudhata; tunille waan bu'aa hin qanne. 15Nami biyya lafaa irra le'u nyaatee, unee, gammadiisa caalaa wonni tokkolle waan hin jirreef, maarre ani gammadiis dansaa akka te'e murteesse; tanaaf, nami bara Waaqi biyyaa lafaa irratti jiruu isaaf kenne mara hujii ifiititti hin gammada. 16Ani qarummaa beekiisaaf, eloo namaa ta lafa irratti halkanii fi guyyaa ilti isaa hirriiba hin qanne hubatiisaaf, qalbii tiyyaan yennaa qorqoru, 17waan Waaqi huje mara dhagge; waan biyya lafaa irratti godhamu eennulle beekuu hin dande'u; nami qorqoriisaaf guddoo wodhaanulle hiikkaa dhaggiisaaf hin dande'u; nami qaroon, «Hin beeka» yoo jedhelle, ijjumaa hubatuu hin dande'u.

Did you know?
Wisdom in the Face of Power and Injustice
- The author counsels caution when dealing with royal authority, noting that a king holds supreme power and can act at will. A wise person is advised to keep the king's commands, respect solemn oaths made before God, and discern the right timing and manner to act.Sources: the Bible text itself
- The passage addresses the frustration of delayed justice, noting that when sentences for wrongdoing are not carried out promptly, people are emboldened to commit evil. It also observes life's baffling anomalies, where righteous people sometimes receive what the wicked deserve, and vice versa.Sources: the Bible text itself
- In evaluating human effort to grasp divine providence, the text concludes that even the wisest person cannot fully discover or comprehend the work of God on earth, regardless of relentless search day and night.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org