Nations Bible

Ecclesiastes 10

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

1Akkuma tiitichi du'e fiqiree ajeessu, gowwummaan diqqoon qarumma'aa fi ulfinna namaa diqqeessiti. 2Qalbiin nama qaro'oo gara karaa qajeelaa isa geessiti; qalbiin nama gowwa'aa ammoo gara karaa dokonkoraa isa geessiti. 3Gowwaan karaa yennaa ideemuuyyuu, wodanaa hin qabu; inni attam gowwaa akka te'e eennulle'etti hin mudhisa.

4Bulchaan keeti sitti aaree yoo si irratti ka'e, addee teeti gad hin lakkisin; sarmiis aarii guddoo qabbaneessiti.

5Waan hantuu ani biyya lafaa irratti dhagge keessaa tokko, dokonkora bulchaan huju. 6Gowwooleen addee ulfinnaa tee'anee, dureeyyiin ammoo addee gad aantuu tee'aneeran. 7Qondaaltoti akka garbootaa miilaan ideentuun, garboota farda irratti dhagge.

8Nami boolla qotu ifumaafuu keessa bu'a. Nama dalleya dhaka'aa diigu dhudhuufaan hin idda. 9Nama dhakaa fonqolchu, dhakaan hin miidha; nama muka fadhaansu muki sun hin madeessa. 10Agaraan duude yoo hin qaramin, hunna guddoo barbaachisa; dandeettiin ammoo nama milkeessiti. 11Dhudhuufaan adoo qorsaan hin muusowin yoo idde, namichi qorsaan muusessu sun womaa bu'aa hin dhaggatu. 12Dubbiin afaan nama qaro'oo keessaa baatu, fudhatama qaddi; nami gowwaan ammoo dubbuma ifiitiin bada. 13Jalqaba irratti dubbiin isaa gowwumma'a; dhuma irratti maraattummaa hantu'u. 14Gowwaan dubbii baceessa.

Waan dhufu'uu jiru, nami beeku tokkolle hin jiru; nami du'een duuba, waan te'uuf jiru, eentu isatti himuu dande'a ree?

15Hujiin gowwa'aa isuma dadhassiitti; inni karaa gara qacha'aa geessuuyyuu hin beeku.

16Ee biyya mootiin ijoollichaa, ta qondaaltoti teeti ganamaan jila nyaataa fi unto'oo qopheeffattu si'iif aanne'e! 17Ee biyya mootiin keeti sanyii dansa'aa, ta qondaaltoti teeti machi'iif adoo hin te'in, ittiin jabaatiisaaf, yennaa barbaachisaa teetetti nyaatanee unanu, ati ta hiree dansaa qaddu!

18Nami yoo booseya te'e, heellichoon hin duufa; harka ifii maratee yoo tee'e, manni hin dhim'isa.

19Jilti areerti'ii nama gammachiisiisaaf qophootti; daadhiin woyni'ii jiruu namaa gammachiitti; beeseen ammoo waan mara bitti.

20Yaada keeti keessatti mootii hin abaarin yookiin kolloo teeti keessatti dureessa hin abaarin; sababille worri akka sinbirree koolaan kaatuu tokko dubbii teeti fuudhee, waan ati jettu hin hima fa'a te'a.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Wisdom, Folly, and Governance

  • The chapter uses vivid imagery from ancient daily life—such as dead flies spoiling perfumed oil, snakes nesting in stone walls, and dull iron axes requiring extra physical effort—to demonstrate how small missteps or a lack of practical skill can undo substantial work.Sources: the Bible text itself
  • The author contrasts good and poor leadership, noting that a nation suffers when its king is young or incompetent and its leaders feast in the morning rather than governing with self-control.Sources: the Bible text itself
  • The warning that a bird of the air might carry words spoken against a ruler in private bedrooms reflects an ancient awareness of court informants and the political danger of unguarded speech.Sources: the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.