Ecclesiastes 11
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Waan Nami Qaroon Godhu
1Guyyaa heddu'uun duuba deebitee waan dhaggattuuf, midhaan keeti bisaan irra ergi. 2Balaa hamaa lafa irratti dhufu ati waan hin beenneef, karra teeti addee torbatti yookiin saddeetitti qoodii maffadhu.
3Duumensa keessa bisaan yoo guute, bokkeenni lafa irratti rooba. Muki gara kibbaa yookiin gara kaabaa yoo jige, adduma itti jige san hin irkata. 4Nami yennaa mara qilleensa dansaa eegatu hin facaafatu; nami yennaa mara duumensa ilaalu hin haammatu. 5Qilleensi eessa akka deemu yookiin jiruun yookiin hafuurri gara finna gadaamessa haadhaa keessa jiruu attam akka seenu akkuma beekuu hin dandeenne, ati hujii Waaqa waan mara dadee beekuu hin dandeettu. 6Waan ati facaatte keessaa ka tolu kam akka te'e waan hin beenneef, midhaan keeti ganamaan facaasi; galgalalle harki keeti hujii hin lakkisin; kun yookiin sun yookiin lamaanuu hin tola fa te'a.
7Ifi dansa'a; aduu ilaaliis ilatti tola. 8Nami bara hedduu le'ulle, bara san mara gammaduu ti; ammoo barri dukkanaa bacaa akka te'e qaabatuu ti. Wonni dhufu martinuu bu'aa hin qabu.
Gorsa Dargaggootaaf Kenname
9Ee dargaggeessa, yennaa dargaggummaa teetii gammadi! Bara dargaggummaa teetii gadhaan keeti gammaduu ti; yaada gadhaa keetii, waan ilti teeti dhaggite gula deemi; waan kana maraaf ammoo, Waaqi gara mura'aa akka si fidu beeki.
10Tanaaf gadhaa keeti keessaa yaaddoo fageessi; nafa keeti keessaa waan hantuu baasi. Sababille dargaggumma'aa fi jabeenni bu'aa hin qaddu.
Did you know?
Action in the Face of Uncertainty
- The author uses agricultural imagery to address uncertainty, warning that someone who constantly waits for ideal wind or weather will never sow or reap. Instead, the passage urges persistent diligence from morning until evening, since humans cannot know which effort will succeed.Sources: the Bible text itself
- The chapter balances the enjoyment of life with awareness of its limits. Readers are encouraged to rejoice in their youth and appreciate the light of day, while remaining mindful that youth is fleeting, days of darkness come, and God will evaluate every action.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org