Nations Bible

Daniel 7

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Daani'el Bineensota Afur Mudhi'iin Dhagge

1Bara Belshaazaar mootii Baabilonii te'e woggaa qaraa keessa, Daani'el taqee ifii irra irkatee adoo jiruu oojjuu oojjatee, mudhiille dhagge; achiin duuba oojjuu oojjate san barreesse. 2Daani'el, «Ani qilleensi ol-gubba'aa ka maddii afur irraa ka'e, abbaayaa guddittii raasuun halkan mudhi'iin dhagge. 3Bineensoti adda addaa gugurdaan afur abbaayaa san keessaa bayane. 4Bineensi qaraa neenqa fakkaata; inni akka risa'aa koola qaba; adoo ani ilaaluu koollii isaa irraa buqqa'ee, lafaa ol ka'ee, akka namaa miila lamaaniin dhaabbatee, qalbiin namaalle isaaf kennante.

5«Bineensi lammeesso'oo doobbaa fakkaata; inni gara duraatiin ol jedhee, lafee cinaachaa sad afaanitti qabaayyu; bineensa saniin qoonqoon, ‹Haga dandeette foon nyaadhu!› jette.

6«Saniin duuba bineensa dhibii ka qeeransa fakkaatu dhagge; bineensi kun dudda ifii irraa koola afur ka akka koola sinbirre'eetii fi mataa afur qabaayyu; akka bulchuufille baalliin isaaf kennante.

7«Saniin duuba, bineensa arfeesso'oo ka bararassu, ka sodaachisuu fi jabaa hamaa halkan mudhi'iin dhagge; bineensi sun ilkaan sibiilaa gugurdaa qaba; inni waan ijjeese nyaatee, caccasse; waan hafelle miilaan irra sirbe; inni bineensota isaan qara jiranu mara irraa ka isa adda godhu, gaafa kudhan qabaayyu. 8Ani marroo gaafota isaa san adoo yaadiisatti jiruu, gaafi diqqichi dhibiin odduu gaafota saniitiin quuqee ol baye; gaafota qaraa keessaa sadiin ka isaan dura jiranu buqqa'ane; gaafi diqqichi kun ila akka ila namaatii fi afaan ittiin kooraa dubbatu qabaayyu» jedhe.

Mudhii Marroo Ka Haga Bara Baraa Jiraatuu

9Daani'el ammalle, «Adoo ani ilaaliisatti jiruu barcumooti mootumma'aa keyame; ka Durii Durii Sun irra tee'e; woyaan isaa akka dhakaa bokkeyaa adii, rifeensi mataa isaalle akka fuutta'aa, barcumaan mootumma'aa ka isaa akka bobe'a ibiddaa ti; korboon barcumaa saniille akka ibidda bobe'uu ti. 10Maddi ibiddaa isa duraa maddee yaa'a; worri kuma heddu'utti laakkowamu isa tajaajilan; worri miliyoonii heddu'utti laakkowamulle isa dura dhaabbatan; korri mura'aa tee'e; kitaabotille banamane.

11«Ani sababa dubbii gaafi sun kooraan dubbatuuf isa ilaale; adoo ani ilaaliisatti jiruu, bineensi sun ijjeefamee, reeffi isaa gubatee akka baduuf ibiddatti gatame. 12Bineensota hafane kaan irraa baalliin isaanii fudhatante; ammoo yennaa murtootteef akka le'anu, yennaan isaaniif kennante.

13«Ani ilma namaa ka fakkaatu duumensa ol-gubba'aatiin dhufiisatti jiruun, halkan mudhi'iin dhagge; inni gara ka haga bara bara jiraatuu dhufee isa duratti dhikeeffame. 14Kolbaan hedduun, gosi biyya adda addaatii fi kolbaa afaan adda addaa dubbattu akka isa tajaajilanuuf baalliin, ulfinnii fi hunni Mootii waan maraa te'iisaa isaaf kennante; barri bulchiisa isaa ka haga bara baraa hin dabarre; mootummaan isaalle ijjumaa dhuma hin qaddu.

Hiikkaa Mudhi'ii

15«Ani Daani'el mudhii dhaggeen rakkadhee, qalbiin tiyya raafante. 16Ani worra achi dhaabbateeru keessaa gara tokkoo dhikaadhee, marroo waan kana maraa hiikkaa dhuga'aa isa gaafadhe; innille hiikkaa waan kana maraa natti himee, 17‹Bineensoti gugurdaan arfan kun, mootota arfan kaatee ta lafa tana bulchitu. 18Woyyooti Waaqa Ol-Aana'aa ammoo, mootummaa san fudhattee haga bara baraatitti hin qabatti, ee, haga bara baraa hin qabatti› jedhe.

19«Achiin duuba ani marroo bineensa arfeesso'oo, ka bineensota kaan mara irraa adda te'e, ka guddoo sodaachisu, ka ilkaan sibiilaatii fi qeenca sageettu'uu qabu, ka waan ijjeese nyaatee, caccassee, waan hafelle miilaan irra sirbuu, hiikkaa isaa ta dhuga'aa beekuu barbaade. 20Akkasuma marroo gaafota kudhan ka mataa isaa irra jiruu, marroo gaafa diqqicha quuqee ol bayeetii fi marroo gaafota sadii ka gaafa diqqicha duraa buqqa'anee beekuu barbaade; gaafi diqqichi kun gaafota kaan ka caalu fakkaatee, ila akka ila namaatii fi afaan ittiin kooraa dubbatu qabaayyu.

21«Ani adoo ilaaluu gaafi diqqichi sun kolbaa Waaqaatitti lola kaasee, 22haga ka Durii Durii Sun dhufee, kolbaa Waaqa Ol-Aana'aatiif muraa haqaa kennutti, inni isaan injifate; yennaan kolbaan Waaqa Ol-aana'aa sun mootummaa san qabatanulle geette.

23«Ka hiikkaa natti hime sun, ‹Bineensi arfeesso'oo sun, mootummaa arfeesso'oo ta lafa irratti ka'u'uu jirtu. Isiin mootummoota dhibii mara irraa adda teetee, lafa duudii nyaattee, irra sirbitee butuchiti. 24Gaafoti kudhan sun mootota kudhan ta mootummaa san keessaa ka'u'uu jirtu; mootota saniin duuba mootiin dhibiin ka isaan irraa adda te'e ka'ee, mootota sadiin hin injifata. 25Inni Waaqa Ol-Aana'atti mormee hin dubbata; kolbaa Waaqa Ol-Aana'aalle cunqursee, yennaa jila beekkanteetii fi seera Waaqaa jijjiiriisaaf hin wodhaana; kolbaan Waaqaa woggaa sadii fi wodhakkaa baallii isaatiin jala hin teeti. 26Achiin duuba korri mura'aa ka ol-gubba'aa hin tee'a; mootii te'iis isa irraa fudhatamee, ijjumaa hin bada. 27Mootummaan, mootii waan maraa te'iis, hunnii fi guddinni mootummoota lafa duudii irra jiranuu, kolbaa Waaqa Ol-Aana'aatiif hin kennaman; mootummaan isaanii mootummaa haga bara baraa ti; mootoleen marti isaaniif ajajamiisaan isaan hin tajaajilan› jedhe.

28«Hiikkaan oojju'uu as irratti dhumatte; ani Daani'el guddoo sodaadhee, bifi tiyya jijjiirante; dubbii san ammoo qalbi'itti qabadhe» jedhe.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Daniel's Vision of the Four Beasts

  • Daniel received this vision during the first year of Belshazzar, the last king of Babylon. The ancient imperial capital stood along the Euphrates River in Mesopotamia.Sources: the Bible text itself · Belshazzar · Babylon
  • The chapter describes four monstrous beasts emerging from a wind-stirred sea, which are interpreted to Daniel as four successive earthly kingdoms that will rise before an everlasting divine kingdom is established.Sources: the Bible text itself
  • After witnessing the vision of the beasts and the court scene where one like a Son of Man is given everlasting dominion, Daniel recorded the dream while feeling deeply troubled and visibly pale.Sources: the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Babylon · 32.543, 44.422 · verse 1
  • Great Sea · Today: Mediterranean Sea · 31.805, 34.170 · verse 2

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.