Nations Bible

Daniel 6

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Daani'el Boolla Neenqaatitti Gatame

1Daariyos kutaa mootummaa isaa mara akka bulchanuuf, bulchitoota dhibbaa fi diddama muuduu barbaade; 2isaan irratti namoota sad itti gaafatantoota godhe; isaan sadiin keessaa tokkochi Daani'eliiyyu; mootichi akka hin rakkanneef bulchitooti sun worra sadiin kanaaf deebii kennaniiyyu. 3Daani'el qondaaltotaa fi bulchitoota caalaa ayyaana adda te'e waan qabuuf, mootichi kutaa mootummaa ifii mara irratti isa bulchaa godhuu barbaade. 4Sababa kanaaf, qondaaltotii fi bulchitooti, hujii mootumma'aa ta Daani'el hujuun isa himatiisaaf barbaadane; inni addatamaa, wonni dokonkore yookiin yakke waan hin jirreef, isaa ammoo dokonkora yookiin balleessa tokkolle isa irratti dhagguu hin dandeenne. 5Tanaaf jarri tun, «Dhuggeeffannaa inni Waaqa ifiititti dhugeeffatuun malee, waan Daani'el ittiin himannu hin dhagganu» woliin jedhane.

6Maarre qondaaltotii fi bulchitooti gara mootichaa dhaqanee, «Ee mootii Daariyos, haga bara baraa le'i! 7Ee mooticha, haga guyyaa soddomaa eennulle gara keeti malee, gara namaa yookiin gara waaqa dhibi'ii akka hin daadimanne, ati mootichi ajaja baattee, ajaji sunille akka muummeffamu, nami ajaja kana hin muummessine boolla neenqaatitti akka gatamu, nuuti qondaaltoti mootumma'aa gugurdoon, sooressitooti kutaa biyyaa, itti aantoti sooressitoota kutaa biyyaa, bulchitootii fi gorsitooti wolii galleerra. 8Amma, ee mooticha, ajaji kun akka seera Medooniitii fi Faaresii ka jijjiiramuu hin dandeennee akka te'u, barreessiitii itti mallatteessi» jedhane. 9Tanaaf mootichi Daariyos ajaja kana barreessee itti mallatteesse. 10Daani'el ajaji akka itti mallatteeffame yennaa beeke, gara mana ifii ka kolloon mana irraa ka foddaan isi'ii fuullee Yerusaalemiititti banameeruu ol bayee, akkuma dur godhu guyya'atti yennaa sad jilbiiffatee gara Waaqa ifii daadimatee, leellifate.

11Namooti sun, Daani'el gara Waaqa ifii daadimataa, isa irralle'ee qarqaarsa gaafatuun dhaggane. 12Achiin duuba isaan Daani'el himatiisaaf gara mootichaa dhaqanee, marroo ajaja baye saniitiif, «Ee mooticha, nami guyyaa soddoma kana keessatti gara keeti qofa malee, gara waaqa dhibi'ii yookiin gara namaa daadimate, boolla neenqaatitti akka gatamuuf ajaja bayetti mallatteessiteertaayyuu motii?» jedhane.

Mootichi deebisee, «Eeti'i, ajaji akkuma seera Medooniitii fi Faaresii ka hin jijjiirannee bayeera» jedhe.

13Achiin duuba isaan mootichaan, «Ee mooticha, Daani'el worra biyya Yihuda'aatii booji'amane keessaa tokko ka te'e sun, si'iif yookiin ajaja ati itti mallatteessiteef ulfinna hin kennu. Inni haga ammaa guyya'atti yennaa sad gara Waaqa ifii daadimata» jedhane.

14Mootichi tana yennaa dhage'e guddoo gadde; inni Daani'el baasiisaaf murteeffatee, haga aduun seentutti mala isa ittiin baasu mara wodhaane. 15Achiin duuba namooti sun, gara mootichaa dhufanee mootichaan, «Ee mooticha, akka seera Medooniitii fi Faaresiititti lassiin yookiin ajaji mootichi baase tokko jijjiiramuu akka hin dandeenne beeki» jedhane.

16Tanaaf mootichi ajajee jennaan, Daani'el qabanee fidanee boolla neenqaatitti gatane; mootichille Daani'eliin, «Waaqi ati yennaa mara addatamumma'aan tajaajiltu si baasuu ti» jedhe. 17Dhakaa tokko fidanee afaan boollaa irra keyanee, eennulle Daani'el baasiisaaf akka hin wodhaanne, mootichi chaappaa qubee quba ifiitii fi ta qondaaltota ifiitiin dhakaa san irratti mallatteesse. 18Achiin duuba mootichi gara mootummaa ifii deebi'ee, halkan san sagalee adoo hin nyaatin, wonni isa gammachiisulle akka isaaf dhikaattu adoo hin barbaadin, hirriiba dhabee bule.

19Ganama akkuma boruun dayya'een mootichi ka'ee, ariiti'iin gara boolla neenqaa dhaqe. 20Inni yennaa boolla bira geye qoonqoo gaddaatiin, «Daani'el, tajaajilaa Waaqa jiraata'aa, Waaqi ati yennaa mara addatamumma'aan tajaajiltu neenqa jalaa si baasuu dande'eera?» jedhee waame.

21Daani'el deebisee, «Ee mooticha, haga bara baraa le'i! 22Ani Waaqa kiyya duratti ka komii hin qanne te'ee waan dhaggameef, akka neenqi na hin miine, inni ergamaa ifii ergee afaan neenqaa cufe; ee mooticha, ani si duralle'etti dokonkora hin hunye» jedhe.

23Mootichi guddoo gammadee, Daani'el boolla san keessaa akka ol baasanu ajaje; maarre isaan boolla san keessaa isa ol baasane; Daani'el Waaqa ifiititti waan addateeruuf, madaan takkaalle isa irratti hin dhaggane. 24Ajaja mootichaatiin worra Daani'el dharaan himate san niitota isaaniitii fi ijoollee isaanii woliin fidanee, boolla neenqaatitti gatane; adoo isaan boolla keessa lafa hin geyin, neenqoti isaan bubbutanee lafee isaanii mara butuchane.

25Achiin duuba mootichi Daariyos gara kolbaa heddu'uu, gosa biyya adda addaatii fi kolbaa afaan adda addaa dubbattu ta biyya lafaa duudii keessa leetuu barreessee,

«Nageenni isiniif te'u! 26Kolbaan mootummaa tiyya keessa jirtu marti Waaqa Daani'elii akka sodaattuu fi ulfeessitu ani lassii baaseera.

«Inni Waaqa jiraataa

haga bara baraa le'u.

Mootummaan isaa ijjumaan hin baddu;

barri mootummaa isaalle ijjumaa dhuma hin qabu.

27Inni hin fayyisa; hin baasalle'e;

inni ol-gubba'aa fi lafa irratti

bilbaasaa fi maadee hin godha.

Inni Daani'el neenqa jalaa baaseera» jedhe.

28Bara bulchiinsa mooticha Daariyositii fi bara bulchiinsa Qiirosii mooticha Faaresii keessa Daani'eliif le'iin tolte.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Daniel in the Lions' Den

  • The chapter highlights a distinctive principle known as the law of the Medes and Persians, which dictated that an official royal edict or ordinance, once signed and sealed, could not be repealed or changed, even by the reigning king himself.Sources: the Bible text itself
  • Even after decades in exile, Daniel maintained the practice of praying three times a day on his knees in his upper room, facing the windows opened toward Jerusalem, the holy city of Judah.Sources: the Bible text itself · Jerusalem
  • The narrative describes an imperial administrative structure of 120 satraps overseen by three top administrators, noting that Daniel continued to prosper under King Darius and into the reign of Cyrus the Persian, the conqueror of Babylon.Sources: the Bible text itself · Cyrus

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 10

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.