Nations Bible

Daniel 8

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Daani'el Korbeessa Hoole'eetii Fi Re'e'ee Mudhi'iin Dhagge

1Belshaazaar mootii te'ee woggaa sadeesso'ootitti ani Daani'el, mudhii dur natti mudhatteen duuba mudhii dhibii dhagge. 2Mudhii san keessatti ani qachaa Susa'aa, ka lafa Elaamii keessaa, ka dalleya dhaka'aatiin marfamee ijaarrame keessatti ifi dhagge; ani mudhi'iin irga laga Ulaayii bira jiraayyu. 3Ani ol ilaalee korbeessa hoole'ee ka gaafa dhedheeraa lama qabu, irga lagaa dhaabbateeruun dhagge; gaafi tokkochi kaan caalaa dheerata; te'uu malee ka caalaa dheeratu sun ka duuba irra late. 4Korbeessi sun gara aduun seentu, gara kaabaatii fi gara kibbaa gaarrifatuun dhagge; bineensoti tokkolle isa dura dhaabbatuu hin dandeenne; hunna isaa jalalle'ee ka bawuu dande'e hin jiru; inni waan fedhe mara godhe; guddoolle hunnaamessa te'e.

5Ani marroo waan kanaa adoo yaadiisatti jiruu, korbeessi re'e'ee tokko, ka gaafa guddaa wodhakkaa lamaaniititti qabu, miilli isaa adoo lafa hin tuqin, gara aduun seentu irraa, fiigaa dhufe. 6Inni gara korbeessa hoole'ee ka gaafa lamaan qabu, ka ani irga lagaa dhaabbateeruun dhagge sanii hunna guddo'oon itti fiige. 7Gara korbeessa hoole'ee san dhikaatee, guddoo itti aaree, itti bu'ee gaafa isaa lamaanuu cassuun dhagge; korbeessi hoole'ee sun isa ifi irraa dhooggatiisaaf hunna dhabe; korbeessi re'e'ee sun korbeessa hoole'ee lafatti dhowee, irra sirbe; hunna isaa jalalle'ee eennulle isa baasuu hin dandeenne.

8Achiin duuba korbeessi re'e'ee sun guddoo hunnaamessa te'e; yennaa guddoo hunnaamessa te'e ammoo, gaafi isaa dheerichi cabe; addee isaatitti gaafoti gugurdaan arfan, gara maddii arfaniititti daddabee late. 9Gaafota arfan kana keessaa tokkocha irratti gaafi diqqichi dhibiin latee, gara kibbaa, gara aduun baatuu fi gara lafa Israa'elii bisile'etti guddoo guddate. 10Gaafi diqqichi sun haga loltoota ol-gubba'aa bira gewutti guddate; loltoota san keessaa loltoota gari'ii fi urjoota garii gara lafaa gad qolaansee irra sirbe. 11Inni sooressa loltoota ol-gubba'aatiin ifi qixxeesse; ciincaa guyyuma guyya'aan isaaf dhikaattulle akka isa irraa hafu godhee, addee Galma isaa batteesse. 12Sababa cubbu'uutiif, loltooti sunii fi ciincaan guyyuma guyya'aan dhikaatu sunille isaaf dabarfamanee kennamane; inni dhugaa lafatti gad gate; wonni inni huju marti isaaf teete.

13Achiin duuba ani woyyichi tokko dubbatuun dhage'e; woyyichi dhibiin, woyyicha dubbate saniin, «Mudhiin marroo ciincaa guyyuma guyya'aan dhikaatuu, ta hammeenna badii fiduu, akka inni irra sirbuuf, addeen woyyitti'ii fi loltooti isaaf dabarfamanee kennamane sun, yoom muummotti?» jedhe.

14Inni deebisee, «Ciincaan guyyuma guyya'aan dhikaatu sun, haga ganamaa fi galgala kuma lamaa fi dhibba sadii tura; achiin duuba addeen woyyittiin sun sirri'itti hin deebiti» jedhe.

Ergamaan Waaqaa Gabri'eel Mudhii San Hiike

15Ani Daani'el mudhii san dhaggee, hiikkaa isi'ii hubatiisaaf adoo ani wodhaaniisatti jiruu, ka nama fakkaatu tokko achi na dura dhaabbate. 16Laga Ulaayii irraa qoonqoo namaa ta, «Gabri'eel, hiikkaa mudhii sanii namicha knatti himi» jettu dhage'e. 17Maarre Gabri'eel dhufee yennaa na bira dhaabbate, ani rifadhee fuulaan lafatti gad gombifamee; inni ammoo, «Ilma namaa, mudhiin sun marroo bara muumme'ee akka teete hubadhu» naan jedhe. 18Adoo inni natti dubbatiisatti jiruu, ani fuulaan lafatti jigee ifi wollaale; achiin duuba inni qabee ol na kaasee na dhaabbachiisee, 19«Mudhiin marroo bara muumme'ee waan teeteef, guyyaa mufi'ii san waan te'u'uu jiru sitti hima.

20«Korbeessi hoole'ee ka gaafa lama qabu ati dhaggite sun, mootota Medooniitii fi Faaresii ti. 21Korbeessi re'e'ee mootii Giriikii ti; gaafi guddaan ila isaa lamaan wodhakka'aa sun, mootii Giriikii ka qaraa ti. 22Gaafoti afur ka addee gaafa cabee sanitti late sun, kolbaa biyya sanii keessaa mootummoota afur ta ijaaramu'uu jirtu; ammoo akka mootummaa qaraa san hunna hin qabanu.

23«Bulchiinsa mootummoota sanii gara dhumaa irratti, yennaa worri seera yakku akka malee hammaateeru, mootichi mati-jabaan, dharaamessi hin ka'a. 24Inni guddoo jabaa hin te'a; ammoo hunna ifiitiinii moti. Inni badii hantuu hin fida; wonni inni huju marti isaaf hin teeti. Inni namoota jajjaba'aa fi kolbaa Waaqaa woyyoota hin balleessa. 25Maltummaa isaatiin wonni marti isaaf hin teeti; ifumaan guddaa ifi hin godha. Adoo ifi hin eeggachiisin nama hedduu hin ijjeesa; qondaala qondaaltotaa irratti hin ka'a; te'uu malee hin bada; ka baduunille harka namaatiinii moti. 26Mudhiin marroo ganamaa fi galgalaa sun dhuga'a. Ammoo yennaan mudhiin sun muummottu fagoo waan teeteef, dhossii qabadhu» anaan jedhe.

27Maarre ani Daani'el dadhabee, bututee dhibamee, guyyaa hedduu irkadhe; achiin duuba ka'ee hujii mootichaa dhaqe. Ani mudhii dhaggeen rakkadhe; waanuma isi'iituu hin beenneeyyu.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

The Vision of the Ram and the Goat

  • In his vision, Daniel sees himself in the citadel of Susa in the province of Elam, standing by the Ulai Canal. Susa was the ancient capital of Elam, and the Ulai, known to the Greeks as the Eulaus, was a river that divided into two branches near the city.Sources: the Bible text itself · Susa · Ulai · Elam
  • This passage contains the first biblical appearance of the angel Gabriel by name. Gabriel is commanded to explain the prophetic vision to Daniel, who collapses in fear before being lifted to his feet.Sources: the Bible text itself · Gabriel
  • The vision provides explicit geopolitical identifications: the two-horned ram represents the kings of Media and Persia, while the shaggy goat represents the king of Greece.Sources: the Bible text itself · Media · Persia · Greece

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Elam · 32.189, 48.258 · verse 2
  • Susa · Today: Shush · 32.189, 48.258 · verse 2
  • Canaan · 32.767, 35.333 · verse 9
  • Media · 34.806, 48.516 · verse 20
  • Persia · 34.806, 48.516 · verse 20
  • Greece · 37.972, 23.727 · verse 21

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.