Nations Bible

Acts 6

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Namooti Ergantoota Gargaaranu Torba Filamane

1Yennaa diqqo'oon duuba laakkossi barattootaa akkuma heddataa deemeen, Yihudooti afaan Giriikii dubbatanu Yihudoota biyya Yihuda'aatitti dhalatane irratti gungumane; haadhotiin hiyyeessaa ta Yihudoota afaan Giriikii dubbatanuu, qarqaarsa guyyaa guyya'atti dhaggataa turane waan dagatamaneef gungumane. 2Maarre ergantooti kudhanii lama dhugeeffattoota duudii wolitti waamanee, «Nuuti sagalee qoodiisaaf jennee Jecha Waaqaa lallabiisa irraanfatuun nu'uuf hin malle. 3Maarre obboleeyyan, namoota hujii tana itti kenninu, worra maqaa dansaa qabu, ka Ayyaanni Woyyichii fi qarummaan keessa guutte, odduu teessanii namoota torba fila'a. 4Nuuti ammoo daadimataa fi hujii Jecha Waaqaa lallabiisaatiif yennaa teenna mara kennina» jedhane.

5Nami duudiin yaada ergantootaa jaalatee, Isxifaanos ka jedhamu dhugeeffanna'aa fi Ayyaanni Woyyichi ka keessa guute filane; akkasuma Filiphoosii fi Phirokoros, Niqaaroona'aa fi Ximoonaa, Pharmena'aa fi Niqolaawosii nama biyya Anxokiya'aa ka dhugeeffannaa Yihudootaa dur fudhateerulle filane. 6Isaan worra kana duudii ergantoota dura dhaabbachiisane; ergantootille harka ifi isaan irra keyanee daadimatane.

7Jechi Waaqaa badhataa deeme, laakkossi dhugeeffattootaa Yerusaalem keessatti guddataa guddataatuma deeme; hayyooti hedduulle dhugeeffatane.

Isxifaanos Qabame

8Isxifaanos badhaadhaa fi hunna Waaqaatiin guutamee baasotaa fi bilbaasota guddaa odduu kolba'aatitti huje. 9Yennaa san Yihudooti miseensota, «Mana waaqonfannaa worra bilisa bayee» jedhamuu, worri Qareena'aatii fi Iskindiriya'aa, worri biyya Qiliiqiya'aatii fi Asiya'aatii dhufane tokko ka'anee Isxifaanositti falmane. 10Te'uu malee, qarumma'aa fi Ayyaana Isxifaanos ittiin dubbatu mormiisa hin dandeenne. 11Maarre isaan, «Dubbii Muuse'ee fi Waaqa faanshessitu isaa dubbatu dhageenneerra» akka jedhanuuf namoota dhossa'aan itti tirtirsane. 12Akkuma kanaan isaan kolbaa, jaarsole'ee fi barsiisota Seera Muuse'ee itti tirtisanee, Isxifaanos qabanee fuudhanee kora mura'aa dura dhikeessane. 13Achiin duuba isaan namoota garii ka dharaan dhugaa isa irratti bayanu fidane. Dhugaa baatoti dharaa tuun, «Namichi kun, Galma Waaqaa woyyicha keennaa fi Seera Muuse'ee irratti yennaa mara morma. 14‹Yesuusiin nama Naaziretii Galma Waaqaa hin diiga, aadaa Muusee irraa gad nu'uuf dhuttelle duudii hin jijjiira› jedhuun dhageenneerra» jedhane. 15Worri Kora mura'aa keessa tee'eeru duudiin hubatanee Isxifaanos yennaa ilaalanu, fuulli isaa akka fuula ergamaa Waaqaa te'ee dhaggane.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

The Seven and the Trial of Stephen

  • Tension arose between Greek-speaking and Hebraic Jews over the daily distribution of food to widows, prompting the apostles to appoint seven respected men to oversee the task. Notably, all seven men named—including Nicolas, a proselyte from Antioch—carried Greek names.Sources: the Bible text itself · Nicolas
  • Jews from across the Roman world had their own community synagogues in Jerusalem, such as the Synagogue of the Freedmen and gatherings for people from Cyrene, Alexandria, Cilicia, and the province of Asia. Members of these regional groups were the first to formally debate Stephen regarding his teachings.Sources: the Bible text itself · Cilicia · Asia
  • When opponents failed to refute Stephen's arguments, they brought him before the Sanhedrin under charges of speaking against the temple and the law of Moses. As the council members examined him during these accusations, they observed that his face appeared like that of an angel.Sources: the Bible text itself · Stephen

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Antioch · Today: Antioch on the Orontes · 36.227, 36.172 · verse 5
  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 7
  • Alexandria · 31.183, 29.896 · verse 9
  • Asia · 38.400, 28.300 · verse 9
  • Cilicia · 36.913, 34.892 · verse 9
  • Cyrene · 32.821, 21.851 · verse 9
  • Nazareth · 32.702, 35.298 · verse 14

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.