Nations Bible

Acts 5

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Anaaniyaasii Fi Saafiiraa

1Namichi Anaaniyaa jedhamu tokko jiraayyu; inni haadha manaa ifii Safiiraa woliin lafa qabanu takka gurgurate. 2Ammoo haadha manaa ta ifii woliin wolii galiisaan beesee irraa hamburatee, taan fidee ergantootatti kenne. 3Pheexroos isaan, «Anaaniiyaas! Akka ati Ayyaana Woyyicha sodduu fi beesee lafa itti gurguratte akka hambifattu, seexanni yaada keeti akka toowatu maaf itti lakkitte? 4Adoo ati hin gurgurin dura, latti teetumaa motii? Eega gurgurteen duuballe beeseen teetumaa motii? Maaf waan akkasii tolchiisaaf yaadatte ree? Ati Waaqa sodde malee, namaa moti» jedheen. 5Anaaniiyaas akkuma jecha kana dhage'een, jigee du'e; worri marroo waan kanaa dhage'ane duudiille bararaqane. 6Dargaggooti dhufanee, reeffa isaa maranee, geessanee awwaalane.

7Gara saatii sadiitiin duubatti, haati manaa isaa waan te'eeru adoo hin beekin dhutte. 8Pheexroos isi'iin, «Me natti himi, beeseen isin lafa teessan itti gurgurattane haguma kanaayyuu?» jedhee gaafate;

Isiille deebittee, «Eeti, haguma kana» jetteen.

9Maarre Pheexroos isi'iin, «Atii fi Abbaan manaa keeti Ayyaana Gootta'aa haga ilaaliisaaf maaf wolii galtane? Namooti Abbaa manaa keeti awwaalane kunoo ammaa balbala dura jiran, isaan si'ille ba'atanee hin baasan» jedhe. 10Isiin yoosuma miila Pheexroosii jalatti jiddee duute. Dargaggooti yennaa dhufane duuteertuun dhagganee, ba'atanee baasanee abbaa manaa isi'ii biratti awwaalane. 11Wolde'ooti kiristaanaatii fi worri waan kana dhage'ane duudiin bararaqane.

Baasaa Fi Bilbaasa

12Baasaa fi bilbaasi hedduun kolbaa oddu'utti ergantootaan hujamane. Dhugeeffattooti duudiin soroo manaa ka Solomoonii jalatti wolitti qabamaniiyyu. 13Worra dhibii keessaa isaanitti makamiisaaf ka itti game tokkolle hin jiru; te'ulle kolbaan isaan ulfeessitiiyyu. 14Ammoo worri Gootta'atti dhugeeffatane gumiin hedduun dhiiraa fi dubartiin isaanitti ede'amane. 15Yennaa Pheexroos karaa san dabaru gaaddiddummaan isaalle isaan keessaa tokko tokko akka tuxxuuf, worra dhibameeru taqe'ee fi itille'een fidanee karaa irra keyane. 16Kolbaan qachoota adaala Yerusaalemii jiranu, worra dhibameeruu fi worra ayyaana hama'aan qabameeru fidane; isaan martinuu fayyane.

Ergantoota Irratti Miidhaan Kaate

17Achiin duuba Hayyichi gudda'aa fi worri isa woliin jiru, ka isa gargaaranu saduqoota duudii woliin hinaaffa'aan guutamanee ergantoota irratti ka'ane. 18Isaan ergantoota qabanee mana hidha'aatitti galchane. 19Halkan san ammoo ergamaan Waaqaa balbala mana hidha'aa banee, ergantootaan dura deemaa, gad baasee, isaaniin, 20«Dhaqa'aatii Galma Waaqaa keessa dhaabbadha'aa, marroo jiruu haareya tanaa, kolba'atti hima'a» jedhe. 21Isaan dubbii tana fudhatanee, akkuma latti bariiteen Galma Waaqaa seenanee barsiisuu jalqabane.

Hayyichi guddaan worra isa gargaaranu woliin dhufee, miseensota kora mura'aatii fi jaarsota Yihudootaa wolitti waamee, ergantoota worra hidhamaneeranu san fichisiisu'uuf gara mana hidha'aa nama erge. 22Worri ergamane ammoo, barattoota mana hidha'aa keessaa dhabanee, gara Kora Mura'aa deebi'anee, 23«Nuuti yennaa mana hidha'aa geenne, balbalti jabeeffantee cufantee, eeddoti balbala dura jiranuun dhaggine; ammoo yennaa balbala banne, namuu keessatti hin dhaggine» jedhane. 24Sooreyyiin hayyootaatii fi dura bu'aan eeddota Galma Waaqaa yennaa waan kana dhage'ane, waan ergantoota irratti te'e baaseffatanee, waan godhanu wollaalane. 25Achiin duuba nami tokko dhufee isaaniin, «Dhage'a'a! Namooti isin mana hidha'aa galchitane Galma Waaqaa keessatti, kolbaa barsiisiisatti jiran!» jedhe. 26Maarre dura bu'aan Galma Waaqaa worra isa woliin huju woliin dhaqee ergantoota fidee dhufe. Isaan kolbaan dhaka'aan nu tunti jedhanee waan sodaataneef, hunnaan hin finne.

27Isaan ergantoota fidanee, Kora Mura'aa dura dhaabbachiisanee, hayyichi guddaan isaan qoree, 28«Akka isin maqaa Yesuusiitiin hin barsiinne, jabeessinee isin seerreerraayyu, ammoo waan hujjane ilaala'a! Barsiisa keessan Yerusaalem duudii keessa babadhittaneertan; du'a isaatille'eef worra itti gaafatamu nu godhiisa barbaaddan» jedhe.

29Pheexroosii fi ergantooti worri dhibiin deebisanee, «Nuuti namaaf ajajamuu irra, Waaqaaf ajajamuu qanna. 30Waaqi Abbootii teennaa, Yesuusii isin muka irratti fannittanee ijjeettane du'aa kaaseera. 31Akka Yesuus kolbaa Israa'elii cubbuu irraa deebisee araara cubbu'uu kennuuf, Waaqi sooressaa fi fayyisaa godhee midda ifiititti ol isa fuudheera. 32Nuuti waan kanaaf dhugaa baatota; Ayyaanni Woyyichi, ka Waaqi worra isaaf ajajamuuf kennulle dhugaa baya'a» jedhane.

33Korri Mura'aa yennaa waan kana dhage'ane, guddoo aaranee ergantoota ijjeesiisa barbaadane. 34Isaan keessaa ammoo Fariisaayichi, barsiisaa Seera Muuse'ee te'e, maqaan isaa Gamaali'el ka jedhamu, ka nami duudiin guddoo ulfeessu tokko, Kora Mura'aa keessaa ol ka'ee, ergantoota san yennaa diqqoo ala akka tursiisanu ajaje. 35Achiin duuba inni kora Mura'aatiin, «Kolbaa Israa'elii! Waan jara tana gootanu irratti ifi eegadha'a. 36Tanaan dura namichi Toyidaas jedhamu ka'ee, ani nama jaba'a ifiin jedhe; namooti gara dhibba afurii te'anu isa woliin hujane. Ammoo inni ijjeefamee, worri isa woliin huju duudiin bittinnowanee, wonni sun achumatti dhumatte. 37Akkasuma Yihudaan namichi Galiila'aa, bara kolbaan laakkowante ka'ee, namooti hedduun akka isa hordofanu godhe, ammoo innille ijjeefamee jennaan, hordofattooti isaa duudiin bittinnootte. 38Maarre ammalle, jara tana irratti waan hantuu tokkolle akka hin goone ani isinitti hima. Isaan lakkisa'a! Wonni isaan yaadanee hujane nama irraa yoo teete, hin baddi; 39ammoo yoo ta Waaqa irraa dhutte teete, isaan balleessuu hin dandeettanu; isin ifiifuu Waaqaan loltanuun ifi dhaggitan» jedheenii jennaan, isaanille gorsa Gamaali'elii fudhatane. 40Isaan ergantoota ol waamanee deebisanee, dhaananee, lammeessoo maqaa Yesuusiitiin akka hin dubbanne ajajane; achiin duuba gad lakkisane. 41Ergantooti Yesuusiif farriisaa fi salphatiisa akka waan dansa'aatitti laakkowanee, gammadaan Kora Mura'aa biraa gad bayane. 42Isaan guyyuma guyya'aan Galma Waaqaa keessaa fi mana kolba'aa keessatti, Oduu Gammadaa ta Yesuusii Masiihiicha te'ee, barsiisiisaa fi lallabiisa hin lakkinne.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Deceit, wonders, and the Sanhedrin

  • Ananias, a member of the Jerusalem church, and his wife Sapphira, whose name means beautiful, sold a piece of land and, with her knowledge, kept back part of the price while bringing the rest to the apostles. He could have kept the property; Peter reminded him that it remained at his disposal both before and after the sale. The wrong was the lie: he professed to give it all, Sapphira confirmed the false price, and both died, she sharing his guilt and his punishment.Sources: Ananias (Husband of Sapphira) · Sapphira · the Bible text itself
  • The believers gathered with one accord in Solomon’s Colonnade, where the apostles performed many signs and wonders. That colonnade probably stood on the eastern side of the temple. It is not mentioned in connection with the first temple, though Josephus refers to a porch of that name in Herod’s temple.Sources: Solomon's Portico · the Bible text itself
  • When the high priest and his associates, who belonged to the party of the Sadducees, had the apostles arrested, a Pharisee named Gamaliel stood up in the Sanhedrin. He is described as a teacher of the law honored by all the people, the son of Rabbi Simeon and grandson of the famous Rabbi Hillel, and as an opponent of the Sadducees; he urged the council to leave the men alone. He pointed to Theudas, who had led an insurrection against Roman authority and, as Gamaliel told it, gathered about four hundred men before the rising came to nothing—beyond that, nothing else is known of Theudas—and to Judas the Galilean, who perished in the days of the census.Sources: Gamaliel · Theudas · the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Solomon’s Portico · Today: in Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 12
  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 16, 28
  • Galilee · 32.760, 35.527 · verse 37

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.