Acts 7
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Dubbii Isxifaanos Dubbate
1Hayyichi guddaan, «Wonni siin jedhanu kun dhuga'aa?» jedhee Isxifaanos gaafate.
2Isxifaanosille deebisee, «Obboleeyyanii fi abbootii tiyya, na dhage'a'a! Abbaan keenna Abrahaam lafa Kaaraanii le'iisaaf adoo hin deemin dura, ulfinni Waaqaa Mesophotaamiyaa keessatti isatti mudhatee, 3‹Fira keetii fi biyya teeti lakkisiitii gara lafa ani si'itti mudhisuu deemi› jedheen. 4Achiin duuba inni biyya ifii Kaldiyaa lakkisee, Kaaraan keessa le'iisaaf deeme. Abbaan isaa du'een duuba, Waaqi gara lafa amma isin leetanu tanaa isa fide. 5Teetuu malee Waaqi lafa haga faana miilalle isaaf hin kennine; ammoo yennaa san Abrahaam ilma qabaatuu dhabulle, Waaqi lafa san isaa fi sanyii isaatiif akka kennu, waadaa galeeraayyu. 6Waaqi karaa kanaan Abrahaamiin, ‹Sanyiin teeti lafa ormaa keessa galtuu teetee hin leeti; achitti garboontee haga woggaa dhibba afurii hin cunqurfanti. 7Ani ammoo kolbaa isaan garboonsite sanitti hin mura; achiin duuba sanyiin teeti lafa san keessaa baatee asitti na hin waaqonsiti› jedheera. 8Achiin duuba Waaqi gondooroo haqanqaba'aa Abrahaamiif kenne; maarre Abrahaam ilmi isaa Yisihaq dhalateen duuba, guyyaa saddeetesso'oo haqanqabaa qabe; akkasuma Yisihaqille ilma ifii Yaaqoob haqanqabaa qabe; Yaaqoobille abbootii gosa Israa'elii ka te'ane, ilmaan ifii kudhanii lama haqanqabaa qabe.
9«Ilmaan Yaaqoobii obboleessa ifii Yoseef hinaattee, garba akka te'uuf biyya Gibxiititti isa gurgurte; Waaqi ammoo isa woliin jiraayyu; 10rakkoo mara keessalle'ee isa baase. Yoseef mooticha lafa Gibxi'ii Fara'oon dura yennaa dhikaate, Waaqi arnyaa fi qarooma isaaf kenne; mootichille bulchaa biyya Gibxi'iitii fi ajajaa qabeenna mana ifii isa godhe. 11Bara san biyya Gibxi'iitii fi Kana'aanii maratti beelti rakkoo guddoo fidde; abbootiin teennalle waan nyaattu dhaggatuu hin dandeenne. 12Yaaqoobille biyya Gibxi'ii keessa midhaan akka jiru yennaa dhage'e, yennaa jalqabaatiif, abbootii teenna ka te'ane, ilmaan ifii achi erge. 13Yennaa isaan lammeessoo dhaqane, Yoseef eennummaa ifii obboleeyyan ifiititti hime; mootichi biyya Gibxi'iille maatii Yoseefii beeke. 14Maarre Yoseef, worri duudiin nami torbaatamii fi shan martinuu, gara biyya Gibxi'ii akka dhufanu, abbaa ifii Yaaqoobitti erge. 15Tanaaf Yaaqoob gara biyya Gibxi'ii dhaqee, innii fi ilmaan isaalle achitti du'ane. 16Lafeen isaanii gara lafa Sheekem jedhantu geeffantee, addee awwaalaa lafa Abrahaam beesee ifiitiin gosa Hamoorii irraa bitetti awwaalante.
17«Waadaan Waaqi Abrahaamiif gale muummowisaaf yennaa dhikaate, laakkossi kolbaa teennaa ka biyya Gibxii keessaa heddataa deeme. 18Muummee irratti, mootichi marroo Yoseefii hin beenne tokko biyya Gibxi'ii bulchiisa jalqabe. 19Mootichi kun abbootii teenna gowwoonsee gadhaa itti jabaatee, daa'immaan isaanii akka duutuuf, ala baasanee akka gatanu dirqansiise. 20Bara san Muuseen dhalate; inni daa'ima shaggicha; haga ji'a sadii mana abbaa ifii keessatti guddate. 21Inni yennaa alatti gatame, intalti Fara'oonii isa fuutee, akka ilma ifiititti gudditte. 22Muuseen qarooma worra Gibxi'ii duudii baratee dubbi'ii fi hujiile'een nama jabaa te'e.
23«Inni woggaa afurtama yennaa geye, kolbaan Israa'elii akka itti jirtu ilaaliisaaf yaadate. 24Muuseen yennaa namichi biyya Gibxi'ii tokko nama Israa'elii tokko miidhuun dhagge rogeefii, namicha biyya Gibxi'ii dhowee ijjeese. 25Muuseen karuma isaatiin Waaqi bilisa akka isaan baasu, kolbaan waan hubattu seyeeyyu; isaan ammoo hin hubanne. 26Boruyyaa nami lama ka gosa Israa'elii wol lolanuun dhaggee, wolitti araarsiisaaf barbaadee, ‹Jarana, isin obboleeyyan; maaf wol loltan?› jedheen. 27Namichi lola kaase ammoo Muusee achi darbee, ‹Nu'u irratti eentu bulcha'aa fi abbaa mura'aa si godhe? 28Akkuma kalee namicha Gibxi'ii ijjeette, analle ijjeesuu barbaaddaa?› jedheen. 29Muuseen yennaa tana dhage'e, biyya Gibxi'ii keessaa dheetee, gara lafa Miidiya'aa galee le'e. Achitti ijoollee lama uumate.
30«Woggaa afurtamaan duuba, lafa goomole'ee keessatti Gaara Siina'aa biratti bobe'a tusee gabbattuu keessatti, ergamaan Waaqaa Muuse'etti mudhate. 31Muuseen waan kana yennaa dhagge baaseffatee, ilaaliisaaf itti dhikaate. Ammoo inni qoonqoo Gootta'aa, 32‹Ani Waaqa abbootii teetii, Waaqa Abrahaamii, Waaqa Yisihaqiitii fi Yaaqoobii ti› jettu dhage'e. Muuseen soda'aan rorommee, ilaaliisaafille itti hin gamne. 33Goottaan Muuse'een, ‹Addeen ati dhaabbatteertu lafa woyyittii waan teeteef, kophee teeti baafadhu. 34Ani dhugumaan rakkinna kolbaa tiyyaa ta biyya Gibxi'ii keessaa dhaggeera. Ani iyya isaanii dhage'eera; isaan bilisa baasiisaafille gad dhufeera. Amma koy; ani gara biyya Gibxi'ii si ergaara› jedhe.
35«Kolbaan Israa'elii Muuse'een, ‹Nu irratti eentu bulcha'aa fi abbaa mura'aa si godhe?› jettee isa jibbiteertiiyyu. Te'uu malee Waaqi Muusuma kana karaa ergamaa Waaqaa ka tusee keessatti itti mudhateetiin, bulcha'aa fi ka bilisa baasu godhee gara isaanii erge. 36Inni Gibxi'ii fi abbaayaa diintuu irratti baasaa fi bilbaasa hujaa, kolbaa sooressaa, biyya Gibxi'ii keessaa baase. 37‹Waaqi akkuma na kaase, raagaa tokko odduu teessaniinuu isiniif hin kaasa› jedhe ka dubbate Muusuma kana. 38Inni abbootii teenna woliin lafa goomolee keessa jiruun, gaara Siinaa gubba'atti ergamaan Waaqaa ka itti dubbate isuma; Jecha Waaqaa ka jiru'uu ka nu'uuf dabarselle Muusuma kana.
39«Abbootiin teenna ammoo, isaaf ajajamuu diddee, gadhaa ifiititti gara biyya Gibxi'ii deebi'iisaaf yaadatte. 40Maarre isaan Aaroniin, ‹Muuseen biyya Gibxii keessaa nu baase kun waan te'e wollaallee, waaqota nu sooressanu nuu huji› jedhane. 41Yennaa san isaan waaqa dharaa jabbii fakkeessanee hujanee, ciincaa dhikeessaneef; waan hujane sanitti gammadane. 42Waaqi ammoo isaan irraa garagalee, urjoota ol-gubba'aa akka sagadanuuf dabarsee isaan kenne; akkuma kitaaba raagotaa keessatti barreeffante,
«‹Ee, kolbaa Israa'elii!
Woggaa afurtama goomolee keessatti
horii qalmaatii fi ciincaa naaf dhikeessitanee ree?
43Isin dunkaanii waaqa molokiitii fi,
fakkii urjii waaqa Reefaan jedhamuu,
harka keessaniin hujjanee, waaqonsiisaaf ba'attane.
Maarre anille biyya Baabilon irraa fagaattutti isin hin dabarsa› jedhe.
44«Abbootiin teenna goomolee keessatti dunkaanii dhugaa bayaa qaddi. Dunkaaniin sun akka Waaqi Muuse'etti mudhisee, ‹Akkas huji› jedhetti ta hujante. 45Abbootiin teenna dunkaanii san abbootii ifii irraa fudhatteen duuba, Iyaasuu woliin gara lafa gosa worra Waaqi isaan duraa ari'etti fudhatanee galane; dunkaaniin sunille haga bara Daawitii achi turte. 46Daawiti Waaqa duratti fudhatama dhaggatee, Waaqa Yaaqoobiitiif mana ijaariisaaf gaafate. 47Ammoo Waaqaaf ka mana ijaare Solomoon.
48«Ammoo Waaqi ol aanaan mana harka namaatiin ijaarame keessa hin le'u; kunille akkuma raagichi,
49«‹Ol-gubbaan barcumaa mootummaa tiyyaa ti;
lattille ijjata miila kiyyaa ti.
Manni isin naaf ijaartanu ka attamii ti ree?
Addeen ani itti foorfadhu eessa ree?
50Waan san duudii ka huje anaa motii? jedha Goottaan› jedhe.
51«Isin worra mataa jabaatu! Gadhaan keessan akka gadhaa worra Waaqa hin dhugeeffannee, gurri keessan akka gurra worra Waaqa hin dhageennee ti. Isin akkuma abbootii teessanii yennaa mara Ayyaana Woyyicha mormitan. 52Raagaan abbootiin teessan hin miidhin tokkolle hin jiraa? Isaan raagota woggaa heddu'uun dura dhufa balchichaa odeessane ijjeesaneeran. Amma isinille isa dabarsitanee kennitanee ijjeettaneertan. 53Isin karaa ergantoota Waaqaatiin seera Waaqaa fudhattaneertaniiyyu; isin ammoo hin ajajanneef» jedhe.
Isxifaanos Dhaka'aan Tumame
54Korri Mura'aa waan Isxifaanos jedhe yennaa dhage'ane, aaranee gubatanee, itti ciniinnatane. 55Isxifaanos ammoo, Ayyaana Woyyichaan guutamee, gara ol-gubba'aa ilaalee, ulfinna Waaqaatii fi Yesuus midda Waaqaa dhaabbateeruun dhaggee, 56«Kunoo, ol-gubbaan banantee, Ilmi Namaalle midda Waaqaa dhaabbateeruun ani dhagge» jedhe.
57Korri Mura'aa iyyee gurra ifii qabate; achiin duuba isaan martinuu itti fiiganee, 58qachaa keessaa harkisanee baasanee, dhaka'aan tumane. Dhugaa bayooti woyaa isaanii akka eeguuf dargaggeessa Saa'ol jedhamu tokko bira keyatane. 59Adoo isaan dhaka'aan tumiisatti jiranuu, Isxifaanos, «Goottaa Yesuus, ayyaana kiyya fudhadhu» jedhee daadimate; 60jilbiiffateelle qoonqoo ol qabatee, «Gootta'a, cubbuu tana isaanitti hin laakkowin» jedhee iyyee, du'e.

Did you know?
Stephen retells Israel's story
- Stephen opens his speech with Abraham still in Mesopotamia, before he settled in Haran, when he was told to leave his country and his kindred. Mesopotamia—Hebrew Aram-naharaim, “Syria of the two rivers”—was the name Greeks and Romans gave the region between the Euphrates and the Tigris; the Old Testament also calls it Padan-aram, “the plain of Aram,” and the north of that plateau was the early home of the Hebrews’ ancestors. Easton's Bible Dictionary (1897) notes that this first call is not mentioned in the Old Testament, though Genesis 12 implies it, and that Abraham left Ur in Chaldea and traveled about 300 miles north to Haran.Sources: the Bible text itself · Mesopotamia · Abraham
- Stephen says the bones of Jacob and the fathers were carried back to Shechem and placed in the tomb Abraham had bought from the sons of Hamor. Easton's Bible Dictionary (1897) identifies Hamor as a Hivite whose name means “he-ass,” notes that Acts 7:16 calls him Emmor, and says Jacob bought from him the plot at Shechem in which Joseph was later buried. The entry adds that Hamor’s son Shechem founded the city that took his name.Sources: the Bible text itself · Hamor
- Stephen places the burning bush in the desert near Mount Sinai and says Moses received living words there from the angel who spoke to him on the mountain. Easton's Bible Dictionary (1897) treats Sinai—a name linked with Sin, a moon god—as the same mountain district also called Horeb. The entry says the Hebrews reached that region in the third month after the Exodus, after a journey of about 150 miles from the Red Sea, including all the windings of the route, and remained encamped for about a year.Sources: the Bible text itself · Mount Sinai
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Haran · Today: Harran · 36.864, 39.033 · verses 2, 4
- Mesopotamia · Today: Aram-naharaim · 36.864, 39.033 · verse 2
- Chaldea · 30.962, 46.104 · verse 4
- Egypt · 30.129, 31.308 · verses 9, 10, 11, 12, 14, 15, 17, 18, 34, 36, 39, 40
- Canaan · 32.767, 35.333 · verse 11
- Shechem · Today: Tell Balatah · 32.214, 35.282 · verse 16
- Nile · Today: Nile River · 31.465, 30.367 · verse 19
- Midian · 28.495, 35.012 · verse 29
- Babylon · 32.543, 44.422 · verse 43
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org