Nations Bible

Acts 13

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Baarnaabaasii Fi Saa'ol Ergamane

1Wolde'a kiristaanaa ka Anxokiya'aa keessa raagotaa fi barsiisoti jiraniiyyu: isaanille Baarnaabaas, Simoon ka «Gurraacha» jedhamu, Luukiyoosii biyya Qareena'aa, Maanaa'enii Heroodisii bulchaa woliin guddatee fi Saa'ol fa'a. 2Isaan Goottaa tajaajilaa adoo laamanuu Ayyaanni Woyyichi isaaniin, «Baarnaabaasii fi Saa'ol hujii ani isaan waameef, isaan naaf fowa'a» jedhe.

3Isaan laamanee daadimatanee, harka ifii isaan irra keyaneen duuba ergane.

Baarnaabaasii Fi Saa'ol Qophiroositti

4Baarnaabaasii fi Saa'ol Ayyaana Woyyichaan ergamanee, gara qachaa seluuqiya'aatitti gad bu'anee, hobolo'oon gara oddoola Qophiroosii dhaqane. 5Isaan yennaa qachaa Salaamiisii geyane, Jecha Waaqaa mana waaqonfannaa Yihudootaatitti lallabane. Yohaannisiin Maarqoos jedhamulle isaan woliin jiraatee isaan qarqaare.

6Isaan oddoola Qophiroosii keessa qaccee garanaatii haga qaccee taanii qaxxaamuranee, qachaa Phaafoosii yennaa geyane, namicha xanoo xanu Yihudicha Baar-Yesuus jedhamu tokko dhaggane; inni raagicha dharaamessa. 7Inni lansa bulchaa oddoolaa qalbicha ka Sergiiyosii Phawuloos jedhamuu ti. Bulchaan kun Jecha Waaqaa isaan irraa dhage'iisaaf barbaadee, Baarnaabaasii fi Saa'ol gara ifii waame. 8Namichi xanoo xanu ka afaan Giriikiitiin «Eliimaas» jedhamu ammoo, bulchaan biyya sanii akka hin dhugeeffanne barbaadee, isaaniin morme. 9Achiin duuba Phawuloos ka jedhame Saa'ol Ayyaana Woyyichaan guutamee, namicha xanoo xanu hubatee ilaalee, 10«Ati ilma Seexanaa ti! Ati diina dhugaa maraa ti! Ati sobaa fi hammeenna duudi'iin guutanteerta; ati yennaa mara dhugaa Gootta'aa gara sobaa jijjiiriisa hin lakkittuu? 11Ammalle harki Gootta'aa si hin dhowa; ballaa hin teeta; yennaa diqqoolle ifa adu'uu hin dhaggitu» jennaan,

Yoosuma hurri'ii fi dukkanti ila isaa qaddee, nama harka qabee isa sooressu adaala ifii qaqqabatiisa jalqabe. 12Bulchaan waan te'e san yennaa dhagge, barsiisiisa Gootta'aa guddoo waan baaseffateef dhugeeffate.

Qachaa Pherge'eetii Fi Anxokiya'atti Lallabane

13Phawuloosii fi hordofattooti isaa lafa Phaafoosiitii hobolo'oon ka'anee, gara qachaa Pherge'ee ka Phamfiliyaa keessatti dhaggamuu dhaqane; Yohaannisiin Maarqoos jedhamu ammoo, isaan lakkisee gara Yerusaalemii deebi'e. 14Isaan ammoo lafa Pherge'eetii ka'anee, gara qachaa Anxokiya'aa ka lafa Phisiidiya'aa keessatti dhaggamuu dhaqane; guyyaa Sanbataa mana waaqonfannaa Yihudootaa seenanee tee'ane. 15Kitaab Seera Muuse'eetii fi Raagotaa dubbifameen duuba, bulchitooti Mana Waaqonfannaa Yihudootaa isaanitti erganee, «Obboleeyyan, jecha nama jajjabeessu yoo qabaattane dubbadha'a» jedhane. 16Yoos Phawuloos ka'ee harkaan isaan haatatee: «Kolbaa Israa'eliitii fi worri Yihudoota hin te'in ka Waaqa waaqonsitanu, waan ani jedhu dhage'a'a! 17Waaqi kolbaa Israa'elii, abbootii teenna fowatee, yennaa isaan akka ormaatitti biyya Gibxii keessa le'ane, gosa guddoo isaan godhe. Inni hunna guddoo ifiitiin biyya Gibxi'ii keessaa isaan baasee, 18haga woggaa afurtamaa lafa goomole'ee keessatti isaan ossate. 19Inni lafa Kana'aanii keessaa gosa biyya adda addaa torba balleessee, lafa isaanii kolbaa ifiitiif kenne. 20Wonni kun duudiin gara woggaa dhibba afurii fi shantamaa keessatti teete.

«Kanaan duuba Waaqi haga bara Saamu'elii raagichaatitti abbootii mura'aa isaaniif kenne. 21Yennaa isaan mootii nu'uuf kenni jedhanee gaafatanetti, Waaqi gosa Beniyaaminii keessaa Saa'olii ilma Qiishii isaaniif kenne; innille woggaa afurtama isaan bulche. 22Saa'ol mootummaa irraa buuseen duuba, Waaqi Daawiti mootii isaanii godhe. Waaqi marroo isaatiif dhugaa bayee, ‹Ani, Daawitii ilma Iseyii nama akka gadhaa kiyyaa, ka fedhii tiyya duudii muummessu dhaggadheera› jedheera. 23Waaqi akkuma waadaa galetti, sanyii namicha kanaa keessaa fayyisaa Yesuus kolbaa Israa'eliitiif fideera. 24Dhufa Yesuusiitiin dura Yohaannis, kolbaan Israa'elii marti cubbuu irraa deebitee akka cuuphantuuf lallabeera. 25Yohaannis tajaajila ifii fixatiisatti adoo jiruu kolba'aan, ‹Isin eennu na seetan? Ani ka isin eegattanu sanii moti. Ammoo ka ani hidhaa kophee isaa hiikiisaafille hin teene, na duubaan dhufaara› jedheen.

26«Obboleeyyan tiyya, isin sanyiin Abrahaamiitii fi worri Yihudoota hin te'in ka Waaqa waaqonsitanu duudiin, ergaan fayyinnaa tun nu duudi'iif ergante. 27Kolbaan Yersaalemiitii fi sooressitooti isaaniille Yesuus fayyisaa akka te'e hin beenne; isaan dubbii raagotaa ta Sanbata Sanbataan dubbifantu hubatuu dhabiisaan isatti muranee, dubbiin raagaa akka muummottu godhane. 28Isaan sababa ittiin Yesuus ijjeesisanu dhabanulle, akka inni ijjeefamuuf Philaaxoos gaafatane. 29Waan Barreeffam Woyyichi marroo isaatiif jedhu duudii muummessaneen duuba, muka irratti fannifame irraa gad buusanee awwaalane. 30Waaqi ammoo du'a irraa isa kaase. 31Inni guyyaa hedduu worra isa woliin Galiilaa irraa gara Yerusaalemii dhufanetti mudhate. Amma isaan kolbaa teennaaf dhugaa bayoota.

32«Nuuti waan Waaqi abbootii teennaaf waadaa gale Oduu Gammadaa isinitti hinna. 33Inni Yesuus du'aa kaasiisaan waadaa isaaniif gale, nu'u ijoollee isaaniitiif muummesseera. Kunille kitaaba Faaru'uu ka lammeesso'oo keessatti,

« ‹Ati Ilma kiyya;

ani adha si uumadheera› jedhantee barreeffanteerti.

34Akka inni du'a irraa isa kaasee fi tortoree hin jirre Waaqi mirkaneessiisaaf,

‹Ani eebba woyyichaa fi addatamaa,

ka Daawitiif waadaa gale isiniif hin kenna› jedheera.

35Tanaaf kitaaba Faaru'uu ka dhibii keessalle'etti,

‹Ati Woyyichi keeti awwaala keessatti akka tortoru hin lakkittu› jedha.

36Daawiti bara ifiititti fedha Waaqaa tajaajilee du'eera; nafi isaalle abbootii isaa biratti awwaalamee tortoreera. 37Ka Waaqi du'a keessaa kaase ammoo, nafi isaa hin tortorre. 38Tanaaf obboleeyyan tiyya, araarri cubbu'uu karaa Yesuusiitiin akka isinii lallabame beeka'a. 39Nami isatti dhugeeffatu duudiin, cubbuu seerri karaa Muuse'eetiin kenname bilisa baasiisaaf hin dandeenne duudii jalaa bilisa baya. 40Tanaaf wonni raagoti,

« ‹Ilaala'a, isin worra shasheessitoota! Baaseffadha'a! Bada'a!

Waan eennulle yoo isinitti hime hin dhugeeffanne,

ani bara keessanitti hin huja› jedhantee ta dubbatante,

akka isin irratti hin muummonne ifi eegadha'a» jedhe.

42Yennaa Phawuloosii fi Baarnaabaas Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessaa bayanee deemanu, Sanbata itti aanu dhufanee marroo waan kanaa akka itti himanuuf namooti isaan kadhatane. 43Kolbaan wolde'a Mana Waaqonfannaa Yihudootaa irraa kaateen duuba, Yihudoota heddu'uu fi worri Yihudoota hin te'in ka gara dhugeeffannaa Yihudootaa deebi'ane, Phawuloosii fi Baarnaabaas hordofane. Phawuloosii fi Baarnaabaas isaan haasessanee, badhaadha Waaqaatiin jabaatanee akka jiraatanu isaan gorsane.

44Sanbata itti aanu worra qachaa sanii keessaa hedduun Jecha Waaqaa dhage'iisaaf wolitti qabamane. 45Worri Yihudootaa heddummaa namootaa yennaa dhagge, hinaaffa'aan guutamanee, waan Phawuloos jedhu moromanee isa arrassane. 46Phawuloosii fi Baarnaabaas ammoo sodaa malee, «Jechi Waaqaa dursee isiniif himamuu qabaayyu; isin ammoo fudhatuu diddanee, jiruu bara baraatitti galiisaaf worra hin malle eega ifiin jettane, nuuti isin lakkinnee gara worra Yihudoota hin te'inii dhaqaarra. 47Goottaan,

«‹Haga qaccee lafaa duudii fayyinna akka fiddu,

Ani worra Yihudoota hin te'iniif ifa si godheera› jedhee

nu ajajeera» jedhane.

48Worri Yihudoota hin te'in tana yennaa dhage'e, gammadee jecha Waaqaalle ulfeesse; worri jiruu bara baraatiif filameeru duudiille dhugeeffate.

49Jechi Gootta'aalle adaala biyya sanii maratti babadhatte. 50Yihudooti ammoo, dubartoota dureeyyii ta dhugeeffannaa Yihudootaa hordottuu fi worra gugurdaa qachaa sanii, Phawuloosii fi Baarnaabaas irratti miidhaa akka kaasanu godhanee, adaala biyya sanii keessaa isaan baasane. 51Phawuloosii fi Baarnaabaas tana isaanitti mormiisaaf bukuu miila isaanii dhodhowatanee, gara qachaa Iqoniiyumii deemane. 52Dhugeeffattooti qachaa Anxokiya'aa gammadaa fi Ayyaana Woyyichaan guutante.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

The mission sent from Antioch

  • Easton's Bible Dictionary (1897) describes Antioch in Syria as ranking third, after Rome and Alexandria, among the cities of the Roman empire; the church there set Barnabas and Saul apart. Among its prophets and teachers were Simeon called Niger, a surname meaning black, perhaps from a dark complexion, and Lucius of Cyrene, in North Africa.Sources: Antioch (Syria) · the Bible text itself · Simeon · Lucius
  • At Paphos, the capital of Cyprus and the residence of the Roman governor, a Jewish sorcerer named Bar-Jesus, also called Elymas, an Arabic name meaning magician or sorcerer, tried to turn the proconsul Sergius Paulus from the faith. It is here that Saul is also called Paul; Easton's Bible Dictionary (1897) says the name Paul was probably given to him in infancy for use in the Gentile world, while Saul was his Hebrew home-name.Sources: Paphos · Elymas · Paul · the Bible text itself
  • Sent from Antioch, they went down to Seleucia, the city's seaport near the mouth of the Orontes, and sailed to Cyprus; later they landed at Perga, the capital of Pamphylia, on the river Cestrus. There John left them and returned to Jerusalem; his Roman name, Mark, gradually came to replace his Jewish name, and he was a cousin of Barnabas.Sources: Seleucia · Perga · John Mark · the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Antioch · Today: Antioch on the Orontes · 36.227, 36.172 · verse 1
  • Cyrene · 32.821, 21.851 · verse 1
  • Cyprus · 35.000, 33.000 · verse 4
  • Seleucia · Today: Seleucia Pieria · 36.124, 35.922 · verse 4
  • Salamis · 35.185, 33.902 · verse 5
  • Paphos · Today: New Paphos · 34.756, 32.404 · verses 6, 13
  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 13, 27, 31
  • Pamphylia · 37.000, 31.000 · verse 13
  • Perga · 36.960, 30.854 · verses 13, 14
  • Antioch · Today: Antioch in Pisidia · 38.306, 31.189 · verse 14
  • Pisidia · 38.306, 31.189 · verse 14
  • Egypt · 30.129, 31.308 · verse 17
  • Canaan · 32.767, 35.333 · verse 19
  • Galilee · 32.760, 35.527 · verse 31
  • Iconium · Today: Konya · 37.872, 32.492 · verse 51

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.