Acts 12
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Ijjeefamuu Yaaqoobiitii Fi Hidhamuu Pheexroosii
1Bara san mootichi Heroodis, miseensota wolde'a kiristaanaa tokko tokko miidhuu jalqabe. 2Inni Yaaqoobii obboleessa Yohaannisii shallaaga'aan ijjeesise. 3Wonni kun Yihudoota akka gammachiitte yennaa dhagge, itti dabalee Pheexroos qassiise; tunille yennaa Jila Daabboo Uukoo hin qannee teete. 4Heroodis yennaa Pheexroos qassiisee mana hidha'aatitti galche, afur afur te'anee akka isa eeganu loltoota dabaree afuritti qoodamaneeranutti isa kenne. Jila Irra Dabaramaatiin duuba kolbaa duratti akka isa dhikeessuuf yaadate. 5Adoo Pheexroos mana hidha'aa keessatti eegamuu, wolde'i kiristaanaa ammoo jabaatee gara Waaqaa isaaf daadimate.
Pheexroos Mana Hidha'aatii Hiikame
6Halkan bari'een duuba Heroodis silaa Pheexroos kolbaa duratti dhikeessu, Pheexroos wodaroo sibiilaa lamaan hidhamee, loltoota lama odduu rafee, eeddoti balbala mana hidha'aa dura dhaabbatanee eegane. 7Dedhuma ergamaan Gootta'aa achi dhaabbatee, manni hidha'aa keessi ife. Ergantichille cinaacha Pheexroosii tuqee, isa dammassee, «Ariifadhuu ka'i!» jedheen. Wodaroon sibiilaalle harka isaa irraa buute. 8Achiin duuba ergamaan, isaan «Hidhadhu! Kophee teetille keyadhu» jedhe. Pheexroosille akkuma inni itti hime tolche. Achiin duuba ergantichi, «Woyaa teeti uffadhuu na gula koy» jedheen. 9Pheexroos mana hidha'aa keessaa bayee, erganticha gula deeme; ammoo waan ergamaan Gootta'aa godhe hin beenne; inni waan duudii oojjuu seye. 10Isaan worra eedduu tokkeesso'ootii fi lammeesso'oo irra dabaraneen duuba, balbala sibiilaa ta gara qacha'aa bayanu bira geyane; balbaltille ifumaan isaan duraa banantee, gad bayane. Karaa tokko gad deemanee, ergamaan dedhuma Pheexroos biraa deeme.
11Pheexroos yennaa bayyanate, «Goottaan ergamaa ifii ergee harka Heroodisiitii fi waan worri Yihudootaa na irratti yaadane mara jalaa akka ana baase, amma dhugumaan beekeera» jedhe. 12Pheexroos tana hubateen duuba, addee namooti hedduun wolitti qabamee daadimatiisatti jiru, gara mana Maariyaamii haadha Yohaannisii Maarqoos jedhamuu dhaqe. 13Pheexroos achi geyee balbala karra alaa yennaa dhodhowe, tajaajiltittiin Roodaa jedhantu takka dhuttee owwaatte. 14Isiin qoonqoo Pheexroosii beettee, waan guddoo gammaddeef, balbala adoo hin baniniif rukkittee gara keessaa seentee, «Pheexroos balbala dura dhaabbateera!» jettee odeessite. 15Isaan, «Ati maraatteerta!» isi'iin jedhane. Isiin ammoo ittuma deddeebitee, «Lakkii isuma» jette. Achiin duuba isaan, «Ergamaa Waaqaa ka isa eegu te'innaa» jedhane. 16Pheexroos ammoo balbala dhodhowiisa hin lakkinne; isaan balbala bananee yennaa isa dhaggane baaseffatane. 17Inni akka isaan cadhisanu harka ifiitiin beessisa itti kennee, Goottaan mana hidha'aa keessaa attam akka isa baase isaanitti odeessee, «Dubbii tana Yaaqoobii fi dhugeeffattoota dhibiille'etti hima'a» jedhee, bayee addee dhibii dhaqe. 18Yennaa latti bariite, loltooti, «Pheexroos maan te'e?» jedhanee, waan godhanu wollaalanee baaseffatane. 19Heroodis Pheexroos barbaachisee isa dhagguu dhabee jennaan, eeddota qorateen duuba akka ijjeefamanu ajaje;
Achiin duuba Heroodis Yihudaa irraa gara Qiisaariya'atti gad bu'ee achi ture.
Du'a Heroodisii
20Heroodis kolbaa Xiiroosiitii fi Sidooniititti guddoo aareeraayyu. Maarre isaan wolii galte'een gara isaa dhufanee, Bilaasxosii tajaajilaa addatamaa mana mootichaa, Heroodisitti dhikaatee araara akka isaaniif gaafatuuf, tole jechisiifataneen duuba, mooticha araara gaafatane; isaan biyya mootichi bulchu keessaa sagalee waan dhaggatanuuf tana jedhane.
21Guyyaa wol dhaggiisaaf qabatane, Heroodis uffana mootummaa ifii uffatee, barcumaa mootummaa ifii irra tee'ee, kolba'atti dubbate. 22Isaan, «Tun qoonqoo waaqaa ti malee, ta namaatii moti» jedhaa iyyane. 23Heroodis ulfinna Waaqaaf waan kennuu dhabeef, ergamaan Waaqaa yoosuma isa dhowe; corroxxille isa nyaattee du'e. 24Jechi Waaqaa ammoo, gudddataa badhataa deeme. 25Baarnaabaasii fi Saa'ol ergaa dhaqaneef muummessanee, Yerusaalem irraa deebi'ane; Yohaannisii Maarqoos jedhamulle ifi faana fuudhanee dhufane.

Did you know?
Peter's escape and Herod's death
- The King Herod of this chapter is Herod Agrippa I, grandson of Herod the Great, who in time held his grandfather's entire kingdom and the title of king. He put James to death and imprisoned Peter. Easton's Bible Dictionary (1897) says that on the second day of a festival honoring the emperor Claudius, Agrippa appeared in the great theatre at Caesarea wearing magnificent silver robes; it was early in the day, and the sun's rays dazzled those who saw him.Sources: Herod Agrippa I · the Bible text itself
- The James killed with the sword was James the son of Zebedee, brother of the apostle John, a fisherman who had worked in partnership with Peter. Easton's Bible Dictionary (1897) calls him the first of the apostles to be put to death and says that Herod Agrippa had him beheaded. The James whom Peter tells the believers to notify is another man: the same dictionary identifies him as the James who headed the church in Jerusalem.Sources: James (Son of Zebedee) · James (Brother of Jesus) · the Bible text itself
- Once he knew he was free, Peter went to the house of Mary, mother of John Mark, in Jerusalem, which Easton's Bible Dictionary (1897) calls a common meeting place of the disciples; many people were gathered there praying. The servant who came to the outer gate was Rhoda, a name that means a rose; overjoyed at his voice, she ran inside to announce him and forgot to open the gate. John, also called Mark, was Mary's son—Mark, his Roman name, gradually replaced the Jewish name John—and he later left Jerusalem with Barnabas and Saul.Sources: Mary (Mother of John Mark) · Rhoda · John Mark · the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Caesarea · Today: Caesarea Maritima · 32.500, 34.892 · verse 19
- Judea · Today: Judea 1 · 31.777, 35.234 · verse 19
- Sidon · Today: Sandikli archaeological site in Sidon · 33.561, 35.372 · verse 20
- Tyre · 33.271, 35.196 · verse 20
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 25
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org