Acts 14
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Phawuloosii Fi Baarnaabaas Qachaa Iqoniiyumii Keessatti
1Phawuloosii fi Baarnaabaas qachaa Iqoniiyumii keessalle'etti gara Mana Waaqonfannaa Yihudootaa seenanee, akka maltetti waan barsiisaneef, Yihudootii fi Giriikooti hedduun dhugeeffatane. 2Yihudooti hin dhugeeffatin ammoo, worra Yihudoota hin te'in kakkaasanee, dhugeeffattoota akka jibbanu godhane. 3Tanaaf Phawuloosii fi Baarnaabaas, sodaa malee marroo Gootta'aa dubbataa yennaa hedduu achi turane; Goottaalle akka isaan baasaa fi bilbaasota godhanu hunna isaanii kennee, Jecha badhaadha ifii mirkaneesse. 4Worri qachaa sanii ammoo, gargar qoqoodamee, gariin gara Yihudootaa, gariin gara ergantootaa gorane.
5Worri Yihudoota hin te'inii fi Yihudooti, bulchitoota ifii woliin te'anee, Phawuloosii fi Baarnaabaas rakkisiisaa fi dhaka'aan tumiisaaf barbaadane. 6Phawuloosii fi Baarnaabaas yennaa tana beekane, gara qachoota lafa Liqaa'oniya'aa ka Lisxira'aa fi Derbee jedhamanuutii fi biyya adaala sanii baqatane. 7Isaan achitti Oduu Gammadaa lallabane.
Phawuloosii Fi Baarnaabaas Qachaa Lisxira'aa Fi Derbe'eetitti
8Qachaa Lisxira'aa keessa namichi miilli isaa naafateeru tokko jiraayyu; inni guyyaa dhalateenuu jalqabee fafa waan te'eef, miila ifiitiin deemee hin beeku. 9Namichi kun achi tee'ee waan Phawuloos jedhu dhage'aa ture. Phawuloos namicha hubatee ilaalee, dhugeeffannaa isa fayyittu akka inni qabu yennaa dhagge, 10«Ka'ii qajeelii, miila keetiin dhaabadhu» jedhee qoonqoo guddo'oon dubbate. Namichille utaalee ka'ee, asii fi achi deemuu jalqabe. 11Gumiin waan Phawuloos godhe yennaa dhaggite, qoonqoo guddo'oon, «Waaqoti namoota fakkaatanee gara keenna gad bu'aneeran» jedhanee afaan Liqaa'oniya'aatiin dubbatane. 12Baarnaabaasii, «Ze'os» jedhanee maqaa mootii waaqota ifiitiin moggaasane; Phawuloos ammoo ka guddoo dubbate waan te'eef, akka ergamaa waaqota ifiititti, «Hermees» jedhanee moggaasane. 13Hayyichi, galma Ze'osii ka qacha'aan ala jiru keessa tajaajilu, korommi'ii fi daraaraa gara karra qacha'aa fidee, kolbaa woliin Phawuloosii fi Baarnaabaasiif ciincaa dhikeessiisaaf barbaade. 14Phawuloosii fi Baarnaabaas waan kana yennaa dhage'ane woyaa ifii tarsaasanee, gara odduu kolba'aa rukkisane; qoonqoo ifiille ol qabatanee, 15«Jarana, isin maaf waan kana gootan? Nuutille namuma akka keessanii ti. Nuuti akka isin waan gatii hin qanne irraa fagaattanee, gara Waaqa jiraataa ol-gubbaa, lafa, abbaaya'aa fi waan isii keessa jiru duudii dadee, akka deebitanu Oduu Gammadaa isiniif lallabaarra. 16Bara dhaloota dabareetitti kolbaan duudiin karaa ifii akka deentu Waaqi isaan lakkiseera. 17Te'uu malee bokkeya ol-gubbaa irraa isiniif kennaa, midhaan yennaa ifiititti akka midhaan buusuu godhaa, sagalee isiniif kennaa, gadhaa keessan gammadaan guutaa, waan dansaa godhiisaan Waaqummaa ifii mudhiseera» jedhane. 18Ergantooti tana mara dubbatanulle, rakkinna jaba'aan ciincaa akka isaaniif hin dhikeessine jara dhooggane. 19Yihudooti ammoo qachoota Anxokiya'aatii fi Iqoniiyumii dhufanee, akka kolbaan yaada isaanii fudhattee Phawuloos irratti kaatu godhanee, dhaka'aan isa tumane; du'eera seyaneelle qachaa keessaa harkisanee gad baasane. 20Te'uu malee yennaa dhugeeffattooti dhufanee isatti naannowanee dhaabbatane, Phawuloos lafaa ka'ee gara qacha'aa ol deebi'e. Boruyyaa Baarnaabaas woliin gara qachaa Derbe'ee dhaqe.
Phawuloosii Fi Baarnaabaas Gara Anxokiya'aa Deebi'ane
21Phawuloosii fi Baarnaabaas qachaa Derbe'eetitti Oduu Gammadaa lallabanee, namoota hedduu dhugeeffattoota godhaneen duuba, gara qachoota Lisxira'aa, Iqoniiyumii fi Anxokiyaa biyya Phisiidiyaa keessatti dhaggantuu deebi'ane. 22Isaan dhugeeffattoota jajjabeessaa, dhugeeffannaalle'een akka jabaatanu gorsaa, «Gara Mootummaa Waaqaa galiisaaf rakkoo hedduu keessa qaxxaamuruu qanna» jedhane. 23Ergantooti wolde'a kiristaanaa tokko tokkottuu jaarsolee filanee, laamanee daadimataneen duuba, Goottaa itti addatanetti magannee isaan kennatane.
24Phawuloosii fi Baarnaabaas biyya Phisiidiyaa keessa dabaranee gara biyya Phamfiliya'aa dhufane. 25Phergeelle'etti Jecha Waaqaa lallabaneen duuba, gara qachaa Ataalii'aatti gad bu'ane. 26Achille'ee gara addee hujii amma muummessane tanaaf, badhaadha Waaqaatiif itti kennamanee, hoboloo gudditti'iin Anxokiya'atti deebi'ane.
27Isaan Anxokiyaa yennaa geyane, kolbaa wolde'a kiristaanaa wolitti qabanee, waan Waaqi karaa isaaniitiin godhe duudi'ii fi worra Yihudoota hin te'iniif karaa dhugeeffanna'aa attam akka bane himane. 28Achille'etti dhugeeffattoota woliin yennaa hedduu turane.

Did you know?
Paul and Barnabas in Lycaonia
- Iconium was the capital of Lycaonia, an inland Roman province of Asia Minor whose chief towns were Iconium, Lystra, and Derbe. Easton's Bible Dictionary (1897) places Iconium, the modern Konieh, at the foot of Mount Taurus, about 120 miles inland; Lystra lay in a wild district, and Derbe was a small town about twenty miles from Lystra, on the eastern part of the upland plain.Sources: Iconium · Lycaonia · Lystra · Derbe
- When a man lame from birth began to walk, the crowds at Lystra shouted in the Lycaonian language that the gods had come down in human form, calling Barnabas Zeus and Paul Hermes because Paul was the chief speaker. Easton's Bible Dictionary (1897) uses the Roman names Jupiter and Mercury, and says Barnabas was probably taken for Jupiter because of a stately, venerable appearance; of the local speech, it says the language was probably ancient Assyrian, though others have thought it a corrupt Greek mixed with Syriac words.Sources: the Bible text itself · Lystra · Lycaonia
- This passage through Lycaonia belongs to Paul's first missionary journey, which a timeline dates to AD 45 and about a year. Easton's Bible Dictionary (1897) notes that Paul did not suffer persecution at Derbe; from there he and Barnabas returned to Lystra, Iconium, and Pisidian Antioch to strengthen the disciples and appoint elders, then passed on through Pisidia.Sources: First Missionary Journey · Derbe · Antioch (Pisidia) · the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Iconium · Today: Konya · 37.872, 32.492 · verses 1, 19, 21
- Lycaonia · 38.000, 33.000 · verses 6, 11
- Lystra · Today: Tel Lystra · 37.602, 32.338 · verses 6, 8, 21
- Antioch · Today: Antioch in Pisidia · 38.306, 31.189 · verses 19, 21
- Pamphylia · 37.000, 31.000 · verse 24
- Pisidia · 38.306, 31.189 · verse 24
- Attalia · Today: Antalya · 36.881, 30.704 · verses 25, 26
- Perga · 36.960, 30.854 · verse 25
- Antioch · Today: Antioch on the Orontes · 36.227, 36.172 · verses 26, 27
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org