Acts 11
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Pheexroos Waan Hojjatame Wolde'a Yerusaalemiititti Hime
1Ergantootaa fi dhugeeffattooti biyya Yihuda'aa keessaa, worri Yihudoota hin te'inille Jecha Waaqaa akka fudhatane dhage'ane. 2Maarre Pheexroos yennaa gara Yerusaalemii ol dhaqe, Yihudooti dhugeeffatane isatti mormanee, 3«Ati mana worra haqanqabaa hin qabatinii dhaxxee, isaan wolille'een nyaatte» jedhane. 4Pheexroos ammoo, waan te'e mara tokko tokkoon isaanitti himuu jalqabee:
5«Ani qachaa Yophe'ee keessatti adoo daadimatiisatti jiruu, galaalchee mudhii dhagge. Wonni akka woyaa guddo'oo fakkaattu roga afuriinuu ol gubbaa irraa dhuttee, na cinaa buute. 6Ani hubadhee yennaa ilaale, woyaa san keessa horii miila afur qabu, bineensota, bineensota gadha'aan lowanuu fi sinbirroota koolaan ka'anu dhagge. 7Achiin duuba qoonqoo, ‹Pheexroos, ka'i; bineensota kana qaladhuutii nyaadhu!› jettu dhage'e. 8Ani ammoo, ‹Hin teetu, Gootta'a! Wonni aadaa dhugeeffanna'aatiin qulqulluu hin te'in yookiin wonni battiin afaan kiyya seentee hin beettu› jedhe. 9Ammalle qoonqoon ol-gubbaa irraa, ‹Waan Waaqi qulqulleesse, ati akka batti'ii hin laakkowin› anaan jette. 10Tun yennaa sad teeteen duuba, wonni sun duudiin gara ol-gubba'aa fudhatante. 11Yennaa san namooti sad ka Qiisaariyaa irraa gara kiyya ergamane, gara mana ani turee dhufane. 12Ayyaanni Woyyichi akka ani mama malee isaan woliin deemu natti hime. Dhugeeffattooti jaan ka as na bira jiranulle na woliin dhaqanee, duudiin keenna mana Qorneelewosii seenne. 13Qorneelewosille, ergamaan Waaqaa mana isaa keessa dhaabbateeruun akka dhaggee fi ergantichi isaan, ‹Gara Yophe'ee nama ergiitii, Simoon ka Pheexroos jedhamu waansisi; 14inni dubbii atii fi worri keeti duudiin ittiin fayyitanu hin dubbata› akka jedheen nutti hime. 15Yennaa ani dubbatiisa jalqabe, Ayyaanni Woyyichi akkuma jalqaba nu irratti bu'e, isaan irralle'etti bu'e. 16Yennaa san waan Goottaan, ‹Yohaannis bisaaniin cuuphe, isin ammoo Ayyaana Woyyichaan cuuphantan› jedhe qaabadhe. 17Waaqi yennaa nuuti Goottaa Yesuus Kiristoositti dhugeeffanne kennansuma nu'uuf kenne san, isaan worra Yihudoota hin te'iniifille eega kenne, ka Waaqa dhooggu ani eennu ree?» jedhe.
18Isaan yennaa tana dhage'ane, moromaa lakkisanee, «Waaqi worra Yihudoota hin te'inille akka cubbuu irraa deebi'anee jiraatanu carraa kenneera» jedhanee Waaqa leellisane.
Wolde'a Kiristaana Anxokiyaa Keessaa
19Miidhaa yennaa Isxifaanos ijjeefame ka'een, dhugeeffattooti bittinnowane haga qachaa Finiqee, Qophiroosii fi Anxokiyaa deemanee, Jecha Waaqaa worra Yihudootaa calla'aaf himane. 20Te'uu malee dhugeeffattooti qachaa Qophiroosiitii fi Qareena'aatii dhufane gariin, gara qachaa Anxokiya'aa yennaa dhufane, worra Giriikootaalle'eef Oduu Gammadaa ta marroo Goottaa Yesuusii himane. 21Goottaan hunna ifiitiin isaan qarqaare; kolbaan hedduulle dhugeeffattee gara Gootta'aa deebite.
22Wolde'i kiristaanaa ka Yerusaalem keessaa oduu tana dhage'ee, Baarnaabaas gara Anxokiya'aa erge. 23Inni achi geyee, Waaqi attam kolbaa akka badhaase yennaa dhagge, gammadee, duudiinuu gadhaa tokkoon Gootta'aaf addatamanee akka jabaatanu itti gorse. 24Baarnaabaas nama arjaa Ayyaana Woyyichaa fi dhugeeffanna'aan guutame waan te'eef, kolbaan hedduun gara Gootta'aa deebite.
25Achiin duuba Baarnaabaas Saa'ol barbaadiisaaf gara Xarseesii dhaqe. 26Yennaa isa dhagge gara Anxokiya'aa isa fidee, woggaa guutuu isaan lamaanuu wolde'a Kiristaanaa woliin gumii hedduu barsiisane. Dhugeeffattooti qaraa Anxokiya'atti, «Kiristaanota» jedhamanee waamamane.
27Yennaa san raagoti gariin Yerusaalemii gara Anxokiya'atti gad bu'ane. 28Isaan keessaa tokkochi Agaabos ka jedhamu ka'ee, biyya lafaa duudii irratti beelti jadduun akka bu'aartu, Ayyaana Woyyichaan raaga dubbate; kunille bara Kilaawudiiyos mootii te'eerutti muummowe. 29Barattooti tokko tokkoonuu akkuma dandeettii ifiititti, dhugeeffattoota Yihudaa keessa leetu qarqaariisaaf murteeffatte. 30Isaan tana godhanee, achiin duuba beesee karaa Baarnaabaasiitii fi Saa'oliitiin gara jaarsota wolde'a Kiristaanaa ergane.

Did you know?
Gentiles Welcomed and the Name Christian
- When Peter went up to Jerusalem, circumcised believers took issue with him for visiting uncircumcised men and eating with them. He told how, while praying in Joppa, the chief seaport of Judea, thirty miles northwest of Jerusalem, he saw a vision, and how the Holy Spirit then fell on a household in Caesarea, the Roman capital of Judea and its great Gentile city. A chronology of these events dates that defense to AD 38.Sources: the Bible text itself · Joppa · Caesarea · Peter defends Gentile salvation
- People scattered by the persecution that began with Stephen, the first Christian martyr, traveled as far as Phoenicia, Cyprus, and Antioch, at first speaking only to Jews. Antioch, on the river Orontes about sixteen miles from the Mediterranean and some three hundred miles north of Jerusalem, was the metropolis of Syria and ranked third in importance among cities of the Roman empire, after Rome and Alexandria; it was called the first city of the East. There the disciples were first called Christians, which one chronology places in AD 40.Sources: the Bible text itself · Stephen · Antioch (Syria) · Disciples first called Christians
- The church in Jerusalem sent Barnabas, a Levite from Cyprus whom the account calls a good man, full of the Holy Spirit and faith; he found Saul in Tarsus and brought him to Antioch, where they taught the church for a full year. The prophet Agabus then predicted through the Spirit that a great famine would sweep across the whole world, which the narrative says happened under Claudius. Easton's Bible Dictionary (1897) identifies Claudius as the fourth Roman emperor, who succeeded Caligula in AD 41 and died in AD 54, and the disciples sent relief to the brothers in Judea with Barnabas and Saul.Sources: the Bible text itself · Barnabas · Agabus · Claudius (4th Roman Emperor)
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Judea · Today: Judea 1 · 31.777, 35.234 · verses 1, 29
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 2, 22, 27, 30
- Joppa · Today: Jaffa · 32.054, 34.753 · verses 5, 13
- Caesarea · Today: Caesarea Maritima · 32.500, 34.892 · verse 11
- Antioch · Today: Antioch on the Orontes · 36.227, 36.172 · verses 19, 20, 22, 26, 27, 29
- Cyprus · 35.000, 33.000 · verses 19, 20
- Phoenicia · 33.271, 35.196 · verse 19
- Cyrene · 32.821, 21.851 · verse 20
- Tarsus · 36.913, 34.892 · verse 25
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org